“Namni iddoo guddaa kan gahu carraadhaan utuu hintaane mul’ata sirrii qabaachuuni” -Pirofeesar Natsaannat Warqinaa Giddii

Keessummaan Bariisaa torban kanaa hayyoota baruufi barsiisuun, qorannoofi tajaajila hawaasaatiin bu’aa olaanaa galmeessisuun Bitootessa 15 bara 2015 Yunivarsitii Jimmaarraa sadarkaa guddina Pirofeesarummaa guutuu argatan shanan keessaa tokko kan ta’aniifi yeroo ammaa Pirezidaantii Ittaantuu Qorannoofi Tajaajila Hawaasaa Yunivarsitii Jimmaa ta’anii tajaajilaa kan jiran Pirofeesar Natsaannat Warqinaa Giddiiti. Pirofeesar Natsaannat sadarkaa guddinaa kana kan argatan Yaalaafi Fayyaa Daa’immaaniitiin yoo ta’u, gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa torban darbe keessumaa dhimma fayyaa daa’immaniifi haadholiirratti xiyyeeffachuun isaan waliin taasise akka armaan gadiitti qindeessinee isiniif dhiyeessineerra.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, sadarkaa barnootaafi muuxannoo hojii keessanii gabaabaatti utuu nuuf ibsitanii?

Pirofeesar Natsaannat: Naannoo Oromiyaa, Godina Buunnoo Beddellee, Magaalaa Beddelleettin dhaladhee guddadhe. Barumsa koo sadarkaa 1ffaa Mana Barumsaa Raas Tasammaa jedhamutti, sadarkaa 2ffaa ammoo Mana Barumsaa Beddellee sadarkaa 2ffaattin baradhe. Bara 1990 barumsa sadarkaa lammaffaa xumureen Yunivarsiitii Jimmaatti digirii koo jalqabaa ‘Medicine’ baradhee xumureen hakiimii daa’immanii ta’een Yunivarsiitii Jimmaatti hojii eegale. Isa booda ispeeshaalaayzeeshinii koo Yaalaafi Fayyaa Daa’immaaniitiin ‘Pediatrics and Child Health’ irrattan hojjedhe. Isa booda digirii sadaffaa ‘PhD’ koo ‘”Medical research, International health” dhaan biyya Jarmaniitti baradheera.

Yunivarsitii Jimmaatti barsiistuu ta’ee waggoota dheeraaf tajaajilaa tureera. Waggoota shaniif Dursaa Muummee Dippaartimantii ta’uun, waggaa tokkoof ammoo Daariktara digirii 2ffaa ta’ee tajaajilaa tureera. Yeroo ammaa immoo Pirezidaantii Ittaantuu Qorannoofi Tajaajila Hawaasaa Yunivarsitii Jimmaa ta’een tajaajilaa jira.

Bariisaa: Dur yeroo mana barumsaa barattan maal ta’uu hawwaa turtan?

Pirofeesar Natsaannat: Dur yeroon mana barumsaa sadarkaa 2ffaa baradhu akaakuu barnootaa Baayoloojii baay’ee waanan jaalladhuufi barsiisaan yeros nu barsiisus sirriitti waan nu barsiisaa tureef barsiistuu Baayolojii ta’uun barbaadan ture. Yeroon bara 1990 kutaa 12ffaa xumure Obboleettiin koofi namoonni biroon akkan hakiimii ta’uuf na gorsaafi natti himaa turan. Anis gorsa isaanii fudhachuun Yunivarsiitii Jimmaatti ‘Medicine’ baradheen bara 1997 eebbifame. Isa booda ispeeshaalaayizeeshinii koos hakiimii daa’immanii Wal’aansaafi fayyaa Daa’immaniirrattin hojjedhe. Dhimma fayyaa daa’immaniirratti qorannoo gara garaas hojjedheera.

Bariisaa: Fayyaa daa’immaniin walqabatee rakkooleen mul’ataniifi xiyyeeffannoo barbaadan maalfaadha?

