Gariin jiruufi jireenyatu oliif gadi oofa. Kaan bashananatu imalchiisa. Kaan kaayyotu dhamaasa. Kanaaf “imaltuun hinteessu” jedhu. “hiyyeessiifi qilleensi hin taa’u” warri jedhus ni jira. Silaayuu akkamiin taa’u? Jireenyi mataashiitiin daandiidha. Daandii xumura hinqabne. Cuftuu irra deema. Feermaataa gaafa dhaqaban irraa bu’uun dirqama. Abbaan dabaree ni yaaba. Haala kanaan addunyaan itti fufti.
“Ergan dhaladhee hinteenyee- bakka garaa koo hingeenye” jedhee weellisaan weelluu dhangalaasa; anillee akkasi. Namni biroos kanaan ala jedhee hin yaadu. Dhalli namaa ni yaada; ni karoorfata; ni raawwata; kan itti aanu karoorfata. Kun adeemsa walirraa hincinneedha. Kanaaf osoo bakka garaasaa hingahin duniyaansaa xumurama.
Anillee ergan dhaladhee hinteenye. Inuman imala-imala jireenyaa. Kaabaafi kibba, lixaafi baha, baddaafi gammoojjii, dirreefi tabba qaqqabeera. Jireenyatu na imalchiisa. Garuu bakka garaa koo hingeenye. Tarii akkamiin bakka garaan yaade gahuun danda’ama laata? gaaffii jamaati.
Imala koo kan umurii dheeraa ittifufeera. Miiltoowwan koo waliin. Jidduu kana biyya Afran Qalloon jira. Ilmaan afran Qalloo Oborraa, Baabbilee, Dagaafi Alaa waliinin dabarsaa jira. Waa’ee ilma gudeedaa (Lammii), ilma mixii, ilma barcumaa/gosaan dubbisaa jira. Kanarratti ogeessi antroopoloojiifi ilmi warra Afran Qalloo, Afandii Mutaqii waan misha barreesse. Dhimmichi ogeessa gosa sana keessaa baheen waan barreeffameef hidda Afran Qalloo hubachuuf nama gargaara. Burjaaja’iinsa irraa nama fura.
Kan natti tole hawaasa baadiyyaafi magaalaa, dargaggoofi shamarran, jaarsaafi jaartii waliinin oola. Ummatichi cinqii hinbeeku. Ifatti dubbata. Ifatti si qeeqa. Ifatti si galateeffata. Dhoksaafi dhodhoksaa hinqabu. Waan namatti toluudha.
Gaaddisaan miiltoo kooti. Mucaa warra Afran Qallooti. Gosa warra Arroojjiirraa akka dhalate natti himeera. Kana caala gadi fageessee hinbeeku. Magaalaatti dhalatee waan guddateef qofa osoo hintaane kana caala waan qotee hinqoratiniif latiisa gosa isaa sirriitti quba hinqabu.
Gurbaan kun sirboota Afaan Oromoo kan ijoollee Afran Qallloo kan durii eegalee kan hanga qeerrootti filaashii keessaa qaba. Kan weellistoota Maccaafi Tuulamaa, Sikkoo-Mandoo, Sabboofi Goonaa hedduu qaba. Kuusaa Sirboota Oromoo jennaan. Sirboota kanneennin nu bashannansiisaa qe’ee Afran Qalloo nu daawwachiisa.
Gaaddisaan nama qoosaa beekudha. Sirboota qofaan osoo hintaane qoosaa hawaasa Harargeetiin nu bashannansiisa. Harargeen hawaasa qaroodha. Gootummaallee qaba. Hagasumammoo hawaasa araada jimaatiin miidhameedha. Innis ofitti qoosa; namnis itti qoosa. Keessumattuu qoosaawwan jimaa waliin walqabatan kan ergaa gaggaariifi yaraa qaban heddu dhagahe. Gaaftokkon itti deebi’a. Amma gara sirbaatti.
Oromoo biratti maddi sirba ammayyaa Afaan Oromoo ijoollee Afran Qallooti. Baandii Afaan Oromoo kan jalqabaa kan hundeesse Ijoollee Afran Qallooti. ‘Baandii Afran Qalloo’ moggaasa baandichaati. Adeeroo Alii Birraa, biyyoon itti haa salphattuu, baandii kana keessaa bahee mootii muuziqaa Afaan Oromoo ta’e. Waa’ilootisaa kanneen akka Alii Shabboo, Abuubakar Muusaa, Abduraamaan Yusuuf, Ismaa’eel Mohaammad, Abdulahii Mohaammadiifi kkf Baandii Afran Qalloo waliin maqaansaanii bara baraan yaamama.
Nutis sirbootasaanii dhandhamachaa, seenaasaanii hanga beeknu waliif qoodaa, warreegama isaan kaffalanii Oromoo ifatti baasan yaadachaa, haaala jiruufi jireenyasaanii qoarachaa, seenaa tare yaadachaa, kan ammaa qaaccessaa, kan egeree raagaa Harargee keessa naannawaa jirra. Hojiin manaa baaneef maddiitti yaadannoo koo qabachaa, katabaan deema.
Sirba Alii Birraa, Qamar Yasuuf, Usumaayyoo Muusaa, Hamalmal Abaataa, Adinaan Mohaammad, Aliyyiifi kkf irra deddeebinee yeroo hedduu dhageenyeerra. Dhaggeeffachuu qofaa miti. Irratti haasofna. Ittiin seenaa, aadaa, jiruufi jireenya ummatichaa yaadannee walyaadachiisna. Takkaa gammadaa, takkaa gaddaa imalla. Haala kanaan torban tokko dabarsineerra. Boqonnaa imala keenya kan ammaa xumuruuf guyyoota muraasatu nu hafa. Boqonnaan biraamoo yeroosaa eeggatee, dabareesaa qabatee itti fufa. Jireenyi imala waan ta’eef.
