Kutaa 9ffaa
Waa’ee bosonaa, ijaarsa manaafi itti fayyadama afaan Oromoo Oromoota bareechee dinqisifate. Obboleessi Abbaadii ‘Arnawld’ Goojjam keessa kan jiraateefi ennaa Dajjaazimaach Gooshuun Oromootti duule kan duukaasaa duule isa ture. Innis karaa isaa akkas jedhe. Akka itti Oromoon lafa isaa kunuunsatu aja’ibsiisaadha jedhe. Ofii isaanii mitii diinni isaaniiyyuu fiixee muka isaanii akka irraa kutu hinfedhan. Manni isaanii mukaan naanna’ee jira. Biyya akkasii keessa jiraachuu caalaa kan nama gammachiisu hinjiru jedha. Itti dabaluunis akka Amaarri lafa isaanii weeraruufi qabatu kan godheyyuu bareedina kana jedha.
Oromoon aangoos bifa ifaa ta’een qooddatanii akka ittiin walgaggeessan ibseera. Odaa Oromoon yaa’ii Caffee jala taa’u muka oka (Odaa) kun akka sabni isaa ‘Basque’ (Spen) keessa jiraatu jala taa’aniifi, bokkuu abbaan bokkuu qabatu immoo Meesii (Mace) bokkuu paarlaamaa Ingiliiziin waliin madaalee walfakkeessee ibse. Seerri Oromoos seera Ingiliiziifi ‘Basque’ akka fakkaatus ibseera. Akka Abbaadiin jedhutti, Oromoo keessatti aangoon kan argamu sanyiifi qabeenyaan miti; dandeettiidhaan filatamu malee.
Gadaa Oromoo Maccaas fudhachuun Murna Gadaa Oromoo jedhee lafa kaa’uu yaaleera. Birmajii, Meelbaa, Muudan, Duuloofi Roobalee jedhee. Kunis Gadaa sanyii namaarraa akka hintaane garuu seera uumamaa afurirraa akka ta’e dubbata. 1. Nama sababa; 2. Yaa’a bishaanii, 3. Hoolaa (quietened), 4. Cimina leencaa, 5. Ayyaana jogee jedhuun lafa kaa’a. Isaan kunis waggaa saddeet saddeetiif aangoo akka qabachuu qaban dubbata. Ilmi Gadaa abbaa isaa akka fudhatuufi innis waggaa 40 booda deebisee akka qaqqabu himeera.
Haala kana sirriitti hubachuunis hedduu natti cime jedha. Sirni itti aangoo walirraa fuudhanis buttaa jedhama. Buttaa isa bra 1846 keessattis qooda fudheera jedha. Saba kana keessas aangoo qooddannaan qixaan akka jiru himeera. Abbaan Sa’aa, irreessaa, abbaa bokkuufi mootiin jiruu jedha. Abbaan Irreessaa sagadaafi kadhannaa gaggeessa. Gosti Oromoo Maccaa abbaa irreessa mata mataa isanii qabus jedheera. Abbaan sa’aa immoo dhimma dinagdee hordofa. Abbaan bokkuu immoo aangoo baay’ee murteessaa ta’ee, murtoo hawaasichaaf barbaachisu garagaraa kan kennuudha.
Kanas ennaa fakkeenya fudhachuun ibsu, Oromoo Guduruu innasii keessa namni saawwa 7,000 qabu yoo jiraateyyuu Caffeen Oromoo kanaaf iddoo osoo hinkennin jabaatee seera ummanni isaa Caffee isaatti baafatetti cichuun dhimma isaarratti murteeffachaa akka tures ibseera.
Dhimma amantii Oromoos ennaa kaasu akka Waaqa tokkichatti amanan dubbata. Amantiin Oromoos kan kiristaanaa kan fakkaatu ta’uu lafa kaa’ee garuu warra kiristaanaarraa dhaalan jedha. Gaaratti ba’uun ykn immoo laga bu’anii Irreecharratti Waaqa nisagadu jedha. Sagada galgalaas qabu. Abbaakoo jedhanii maqaa dha’uun Waaqa kadhatu. Masqalas nigubu, nikabaju. Haala Oromoo kana seeraan hubachuufis namni Afaan hiiku hinjiru waan ta’eef rakkoodha. Kana osoo hinbeekin immoo waa’ee saba kanaa bifa qulqulluu ta’een beekuun hindanda’amu jedhee ture.