Pirofeesar Natsaannat: Biyya keenyatti dhibeen daa’immanii hedduun ittisuuun kan danda’amuudha. Daa’imman biyya keenyaa hedduun qulqullina, nyaata madaalamaafi guddisa sirrii ta’e dhabuudhaan dhibeewwan gara garaaf saaxilamu. Ani daa’imman dhukkubsatan yaaluu caalaa dhibee daa’immanii dursanii ittisuurratti hojjechuun jaalladha. Ummata barsiisuun akkaataa itti guddinni ijoollee fooyya’uu danda’urratti hojjechaan jira; kitaaba guddina ijoollee fooyyessuufi fayyaa daa’immanii akka eegnuuf nugargaarus barreessaan jira. Gara fuulduraattis tarsiimoo dhukkuboota tokko tokko ittiin balleessinuufi to’annurratti hojjechuun barbaada.

Bariisaa: Dhibeewwan daa’imman biyya keenyaa miidhaa jiran maalfaadha? Haala kamiin ittisuun danda’ama?

Pirofeesar Natsaannat: Ijoolleen dhukkubsachuun uumamaan kanuma jiruudha. Dandeettiin dhibee ofirraa ittisuu daa’immanii cimaa waan hintaaneef daa’imman irra deddeebiin dhibeewwan akka utaalloo, garaa kaasaafi qufaan qabamu. Daa’imman dhukkuboota kanaan qabamanis hedduun utuu qorichi hinfudhatiin hordoffii, deggersaafi kunuunsa fayyaa maatiin mana keessatti taasisaniifiin fayyu. Keessumaa daa’imman baadiyyaa biyya keenyaa sababa hanqina qulqullinaafi nyaata gahaa dhabuudhaan dhibeewwan gara garaatiif saaxilamaa jiru. Kanaafuu qulqullina daa’immanii, naannawaafi nyaataa eeguun daa’immaniif nyaata madaala’aa kennuufiin maloota dhibee dursanii ittisuuti waan ta’eef maatiin dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuun irratti hojjechuu qabu.

Daa’imman Itoophiyaa keessa jiran keessaa %50 kan ta’an sababa hanqina nyaataafi kunuunsa gahaa hinqabneef dheerinni isaanii umurii isaanii waliin hindeemu ykn ni gabaabbatu. Hanqinni nyaata madaalamaafi kunuunsa daa’immanii kun qaama isaanii qofarratti utuu hintaane dandeettii sammmuu isaaniirrattis dhiibbaa uumaa jira.

Daa’imman kunuunsaafi nyaata gahaa hinarganne yeroo guddatan dandeettii uumamaan qaban bira gahuu hindanda’an. Hanqinni kunuunsaafi nyaataa keessumaa daa’imman waggaa sadii gad jiran irra qaqqabu miidhaa umurii guutuu isaanirraan gahuu danda’a; dandeettii yaaduu, barachuufi hojjechuusaaniirrattis dhiibbaa guddaa uuma.

Daa’imman nyaataafi kunuunsa barbaachisu dhabuudhaan namni saayintistii ta’ee dhalate kadhataa ta’uu danda’a. Kanaafuu daa’imman nyaataafi kunuunsa barbaachisu argachuu qabu. Hawaasnis daa’imman maatiinsaanii harka qalleessa ta’aniif jaalala, kunuunsaafi nyaata isaaniif barbaachisu akka argatan taasisuu qaba. Maatiinis daa’immaniif eegumsa, kunuunsaafi nyaata gahaa akka argatan taasisuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu.

Bariisaa: Keessumaa hanqinni nyaataa guddina, fayyaafi sammuu daa’immaniirratti dhiibbaa akkamii geessisuu danda’a?

Pirofeesar Natsaannat: Hanqinni nyaataa miidhaa guddaa kan qaqqabsiisu umurii daa’immummaarratti. Sammuun daa’imaa hanga waggaa lamaatti %80n guddata. Yeroo sammuun daa’immanii haala ariifachiisaan guddatu kanatti daa’imman nyaata gahaa yoo dhaban umuriisaanii guutuu dandeettii uumamaan qaban fayyadamuu hindanda’an. Kana jechuun hanqinni nyaataa daa’immanii miidhaa sammuu umuriisaanii guutuuf isaan saaxila; barumsa isaaniirrattis cimoo akka hintaane isaan godha. Daa’imman dhalatanii hanga waggaa lamaafi sadiitti kunuunsaafi eegumsa ga’aa argachuu akkasaan barbaadan namoonni baay’een waan hinbeekneef ijoolleen carraadhuma guddatti jedhanii dubbatu. Kun ilaacha sirrachuu qabuudha.