Magaalota Harargee: Imala kana keessatti magaalota biyya Afran Qalloo keessa jiran guguddaas, jiddu galas xixiqqaas arguuf carraa argadheera. Kaan yeroo heddu itti deddeebi’eera. Kaan yeroo jalqabaatiifan arge. Magaalota Guguddoo keessaa Ciroo, Dirree Dhawaa, Harar ni argamu. Ciroodhaan ala lameen fooyyee qabu. Amalaafi bifa magaalaa qabu. Dirree Wayyaanetu daake malee magaalaa akka biyyaatti beekamtuudha. Amma lubbuu horachaa jirti. Mootummaan xiyyeeffannaa kennaatiif jira. Irriiba waggaa soddomaa keessaa ni dammaqxi jedhamee eegama. Abdii qabdi.
Magaalaan Harar Guddatteetti; babal’atteellee jirti. Teessoo Mootummaa Naannnoo Hararii ta’uunshii kan akka carraatti ilaalamuudha. Magaalaa Awwadaayiin daangeffamti. Bakka Hammaareessaa jedhamurraa kaatee bifa bareedaadhaan nama simatti. Keessoonshiillee fooyyee qaba. Magaalaa sabaafi sablammii kan Afaan Oromoo akka Afaan walii galteetti keessatti dubbatamuudha. Jiraattonnishii heddumminaan Oromoota. Garuu wantoota Oromoo ibsan keessatti hinagarre. Waajjiraalee Godina Harargee Bahaa malee.
Magaalaa guguddoo keessaa magaalaan Ciroo ishii tokkoodha. Teessoo godina Harargee Lixaati. Eddii hundeeffamtee gara waggaa 100 ta’a. Garuu magaalaa umurii jaarraa tokkoo hinfakkaattu. Daandiin Asfaaltii magaalaa keessa jiru daandii hantuutaa fakkaata. Konkolaataan lama waldhiibaa walbira tara. Daldalli karaarraa dhiphina daandiirratti dabalamee nama hinsochoosu. Waajjirri mana qopheessaa kan sadarkaa magaalaatiin walgituu miti. Waajjira bulchiinsa Godinaa ijaaruuf reefu tattaaffiin jalqabama. Akkuma walii galaatti magaalaa xiyyeeffannaa barbaaduudha.
Magaalaan Awwadaay; Maqaadhaan namni magaalaa Awwadaay hindhagahin waan jiru natti hinfakkaatu. Awwadaayitti biiftuun hinlixxu. Guyyaan hojiidha; halkanis hojiidha. Kan halkan rafe guyyaa hojjata. Kan guyyaa rafe halkantu bari’aaf. Magaalaa sa’aatii 24 boqonnaa hinqabneedha.
Magaalaa kanatti maallaqni waan maxxanfamu fakkaata. Guyyaatti maallaqni biliyoonaan lakkaawamu akka keessatti socho’u himama. Jimaan, kan ummati Harargee Warqee magariisa ittiin jedhu, achitti mataan walgaha. Gariin ni gurgura; gariin ni bita. Gartokkeen ni cira, ni miidhagsa, ni saamsa; alergiif qopheessa. Saffisaafi maalummaa daldalaa bakkatti irraa barataniidha.
Magaalaa Awwadaay magaalaa tujaaraati, magaalaa, tujaarotiin irratti biqilaniidha jedhamti. Garuu magaalattiin akka maqaashiifi akka galiishii hinjirtu. Osoo akka galiishiitii magaalota biyya kanaa osoo hintaane magaalota Awurooppaa fakkaatti. Garuu magalattiin daalattiidha. Wanta ija namaa hawwatu hinqabdu. Bakki bashannanaa maqaa dhahan keessa hinjirtu. Daandii miidhagaan keessa hinjiru. Qulqullina hinqabdu. Balfatu itti heddummata.
Walumaagalatti magaalaa qabeenyishii kan biraa miidhagsuudha. Silaa kan ta’uu maltu magaalaa turiizimii hojiin jimaa keessatti daawwatamuudha. Jimaafi haalli jimaa itti tolchan waan addaati. Maalumaafuu magaalaa xiyyeeffannaa barbaadudha.
Bordoddee, Mi’eessoo, Qunnii, Doobba, Masalaa, Karaa Miillee, Calanqoo, Qobboo, Qullubbii, Qarsaa, Funyaan Biraa (Gursum), Fadiis magaalota xixiqqaadha. Baayyeensaanii kanneen umurii dheeraa qabani garuu kanneen hanga umuriisaanii hinguddanneedha. Fakkeenyaaf, magaalaan aanaa Gammachis, Qunniin, magaalaa Ciroo dura hundeeffamte jedhama. Jiddugala aanaa dhiisii jiddugala araddaa qonnaan bulaa hinfakkaattu.
Masalaafi Doobbaanis waluma fakkaatu. Magaalota kanneenirra araddaa qonnaan bultoota Harargeetu irra miidhagina qaba. Isaantu irra caala magaalaa fakkaata. Kuun sirumaa waan abbaa qaban hinfakkaatan. Garuu Harargeen qabeenyaan kan badhaatedha. Magaalotaan garuu kan hiyyoomtedha, amman argetti.
Kaan torbanin itti deebi’a. Hagasitti Nageenyan isiniif hawwa.
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 15 Bara 2015