Akka Abbaadiin jedhutti, Oromoonni dubbii dubbatan keessatti seera xuqaalee osoo hin hir’isin itti fayyadamu. Akkaataa itti fayyadama seera xuqaalee isaanii immoo nu’umtuu warra Awurooppayyuu irraa barachuu qabna jedha. Afaan isaanii salphaafi nama barachuuf fedhii qabuuf kan namaa galuudha. Isaanis ennaa dubbatan dabareen waldhaggeeffatanii, walharkaa fuudhanii malee haasaa wal harkatti qabuun hinjiru. Hunduu duraa duuba qaba. Haasaa isaanii keessatti safuu Waaqaafi hawaasaa ni’eeggatu. Wanti hawaasa mufachiisu akka arge afaan isaanii keessaa hinba’u. Yoo namatti himuu barbaadanillee kophaatti waamanii namatti himu malee.
Dhimma gaa’elaa ykn fuudhaafi heeruumaa Oromoo ilaalchisees Abbaadiin waan hubate lafa godheera. Namni kamuu akaakayyuu torba fuuldura walfuudhuu hindanda’u. Yoo walfuudhee argames haraamuu jedhama. Ijoolleen isaan horatan sirrii hintaatu jedhamee amanama. Seera fuudhaafi heerumaa (gaa’ela) isaanii keessatti dhiirri dabalee fuudhuu nidanda’a. Garuu qabeenyaafi fedhii haadha warraa ishee duraarratti hundaa’a. Abbaan warraa ykn haati warraa akka barbaadan walirratti dhiibbaa geesissuu hindanda’an. Seera isa Caffeen isaanii tumate seera hawwasummaan to’atama waan ta’eef.
Waa’ee lolicha Oromoos ilaalchisee darbee darbee qomoodhaan wal loluun yoo jiraateyyuu akka isa ennaa diina alaa dhufee cimaa miti. Diinni alaa ennaa itti dhufu kan lolaniif qomoo isaanii qofaaf osoo hintaane Oromoodhuma waliigalaaf. Akkuma waraana (eeboo) harkatti qabataniin “Ana ilma Oromoo” ofiin jedhu. Ana sanyii qomoo abaluu ofiin hinjedhan. Waraanni isaanii callisee faca’ee kan lolu miti. Ajajaa waraanaa qabu. Ajajaan waraana isaanii lolicha keessatti kan dandeettiiifi tooftaan lola isaa sirritti mirkanaa’efidha. Kanaaf loltoonni hunduu isaan ajajamu. Irra caalaa diina isaaniis barbadeessanii galu.
Abbaadiin ennaa gara shanan Gibeettis ce’uun haala walfakkaatu arguuf walfakkeenya Oromoo ennas hedduu cimaa ta’uu isaa ibseera. Qorannoo isaa ji’oograafii, seenaa, dinagdee siyaasa, amantiifi walitti dhufeenya Oromoon olloota isaanii duukaa qaban gadi fageessees himeera. Bara 1846 Kaatoliikiin Roomaa Mana Amantii Vaatikaaniin qunnamuus Kaatolikoota gara Oromootti akka erganis gaafateera.
Walumaagalatti qorattoota warra Awurooppaa keessaa hanga galeefitti kan qorannoo madaallii of keessaa qabu dhiyyeessuu yaale Abbaadiidha. Abaaddiin Gadaan dimokraatawaa ta’uu isaa, nama gadi fageessee ilaaluudhaan qorannoo gaggabaabaa 1880 dhiyeesseera jedhama. Kan warri Faransaayii, Xaaliyaaniin, Jarmaniifi Biriiteen gara Oromoo akka ilaalan godhes gabaasa isaa kana. Asmaroom Laggasaa kan maqaan isaa yeroo hundaa Gadaa Oromoo faana ka’ullee qorannoon nama kanaa akka fedhii keessatti uume dubbata. Caffee Oromoos Paarlamaa jedhee ibsuun balabala isaarratti bocatee har’allee tuuristoonni itti yaa’anii akka ilaalan godheera. Namichi Marishaal De Saalvayk jedhamullee qorannoodhuma Abbaadii ilaalee akka gara Oromoo dhufe dubbatama.
Qorannoon Abbaadiin Wallaggaafi Shanaan Gibee dabalatee gaggeesse namoota naanno kanarratti qorannoo hamma har’aatti gaggeessaa jiran fayyadeera. Abbaadiin “Oromo: The Great Nation” ykn Oromoo: Saba Guddaa jechuun gabaaseera. Abbaadiin osoo Oromoon bittaa Habashootaa jala hingalin ennaa isaan waa’ee isaanii rakkoo tokko malee gaggeeffatan, waa’ee isaanii sodaa tokko malee himatan arge. Kun immoo Oromoon maal fakkaata isa jedhu faalama tokko malee akkanni argatu godheera. Dhumarratti Abbaadiin amanttiin Oromoo Waaqatti qofa akka ta’eefi Odaa ykn Caffeetti irreeffatee akka Waaqa sagadu ibsuu isaa malee manni sagadaa isaa uumamuma jedha. Kanaaf “There is a God where there is no a church” iddoo manni sagadaa kiristaanaa hinjirres Waaqayyoo ni jira jedhee dubbateedha.