Daa’imman hanga waggaa sadiitti nyaata gahaa dhabanii miidhaman utuma akkam nyaata gahaa kennineefiillee fayyuu dhiisuu danda’u. Daa’imman hanga waggaa sadiitti nyaata gahaa hinarganne yeroo mana barumsaa seenan barsiisaa sirriitti hordofuufi waan baratan sirriitti yaadachuu waan hindandeenyeef qabxii gaarii galmeessisuu dhiisuu danda’u. Kunuunsi, eegumsiifi nyaatni gahaan daa’imman waggaa sadii gadiif taasifamuuifi kennamu umuriisaanii guutuu waan gargaaruuf maatiin asirratti hubannoo gahaa argachuu qabu.

Bariisaa: Harmi haadhaa fayyaafi guddina daa’immaniif hangam murteessaadha?

Pirofeesar Natsaannat: Daa’imman dhalatanii hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa qofa hodhuu waan qabaniif bishaanillee kennuufiin sirrii miti. Harmi haadhaa nyaataafi bishaan gahaa waan qabuuf daa’ima ji’a ja’aa gad jiruuf gahaadha. Daa’imman hanga ji’a ja’aatti harma haadhaafi qoricha hakiimiin ajajeefiin ala waan biraa kennuufiin hinbarbaachisu. Daa’imman ji’a ja’a boodaa hanga waggaa lamaatti nyaata dabalataafi harma haadhaa kan argatan yoo ta’e guddina isaaniif baay’ee barbaachisaadha. Harmi haadhaa daa’imaaf nyaata qofa utuu hintaane akkaataa isheen itti hoosiftu, hoo’inni qaama haadhaallee haadhaafi daa’ima gidduutti jaalala cimaa uuma. Nyaatni gahaan daa’imman hanga waggaa lamaatti jiraniif kennamu guddinaafi nageenya sammuusaaniitiif baay’ee barbaachisaadha. Kanaafuu harmi haadhaa fayyummaafi guddina daa’imman hanga waggaa lamaatti jiraniif daran murteessaadha.

Bariisaa: Fayyummaan haadhaa fayyummaa daa’imaa mirkaneessuu keessatti gahee akkamii qaba?

Pirofeesar Natsaannat: Fayyummaan haadhaa fayyummaa daa’imaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf haati tokko utuu hinulfaa’in dura fayyummaashee hordofuu qabdi. Hanqina maayikiroo niwutirentii kanneen akka ayoodiinii, vaayitaamiinii, foolik asiidii utuu qabduu yoo ulfoofte daa’imarratti miidhaa fiduu danda’a. Haati tokko utuu hinulfaa’in, erga ulfoofteefi deessee booda nyaata madaalamaa argachuufi fayyummaashee sirriitti eeggachuu qabdi. Fayyummaan haadhaa fayyummaa daa’imashee eeguufi kunuunsuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Haati tokko erga deessee booda yeroo daa’imashee harma hoosistus nyaata madaalamaa argachuu qabdi. Haati fayyaa yoo hintaane fayyummaa daa’imaarratti miidhaa guddaa qaqqabsiisa. Kanaafuu haati tokko utuu hinulfaa’in dura, erga ulfoofteefi deessee booda nyaata madaalamaa argachuufi fayyummaasee sirriitti eeggachuu qabdi. Haadha fayyaatu mucaashee sirriitti eeguufi kunuunsuu danda’a waan ta’eef fayyummaa haadhaa mirkaneessuun fayyummaa daa’imaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uun hubatamee sirriitti irratti hojjetamuu qaba.

Bariisaa: Nyaatni madaalamaan hangam fayyummaafi guddina namaatiif barbaachisaadha?

Pirofeesar Natsaannat: Nyaatni madaalamaan fayyummaa nama hundaatiif baay’ee barbaachisaadha. Namni guddaan jiraachuudhaaf nyaata. Daa’imman garuu jiraachuuf, guddina qaamaafi sammuutiif nyaatu. Guddinni hojjaa dhiiraa waggaa 24 booda, kan dubaraa ammoo waggaa 16 booda ni dhaabbata. Kanaafuu ijoollee guddinarra jiran nyaatni madaalamaafi gahaa argachuu qabu. Nyaatni madaalamaafi gahaan keessumaa daa’imman waggaa lamaa hanga sadiitti jiraniif baay’ee barbaachisaadha. Ijoolleerratti invasti gochuudhaan, nyaata ga’aa akka argatan gochuun ijoollee barumsasaaniitti ciccimoo ta’aniifi biyyattii jijjiiran akka qabaannu ykn horannu nu taasisa.

