Barattootuman ani beeku fakkeenya fudhachuun danda’a. Osoo kan fagoo hinta’in waggaa darbe kutaa 12 kan qoraman. Qabxiin qormaata kutaa 12 barattooti kunniin galmeessisan waan ajaa’ibaati. Tokko namuman dhihootti beekuudha. Yuunivarsiitiitti ramadamee osoo hingalin hafe.
Gaaf tokko karaarratti arge. “Maaf yuunivarsiitii galuu dhiiste” jedheen gaafadhe. Akka kokkolfuu ta’ee “Barumsi maal godha jettaniiti?” gaafiidhaan gaaffii koo deebise. Booda haasawa keessa, nama isa gargaaru waan hinqabneef hojii dhuunfaasaa hojjechaa kollejjii dhuunfaa galee barachuuf akka murteesse natti hime. Gurbaan dhuguma hojii dhuunfaasaa ni qaba. Kun waan gaariifi jajjabaachuu qabuudha.
Barumsarratti garuu guyyaa mana barnootaa dhaqu caala kan hojiisaa hojjetutu caala. Qormaatanis akkatti qabxii yuunivarsiitii isa galchu fide hiriyootisaa duuba duuba ni hamatu. Kanneen itti qoosan ni jiru. Innis booda haasawa keessa dhugaa kana naa mirkaneesse. Fakkeenyuma kaasuufani; haala qormaata biyya kanaa.
Kan biraa isiniif haa dabalu. Gurbaa bara Darguu keessa waliin baranne; kan kutaa 11ffaatti nubiraa kufee biyyatti gale tokko yeroo dheeraa booda Finfinneetti walagarree shaayii waliin dhugne. Haasawa keessa barumsasaa Yuunivarsiitii Asmaraatti xumuree, achumatti hojii jalqabee booda achii hari’atamee digrii baatee hojii dhabee rakkachaa akka jiru natti hime.
Daran na Ajaa’ibe. Namni kun yunivarsiitii galuu dhiisii balbala yunivarsiitiirra akka hindarbin sirriittin beeka. Dhimma digrii yunivarsiitii Asmaraa kan ragaasaa mirkaneeffachuuf hindanda’amne garuu kan Finfinnee keessatti omishamee namooti hedduun bitatanii beekaafi abbaa digrii ittiin ta’an namni dagatu waan jiru natti hinfakkaatu.
Digirii yunivarsiitii kanaan kanneen beekaa ta’an hedduunsaanii ‘qabsaa’ota’ Wayyaaneti jedhama. Ragaa barnootaa gabaatti baasanii gurguruufi bituu kan biyya barsiiseefi barumsa kabaja dhabsiise sirna sana ta’uu akkuma odeeffannooti kaasuufani.
Qulqullinuma barnootaa kanaan walqabatee wanti hedduun ka’uu mala. Barataan yeroo ammaa yunivarsiitii xumuree bahu ga’umsisaa hagam akka ta’e hundi keenya ni beekna. Miseensa maatii haala kanaan omishamellee qabaachuu hinoollu; hundi keenya osoo naannawa keenya sakattaanee. Kana keessammoo ijoollee ciccimoon heddumminaan akka jiran hinhaalamu.
Yakkooti sirni Wayyaanee ittin abaaramuufi balaaleffatamu akkasumas ittiin himatamuu qabu keessaa tokko qulqullina barnootaati. Bara Wayyaane barnooti ni laamsha’e; ni hunkutaa’e, dhalooti bakka meeqa gahuuf male maseenee karaatti hafe. Kuun gahumsa hintaane qabatee bakka isaaf hinmalle taa’ee ofis, tajaajilamaas rakkisa.
Kana keessa ijoolleen ciccimoon hinjiran jechuu koo miti. Dhalooti qaroon kalaqa addaa uuman hedduun baay’ina sana keessaa bahaniiru. Saayintiistotiifi hakiimtoti ciccimoon bahaniiru. Garuu akka waliigalaatti heddumminnisaanii ga’umsa gahaa osoo hinargatin barnoota xumuran yoo jedhame soba hinta’u. Kanaaf kan ittigaafatamu ijoollee osoo hintaane sirnicha. Sirnatu qulqullina barnootaa laamshesse, humna dhabsiise.
Amma tattaaffiin jalqabame sirna barnootaa laamsha’ee lubbuun keessaa bahuu gahe sana ukanii humna itti horuudha. Kun gama adda addaatiin jalqabameera. Qulqullina barnootaa fooyyessuuf kaayyoo barnootaa dhaloota biyya hogganu omishuu danda’u bocuu, karikilamii kaayyoo kana galmaan gahu tolchuu, barsiisota ciccimoo omishuun akkasumas qormaata madaalawaa baasuudhaan barattooti osoo walirraa hinwaraabiin ofdanda’anii akka qoramaniifi bu’aa dandeettiisaanii akka argatan taasisuu carraaqqii gaariin jalqabamaa jira.