7.4. Abbaa Maasiyas
Abbaan Maasiyaas (Father Massaja Gugaliimoo) Misiyoonii Warra Kupichiinidha. Gara Itoophiyaa kan dhufes bara 1846 ittigaafatamaa amantii Kaatoliikii Oromoo (Apostolic Vicariate of the Oromo) ta’eeti. Biyya Oromoo kan ga’e garuu bu’aa ba’ii hedduu booda bara 1852dha. Biyya Oromoo keessa waggaa kudha tokko hojjete. Isa kana keessaatti giddugala amantaa Kaatoliikii Assandaaboo Wallagatti, Lagamaraa Jiimmatti, Limmuutti, Anfilloofi Geeraatti hundeesseera. Ummata kanas karaa barnootaafi fayyaatiin hedduu deeggaruu yaaleera. Afaan Oromoos bareechee baratee Kitaabota amantii gara Afaan Oromootti hiikeera. Kitaaba katakisimoo jedhus afaan Oromootti hiikeera. Giraamerii afaan Oromoof Amaaraas maxxansiisera. Oromoota hedduu garbummaatti gurguramaa jiranis argee hedduu gadduun garbummaan akka hafu sochii guddaa godhaa tureera. Ijoollee Oromoo garbummaatti gurguramanis amantaa Kaatolikii akka baratan gochuu yaaleera. Marsellee, Faraansayii keessatti mana barumsaa Afaan Oromoo itti baratan baneera. Mana barumsaa Afaan Oromoo Finfinnee bakka ammaa Goorgisii jedhamutti banee ture. Garuu Habashoonni gocha isaa kana waan jibbaniif bara 1879 Itophiyaa keessaa ari’ame.
7.5. Joon Kiraaf
Joon Kiraaf (John Krapf) nama biyya Jarmanii ta’ee Bataskaana Miishinii warra Ingiliiziin (Anglical Church Missionary Society) bakka bu’uun gara Itoophiyaa akka dhufu nama affeerameedha. Haaluma kanaan bara 1837-1842tti biyya Itoophiyaa keessa nama tureedha. Bara 1838 ennaa Tigraayiin ga’u achi turuu hindandeenye. Ras Wubeef Abbaan Salaamaa waliigalanii ari’ani. Waxabajjii 1839 Shawaatti darbee Isebergi duukaa mootii Saahila Sillaasee bira taa’ee hojii isaa itti fufe. Itophiyaa keessa darbuun hanga Mombaasaa ga’uu isaas qorannoo isaa keessatti ifa godheera.
Garuu irra caalaa Oromoo qorachuusaa barreefamni isaa ifa godha. Shawaa dhufee ennas Mootii warra Manzii kan ture Saahile Sillaasee bira taa’ee Afaan Oromoo baratee qorannoo isaas Oromoorratti kan xiyyeeffate akka godhe barreeffama isaa keessatti ibseera. Qorannoo isaa keessattis waa’ee Oromoo yeroo itti laatee gad fageenyaan nama ibseedha. Akkasis jedha. Oromoonni kun bifa bareedaa, magaalaa homaa sodaa tokko kan ofkeessaa hinqabneedha. Oromoon ‘Oroma’ jedhanii ofwaamu, Afaan Oromoo dubbatu, ciccimoo gootadha. Anis kanumarraa ka’een biyya isaanii Oromiyaa jedheera jedha.
Tooftaa lola isaanii ilaalchisee osoo akka dandeettii lola isaanitiif Abyisiniyaa mitii Afrikaayyu nito’atu. Dandeettiin isaanii ajaa’iba. Barachuu danda’u. Meeshaan waraanaa isaanii eeboo, goraadeefi gaachana. Hunduu dubartii isanii dabalatee farda gulufuufi loluu danda’u. Garuu diina isaanii waliin loluurra ofiif wal wal lolu. Kun immoo salphaatti akka Habashoonni isaan weeraran godheera.
Haala dinagdeefi hawwaasummaa isaanis akkas jedha. Loon horsiifatu; niqotatus. Lafa baldhaaf xaa’oo qabeessarra jiraatu. Uffannaan isaanii nibareeda. Osoo lafti isaanii kun qaroomina kiristaanaafi aadaa Awurooppaa jala ta’ee maalqaba. Loqada shan akka qaban addaan baaseera. Garuu hundi isaanii rakkoo tokko malee waliigalu. Odaa jalatti sagadu. Bakki isaan itti sagadan kun baay’ee safeeffatama. Namni kamuu lubbuu isaa yoo wareeguu barbaade malee bakka kana qubaan xuquu hindanda’u.
Ittifufa…
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Ebla 8 Bara 2014