Bariisaa: Nyaata madaalamaa kan jennu kan akkamiiti?

Pirofeesar Natsaannat: Nyaata madaalamaa jechuun nyaata akaakuu adda addaa jechuudha malee foon ykn buuphaa qofa jechuu miti. Nyaata madaalamaa jechuun nyaata pirootiinii, albuuda, kaarboohaayidireetii, coomaafi zayitii qabuudha. Nyaata madaalamaa jechuun akaakuuwwan nyaataa adda addaa gabaarra jiraniidha. Ijoolleen guddinarra jiraniif pirootiiniin murteessaadha. Pirootiiniin ammoo akaakuuwwan nyaataa kanneen akka hanqaaquu, baaqilaa, avokaadoo, aannan, fooniifi kan kana fakkaatan keessatti argama.

Boqqolloo, xaafii, qamadiifi kan kana fakkaatan ammoo nyaata kaarboohaaydireetii kan of keessaa qabaniidha. Vaayitaamiiniin ammoo fuduraalee keessaa argamu. Fuduraaleen bishaan baay’ee of keessaa waan qabaniif akka nyaataatti hingargaaran. Kanaafuu ijoolleedhaaf nyaata gara biraa erga kennineefii booda fuduraalee kennuufii qabna. Nyaata madaalamaa jechuun gosoota nyaata adda addaa guyyaa guyyaan soorachuufi ijoolleedhaaf kennuudha. Xuuxxoon immoo dhibee gara garaa waan daddabarsuuf daa’imman aannan kubbaayyaadhaan akka dhugan taasisuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Fayyummaafi guddina daa’immanii sirriitti eeguu ilaachisee maatiif ergaa yoo qabaattan?

Pirofeesar Natsaannat: Maatiin utuu hinqophaa’in daa’ima godhachuu hinqaban. Maatiin utuu ofiisaaniitii jireenya gaarii utuu hinqabaatin daa’ima gara jireenyaatti fiduu hinqaban. Maatiin utuu galii gahaa ittiin ijoolleesaa guddisu utuu hinqabaatin daa’ima godhachuu hinqaban. Daa’ima godhatanii guddisuun ittigaafatamummaa cimaa barbaada. Ijoolleen carraadhaan utuu hintaane eegumsaafi kunuunsa cimaadhaan guddachuu qabu. Ijoolleen carraadhaan guddatti kan jedhu ilaalcha dogoggoraa cabuu qabuudha. Maatiin ofiisaaniitii rakkatanii ijoollee gara rakkinaatti fiduu hinqaban.

Maatiin utuu ijoolleen nyaattee hinquufin dursanii nyaachuu hinqaban. Maatiin ijoollee waliinis nyaachuu hinqaban. Maatiin ijoollee waliin kan nyaatan yoo ta’e namni gurguddaan dafee nyaatee ijoolleen utuu taphatanii utuu hin nyaatin ykn hinquufin hafu. Kanaafuu maatiin ijoolleessaaniitiif nyaata qofa qofaatti kennuufi hanga isaan nyaatanillee hodofuu qabu. Ijoolleen guyyaatti yeroo shan nyaachuu qabu. Ijoolleen akka nama guddaa guyyaatti yeroo lama ykn sadii qofa nyaachuu hinqaban. Yoo maatiin harka qalleessa ta’anii ijoolleesaanii nyaachisuu dadhabanillee ollaafi hawaasni walgargaaranii ijoollee guddisuufi nyaachisuu qabu.

Yoo maatiin harka qalleessa ta’anii ijoolleessaaniitiif nyaataafi kunuunsa barbaachisu dhiyeessuufi taasisuufii dadhaban ollaafi hawaasni naannawaa ijoollee rakkoo keessa jiran akka nama hinargineetti bira darbuu hinqaban. Rakkoon kun bal’inaan waan mul’atuuf eegumsaafi kunuunsa daa’immaniif dursa kennuu qabna.

