Keessumaa waggoota muraasaa as oggaa jechi diyaaspooraa jedhamu dhaga’amu ergaawwan sammuu namaa keessaa hinbadne guguddoo kanneen akka ni ga’aa (#no more), akkasumas ergaan, Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad, “Itoophiyaanonniifi michuuwwan Itoophiyaa guutuu addunyaatti argamtan waamicha biyyatti haagallu jedhutti akka makamtan isin afeerra. Mudde 29/2014tti namoota miliyoona tokko gara biyyaatti” jedhanfaa addadurummaan eeramu.
Gaazexaan Bariisaa deebii waamicha kanaaf diyaaspooraan kenne hubachuuf Ameerikaafi Siwiidinirraa dhalattoota Itoophiyaa lama dubbisee ture. Diyaaspooraan miidiyaalee adda addaarratti yaada bilchaataa kennuun beekamaniifi dhimma biyyasaanii dammaqinaan hordofan tokko akka “Deebiin keenya gaariidha. Waliigalaan sochii gaarii gochaa jirra. Dhimma Oromoos ta’e akka biyyaatti Itoophiyaa ilaallaturratti karaalee adda addaatiin sochii dhuunfaas ta’e garee gochaa jirra. Lammiileen Ameerikaa jiraatan waamicha Ministirri Muummeen taasisan gammadanii fudhachuun gamanumaa itti qophaa’aa jirra” jedhanii turan.
Dhugaa dubbachuuf keessumaa jijjiiramaa as kaka’umsi lammiileen Itoophiyaa waamicha mootummaan taasiseef fudhatanii aantummaan dhimma biyyasaanirratti agarsiisaa turaniifi jiran daran kan lammii boonseefi addunyaas ajaa’ibsiise ture.
Deeggarsi diyaaspooraan mootummaaf qabu dachaa hedduun dabaleera. Akkuma “bakka cite dhiiga” jedhamu san yeroo Itoophiyaafi ummannishii rakkoo keessa galanii gidiraa argaa turanitti diyaaspooraan ala jiru hiriira bahuun dhugaa biyyattii hawaasa addunyaaf ibsuun jabduu seenaan hindaganne raawwataniiru.
Oolmaa diyaaspooraa haqaaf haqaan biyyasaaniif falmaa turanii sirnaan kan hubate mootummaan Itoophiyaa dheengadda qaamolee guutummaa addunyaatti argaman kanneeniif bakka pirezidaantiin RFDI Saahilawarqi Zawudeefi Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Dammaqaa Makonnin argamanitti beekamtii maluuf yeroo jalqabaatiif kenneera.
Kanaanis gurmuulee diyaaspooraafi miseensota 52 kanneen biyyoota 25 keessaa babaniifi dhimmoota biyyaarratti hirmaannaa gaarii taasisaniif beekamtiin sirna ho’aadhaan kennameera.
Kunis, Itoophiyaan qaamolee biyyasaaniitiif waan gaarii raawwatan akka yaadattu kan agarsiise, mootummaanis diyaaspooraan biyyasaafi ummata wajjin walittidhiyaatee akka hojjetuuf haala gaarii kan uumeedha.
Hojii gaariin miseensonni diyaaspooraa guutummaa addunyaatti argaman wayita Itoophiyaan rakkoofi qormaanni ishee mudatetti biyyasaaniif raawwatan peennaa warqiitiin kan barreeffamuufi yeroo hunda seenaadhaan yaadatamu; beekamtichis hirmaannaa diyaaspooraa caalaatti guddisuudha.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015