Ayyaanonni amantiifi aadaa sochii turizimiif ni gumaachu

Charinnat Hundeessaatiin

Ayyaanonni aadaafi amantii dadammaqina damee turizimiitiif gumaacha olaanaa qabaachuunsaanii beekamaadha. Tibbi amma itti argamnus yeroo ayyaanonni Qilleefi Cuuphaa itti kabajamanidha.

Haala kabaja ayyaanota kanneenii ilaalchisuun Biiroon Aadaafi Turizimii Naannoo Amaaraa ibsa kenneen ayyaanonni kunniin milkaa’inaan akka raawwatamaniif qophii duraa gochaa jiraachuu eereera. Ayyaanonni kunniin dadammaqina sosochii turiizimii naannichaa keessatti shoora olaanaa kan qaban ta’uus ibseera.

Hogganaan biirichaa Obbo Xaahir Muhaammad ibsa kennaniin akka jedhanitti, ayyaanni Qillee naannawaawwan Itoophiyaa hundatti kabajamullee Magaalaa Laallibalaatti haala addaatiin kabajuuf qophiileen duraa taasifamaa jiru. Keessumaa turizimii weerara vaayirasii koronaatiin miidhamee ture cimsuuf qophii fooyya’aa gochaa jiraachuudha kan himan.

Ayyaanota Cuuphaa Magaalaa Gondar, Irraanbutii Shawaa Kaabaatti, fardeen Agawu Injibaaraatti kabajamaniifi kanneen biroo haala ho’aadhaan akka ayyaaneffamaniif biiroonsaanii qaamolee hoggansaa naannawaafi hawaasa wajjin hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.

Keessummoonni ayyaanota hundarratti hirmaatan beeksisa turizimii raawwachuun damicha jabeessuuf hojjechaa jiraachuus Obbo Xaahir eeraniiru. Baay’inni daaw’attootaa akka dabaluufis biiroonsaanii xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessumaa oggaa ayyaanonni magaalota Gondariifi Laallibalaatti kabajaman qaala’inni gatii hinbarbaachisne akka akka hinmudanneef hawaasa daldalaa wajjin kan mari’atamu ta’uus dubbataniiru.

Dhaabbileen tajaajila kennanis qophii ta’uusaaniifi haalli nageenya naannichaa amansiisaa ta’uu kan eeran hoggantichi, daaw’achiistotaafi waldaa hoteelotaa wajjin mari’achuun sochicha milkeessuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru.

Dorgommiin miidhagduu Amaaraa godinaaleetti adeemsifamaa tures sagantaa Cuuphaa booda Gondaritti gaggeeffamuun xumurama jedhan. Dorgomtoonni akka ambaasaaddara turizimii ta’anii ba’aniif leenji’aa jiraachuus beeksisaniiru.

BARIISAA SANBATAA Mudde 29 Bara 2015

Recommended For You