Gama kanaan qormaata kutaa 12ffaa isa baranaa haala itti kennameefi adeemsisame akka fakkeenyaatti ilaaluun ni danda’ama. Wantichi guutummaatti rakkoorraa bilisa jechaa hinjiru. Hanguma fedhe rakkoo qabaatullee yaadamnisaa gaariidha jedhanii fudhachuun barbaachisaadha.
Barataan bu’aa ifaajiisaa waliin walmadaalu akka argatu taasisuu keessatti haalli qormaanni baranaa itti kenname gahee guddaa qaba. Bu’aasaammoo yeroo dhihootti agarra. Manneen barnootaa qabxii barattootaa dallaarratti maxxansanii ittiin ofdhaadhessaa bahan sun barana dhugaadhaan adda ba’u jedheen yaada. Nutis gaafa sana ni taajjabna. Gaariif harka rukunna. Isa kaanimmoo ni ceephaana. Akka kan darberraa baratuufis dhaamna.
Kaayyoon qormaata bara kanaa kaayyoo qulqullina barnootaa eegsisuuti jedhanii fudhachuun gaariidha. Sirni diriire hamilee barattoota qormaata warabuuf ykn kara malee argachuuf qopha’anii cabseera. Hamilee barattoota dandeettii qabanii ammoo ijaareera. Hamilee barsiisota dhugaafi ciccimoo bu’aarratti amananiis olkaaseera.
Hunda caala barattoota duubaa dhufaniif dhaamsa guddaa dabarseera. Kanaan booda karaan sirrii nama baasuufi balbala yuunivarsiitii nama galchu jabaatanii qayyabachuufi hojjechuu qofa ta’uu ifaan dhaamsa dabarseera. Kanaaf, hunduu akkuma humnasaatti qophii jalqabaniiru oduun jedhu barattootarraa qofa osoo hintaane barsiisotarraa dhagahamaa jira.
Kan barbaadamus kana. Kaayyoon guddaan qormaataa baranaallee kanuma natti fakkaata. Jalqabbii kana haala hintaaneen qeequufi itti duuluun hojii qulqullina barnootaa jalqabame gafachiisuu ta’a. Kanaaf, maatiifi hawaasti manneen barnootaa kaayyoon jalqabame kun akka milkaa’uuf cimanii hojjechuu qabu.
Namoota jalqabbicha guutummaatti deeggaran keessaa ani tokko. Namoonni hedduun akka koo deeggaran akka jiran nan amana. Haata’u malee wantoota sisirrachuu qaban sagantaa qormaataa ittaanuuf asumaa achi yaaduun gaariidha.
Inni jalqabaa barattoota daandii fagoo oofuun kun akkamitti gabaabbachuu danda’a kan jedhu ittiyaadamuu qaba. Dirqama yunivarsiitotatti galchuu wayya moo malli biraa jira laata? Muuxannoo kenniinsa qormaataa darberra taa’anii ciminaafi hir’ina jiru qorachuun baheessa jedheen amana.
Inni biraa geejibaan walqabata. Ijoolleen sababa geejibaatiin hagam akka rakkatan dhagahamaa ture. Kana qofa osoo hintaane kanneen balaan irra gahellee akka jiran miidiyaan gabaaseera. Kun hamilee maatii qofa osoo hintaane barsiisotaafi hawaasaa miidha. Sammuu barattootaas ni qora. Dhiibbaa xiinsammuu fida. Kaayyoo gaarii jalqabame kana gufachiisuufillee sababa ta’a. Gama kanaan ammuma itti yaaduun gaariidha dhaamsa jedhun qaba.
Inni biraa nagaafi fayyummaa barattootaa eeguu wajjin kan walqabatuudha. Ijoolleen qe’eedhaa fagaatanii deeman dargaggootaafi shamarrani. Fedhiiwwan umurii wajjin walqabatan hedduun ni jiru. Osoo hin yaadiniifi hinbeekin miiraan waan biraa keessa galanii wanti barnootasaanii gufachiisu uumamuu mala.
Barattoota bakka adda addaatii walitti dhufan kan muuxannoo naannawa manaan alaa hin qabne, kan daandii hinbeekne; kanneen calalaqii magaalaa arganii hinbeekne waan biraa keessa galuu danda’u. Gama kanaan barattooti shamarranii midhamuu waan danda’aniif ittiyaaduun barbaachisaadha.
Akka waliigalaatti biyya kana jijjiruufi qaroomsuuf hojiin barnootarratti hojjatamu murteessaadha. Misoomni barnootaa misooma hunda caleedha. Kanaaf, hojii jalqabame kana gufachiisuurra jajjabeessuufi fooyyessuuf gumaacha haa goonu.
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 19 Bara 2015