Finfinnee: Barattuu Siifan Mahaammad kan dhalattee guddatte Godina Jimmaa, aanaa Shabee Sombootti. Barattoota qabxii olaanaa galmeessisuun dorgommiidhaan Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaatti barataa jiran keessaa ishee tokko yommuu taatu, shamarrummaafi barnoota ilaalchisee Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin turtii taasisteetti.
Haalli jiruufi jireenyaa akkasumas faasilitiin mana barumsaa amma Siifan itti barataa jirtuu kan aanaa irraa dhuftee wajjin yommuu walbira qabamu fardaafi lafa. Mana barumsaa kana keessa meeshaaleen barnootaa, haalli barumsi itti kennamuufi haalli jireenyaa kana hafee hinqabu. Garuu, as ga’uuf cimtee hojjechuunshee ka’umsa akka ta’eef dubbatti.
Wayita gara godinaatti gad bu’amu rakkoon shamarranii dachaa ta’uu mala. Nama hindandamanneef gufuun bakka ka’anitti nama hambisus hedduudha kan jettu barattuun tun; ta’us namni karaa fagoo imaluu yaadu gufuu yerootiin deemsasaarraa boodatti akka hinjenne gorsiti. Manni barumsaa har’a itti barataa jirus qulqullina barnootaaf xiyyeeffannaa addaa waan kennuuf imalashee fuulduraatiif galtee guddaa akka ta’uuf abdatti.
Barattuu Siifan har’a Jimma osoo hintaane waan Bishooftuu jirtuuf akka kaleessaa warrashii hojii gargaaruuf hindhiphattu, yaadnishee guutuun barnootaafi milkaa’ina egereerratti hiriireera. Barnootaan booda akka bashannanaattis ta’e beekumsa gabbifachuutti yerooshee kan dabarsitu mana kitaabaatti qofa.
Qabxii olaanaa fiddee akka barattoota Ministira Muummee Doktar Abiyyiin carraan barnoota alaa kennameef ta’uun kaayyooshee isa ijoodha. Qabxii olaanaan eebbifamanii mana barumsaafi biyya maqaa waamsisuunis hawwii keessashee bulee hojiin dabaalamaa jiruudha.
Milkaa’inni haala mijataa yookiin gufuuwwan har’a jiru qofaan osoo hin taane ifaaja nama dhuunfaan safarama kan jedhan ammoo Hogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisooti. Isaanis kana kan ibsan feestivaalii manneen barnoota Ifa Boruu Bultii Addaafi Manneen Barnoota Addaa sadarkaa 2ffaa tibbana Adaamaatti taasifamerratti.
Doktar Tolaan saayintistii Itoophiyaa Doktar Biraanuu Bulchaa kan barana meeshaa addeessarra bishaan jiraachuu mul’isu argate waliin turtii taasisuu eeranii; saayintistiin idil addunyaatti argannoowwan ajaa’ibsiisoo jaha argate kun hanga kutaa 1ffaatti Finfinnee, mana barumsaa hiyyeessotni itti baratanitti barachuu ibsaniiru.
Dhalootni yeroo hunda bakka ga’uuf yaade ilaalee imaluufi xiiqeffatee hojjetu milkaa’uunsaa shakkii akka hinqabne Doktar Biraanuun fakkeenya gaarii ta’uu kaasanii; mootummaan naannoo Oromiyaas mul’ata dhalootaa dhugoomsuuf barnootarratti xiyyeeffannaa addaatiin hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015
One Comment to “ Bakka ka’anirra lafa ga’antu murteessaadha”
Comments are closed.