Bariisaa: Akka Itoophiyaatti dhibeefi du’i daa’immanii dabalaa moo hir’achaa jiraa ?

Pirofeesar Natsaannat: Biyya keenyatti yeroo dhiyoo asi dhukkubniifi du’i daa’immanii hir’achaa jira. Talaalliiwwan adda addaa daa’immaniif kennamaa waan jiraniif dhibeen daa’ima tokkorraa gara daa’ima biraatti darbus gad bu’aa jira. Rakkoon nyaata gahaa dhabuu garuu sadarkaa barbaadameen hir’achaa hinjiru. Ijoolleen nyaataafi kunuunsa gahaa argachaa hinjirres baay’eedha. Kanaafuu daa’imman nyaataafi kunuunsa gahaa akka argatan taasisuurratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaadha.

Talaalliin dhukkuba hedduu akka to’annuuf nu gargaareera; dhukubni talaalliidhaan badellee ni jira. Daa’imman talaallii argachuun mirga isaanii waan ta’eefi talaalliin dhukkuba ittisuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf maatiin hunduu ijoolleessaanii utuu walirraa hinkutiin talaalchisuu qabu.

Bariisaa: Hawaasni keessumaa waa’ee fayyaa daa’immanii eeguurratti hubannoo gahaa akka argatuuf wanti hojjechaa jirtan yoo jiraate?

Pirofeesar Natsaannat: Hawaasni waa’ee fayyaa daa’immaniirratti hubannoo gahaa akka qabaatuuf kitaaba lama qopheessaan jira. Inni tokkoffaan gara dhumaarra jira waan ta’eef ji’oota muraasa booda gabaarra oola. Qabiyyeen kitaabichaa kunuunsa daa’immanii hanga waggaa lamaatti taasifamurratti xiyyeeffata. Kitaaba isa lammaffaarratti ammoo daa’imman waggaa lamarra darbaniif eegumsaafi kunuunsa akkamiitu barbaachisa kan jedhu ammoo itti fufeen kitaaba koo lammaffaa keessatti barreessa. Kitaaboleen lamaan fayyaa, eegumsaafi kunuunsa daa’immaniirratti xiyyeeffatu.

Bariisaa: Dargaggoonni, dubartoo nniiifi namoonni biroon sadarkaa barnootaafi hojii adda addaarra jiran isinnirraa maal barachuu qabu?

Pirofeesar Natsaannat: Namni guddina kan jalqabu yeroo guddinni qaamaa ykn hojjeensaa dhaabatuudha jedheen amana. Namni baay’een guddina jedhee kan fudhatu qaamaan guddachuu qofaadha. Namni sirriitti dandeettiisaa hubatee hojjechuu kan jalqabu waggaa 18 booda. Ofiis ta’e biyya jijjiiruuf kitaabolee gara garaa dubbisuun barbaachisaadha. Ani amala guyyaa guyyaan kitaabota gara garaa dubbisuun qaba. yeroon kitaaba dubbisu waanan beekuufi hinbeekne addan baafadha. Ani ofirratti hojjechaan of guddisaa sadarkaa kanarra gahe. Namnoonni ani digirii ykn ‘PhD’ qaba jedhanii yoo dubbisuu dhaaban bu’aafi jijjiirama barbaachisu fiduu hindanda’an. Barumsi waan dhumu miti. Kanaafuu namni umuriisaa guutuu dubbisuu qaba. Waan dubbisanii hubatan ammoo barreessanii nama biraaf dabarsuun barbaachisaadha.

Biyyoota guddatan keessatti namoonni baay’een kitaaba ni barreessu; namoonni baay’eenis kitaaba ni dubbisu. Biyyoota guddatan keessatti kitaaba dubbisuun akkuma nyaataafi dhugaatiiti. Namni jiraachuuf yeroo hundaa ni nyaata; ni dhugas. Akkuma nyaatni qaama keenyaaf barbaachisu kitaaba dubbisuun ammoo sammuu keenya guddisuuf baay’ee barbaachisaadha. Kanaafuu dargaggoonni, shamarran, dubartoonniifi kutaaleen hawaasaa barumsaafi sadarkaa hojii gara garaarra jiran yeroo hundumaa dubbisuufi dandeettii isaanii baasanii hojjechuun waan isaaniifis ta’e biyyaaf tolu hojjechuu qabu.

Yeroo hunda waa’ee siyaasaa qofa faarsaa ooluun yeroo ofii gubuurraa kan hafe bu’aa hinqabu. Garaagarummaan nama milkaa’eefi hinmilkoofne gidduu jiru akkaataa itti fayyadama yerooti. Namni hundinuu yeroo walqixa qaba; ittifayyadamuurratti garuu garaa garummaa guddaatu jira. Namni yeroosaa eegee sirriitti fayyadamu ni milkaa’a; kan yeroosaa gubu ammoo eessayyuu hinga’u. Namni carraadhaan utuu hintaane, karoorfatee, murteessee yeroosaa sirriitti fayyadamuun dadhabee hojjeteetu jijjiirama.

Bariisaa: Xumurarratti ergaa waliigalaa yoo qabaattan?

Pirofeesar Natsaannat: Ani waa’ee walqixxummaa koorniyaarrattin ergaa dabarsuu barbaada. Akkuma beekamu biyyoota baay’ee keessatti dubartoonni ni hacuucamu. Miidhaan gama koorniyaatiin dubartootarra gahu ammoo dubartoota qofa utuu hintaane biyyoota walqixxummaa koorniyaa hinmirkaneessines ni miidha. Kanaafuu walqixxummaa koorniyaafi mirga dubartootaa kabajuun baay’ee barbaachisaadha. Dubartoonnis dhiironnis nama; kan dursu nama ta’uudha malee koorinyaa miti.

Dubartoonnis ta’e dhiironnis waan yaadan bira gahuudhaaf mul’ata sirrii ta’e qabaachuufi cimanii hojjechuu qabu. Kana gochuudhaan namni iddoo barbaade gahuu akka danda’u jireenya koo keessatti argeera. Biyya kamittiyyuu namni iddoo guddaa gaheefi jijjiirama guddaa fide carraadhaan utuu hintaane mul’ata sirrii ta’e qabaatee nama cimee barateefi hojjeteedha. Hojjetanii jijjiiramuufi jijjiirama fuduudhaaf waan jaallatan qofa utuu hintaane waan barbaachisu hunda raawwachuun barbaachisaadha. Utuu dadhabanii hinhojjetiin bu’aan eegamu hinjiru; bakka barbaadanis gahuun hindanda’amu. Bakka yaadan ga’uuf dadhabanii kutannoodhaan hojjechuutu barbaachisa.

Miidiyaan hawaasummaa faayidaas miidhaas ni qaba. Miidiyaan hawaasummaarraa dargaggoota waan isaan hinfayyadne irraa ilaalaa oolaniif miidhaa guddaa qaba; dargaggoota waan isaan fayyadu ilaalaniif garuu faayidaa guddaa qaba. Dargaggoonni miidiyaa hawaasummaa yeroosaanii gubuuf utuu hintaane waan isaan fayyadu irraa argachuuf ilaaluu qabu. Miidiyaan hawaasummaa nama odeeffannoo isa fayyadu argachuu barbaaduuf haala mijataa uumeera. Kan yeroosaa gubuufi bashannanaaf qofa ilaaluufis carraa walqixa uumeera. Kanaafuu keessumaa dargaggoonni miidiyaa hawaasummaa bashannanaaf ykn yeroosaanii gubuuf utuu hintaane waan isaan fayyadu irraa argachuu itti fayyadamuu qabu. Dargaggoonni ofiisaanii, maatiifi biyya isaanii jijjiiruuf yeroosaanii qusatanii cimanii hojjechuu qabu.

Bariisaa: Yeroo keessan aarsaa gootanii gaafdeebii nu waliin taasiftaniif galatoomaa.

Pirofeesar Natsaannat: Anis kutaa qophii Gaazexaa Bariisaa baay’een galateeffadha.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 14 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “ “Namni iddoo guddaa kan gahu carraadhaan utuu hintaane mul’ata sirrii qabaachuuni” -Pirofeesar Natsaannat Warqinaa Giddii

  1. Pingback: mr fog vape
  2. Pingback: Sevink Molen
  3. Pingback: h07vvh6-f

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *