‘Seenaa rirmi hin nyaatu’

Kaayyoon keenya fuulduratti deemuufi. Fuuldurri duuba malee hintolu. Gaariifi badiin kaleessaa barnoota; muuxannoodha. Yoo irraa baratan fulduratti saffisaan nama hoofa. Yoo dagatan of dhabuu ta’a. Kanaaf waggaa 126 duubatti isin deebisa. Guyyaa injifannoo Adwaa. Guraandhala 23 bara 1888.

Gabayyoo Gurmuu yaadadhaa. Baalchaa Saafoo itti dabalaa. Mahaammad Alii (Nigus Mika’eel) isa Walloo, Qusee Dinagdee (Habta Goorgiis Dinagde), kanneen biraas. Faradoo Oromoos hindagatinaa. Faradooti Oromoos akkuma Oromoo maqaa kiristinnaa qabu. Maqaan farda Gabayyoo Gurmuu- Goraadha.

Isaan Abbaa Goraa jedhaniin. Maqaan abbaasaa ni dhokfame. Machaal-maqaa fardaa Fiitaawuraarii Qusee Dinagdeeti. Isaanimmoo ‘Abbaa Machaal’ jedhanii moggaasan. Kan Dajaazmaach Baalchaa Saafoommo Nafsoodha.

Kanaaf isaan Abbaa Nafsoo jedhuun. Kanan maqaa jara kanaafi faradootiisaanii kaase Adiwaarratti kan kutannoodhaan lolan, kanneen waraana hoogganan, kanneen wareegaman Oromoota hedduufi faradootasaanii dabalatee akka ta’e eeruuf qofa. Gootota dachii Adwaatti hafan keessaa Gabayyoo Gurmuu isa jalqabarratti wareegameedha.

Maafan kaase? Weellisaa beekamaan harka diinaatti bade sun maal jedhe? ‘seenaa rirmi hin nyaatu’ jedhee mitiiree? Gootota Adwaa foonsaanii rirmi nyaateera. Seenaasaanii garuu rirmi hin nyaanne. Dhoksuufi maqsuuf yaalamullee baraafi yeroo eeggatee kallattii dhugaatti deebi’aa jira. Kanaafan mataduree ‘Seenaa rirmi hin nyaatu’ jedhu kana ergifadhe

Adwaan adda duwwaadha. Dachii goototi addasaanii rasaasaaf kennanii abbootii irree Xaaliyaanii daaraa botoroo taasisan. Injifannoon Adwaa kan sabaafi sablammii biyya kanaati. Injifannoo kun kan shakkisiisus miti. Lammii biyya kanaa ta’ee namni injifannicharratti shakkii qabu waan jiru natti hinfakkaatu.

Injifannoo kana kan qaamni hedduun dhugaa bahaniifidha. Warri kallattiin waraana kanarra turan, warra Xaaliyaanii moo’aman dabalatee, mirkaneessaniiru. Beektoti seenaafi siyaasaa kitaabota hedduu irratti barreesaniiru.

Kanaaf, Adwaarratti lammiiwwan biyya keenyaa faashistootaafi oftuultota Xaaliyaaniirratti injifannoo cululuqaa galmeessaniiru. Adwaarratti ummattin meeshaa waraanaa aadaafi duubatti hafaa qabate qaama meeshaalee hammayyaa hidhatee waraanatti seene barbadeessuun sobaa miti. Hawasti leenjii loltummaa hin qabne waraana leenjii ammayyuummaatiin tolfame diigeera. Adwaatti onneen, jagnummaan, kutannoon ummata gurraachaa fakkeenya ta’ee dheerina gaarreen Adwaa caala ol jedhee mul’ateera.

Walumaagalatti ummati gurraachi ummata adii moo’achuu akka danda’u addunyaaf mirkaneesseera. Kanaaf, injifannoo kana sabaafi sablammoota Xoobbiyaa qofa osoo hintaane hawaasa gurraacha maratu ittiin boona.

Injifannoo Adwaarratti wantooti dhugaa hintaane ni jiru. Adwaa injifannoo saba ykn garee tokkoo gochuuf yaaluun dhugaarraa maquudha. Adwaarratti kan kutannoodhaan lolee diina cabse gootota sabaafi sablammoota keessaa walitti babbahan ta’uu amanuu dhiisuun dogoggora guddaadha.

Adwaan teessoodhaan Tigraayi keessa jiraattullee injifannoon kun kan ummata Tigaayi qofa yoo jedhamee yaadame soba ta’a. Osuma Tigraayi biyya kanarraa foxxoqxee Adwaan injifannoosaanii qofa ta’uu hindanda’u.

Gootota waraana kana hogganan, jagnummaan diina fuuldura dhaabbatan, maqaa dhoksuun ykn gara saba tokkootti maxxansuuf yaalunis dogongora guddaa isa kan biraati. Haalli seenaan injifannoo Adwaa itti himamaa tures dogoggora hinqabu yoo jedhame dhugaa seenarraa maquu ta’a.

Dogoggorri kunniin sirratuu qabu. Kan sirreessummoo abbaa dhugaa of harkkaa qabuudha. Namni naaf sirreessa jedhanii of dagachuun seenaa dhalootaa rirma nyaachisuu ta’a.

Amman of beekutti guyyaan injifannoo Adwaa akka biyyaatti waggaa eegee ni kabajama. Isaan duras kabajamaa akka ture dhagaheera, dubbiseera. Kabajamuunsaa sirriidha. Miiraan ittin kabajamaa ture garuu kan gara tokkotti dufeedha jedheen amana. Kan warri seenaa hojjate itti dagatame, kanneen abshaalli seenaa itti saamee kan ofii godhate.

Guddinni injifatichaa ayyaanichi kana caala akka kabajamu kan taasisuudha. Osoo walii galteen jiraatee, dhugaan lafa qabatee guyyaan kun guyyaa biyyoolessaa (National Day) jedhamee moggaafamuu kan danda’uudha.

Anaaf Fulbaana 2- kan bara Darguu-, Caamsaa 20, kan bara Wayyaanee, caala kan seenaadhaanis, injifannoodhaanis, kabajaan bakka guddaa qabu Guraandhala 23. Ammas waliigalteedhaan guyyaa kana akka guyyaa biyyoolessaatti mogaasuun ni danda’ama. Dogoggora sirreessudhaan, seenaa qajeelchuudhaan. Gaafa sana ummati, sabaafi sablammiin ‘keenya’ jedhee haala hirmaachisaafi ho’aa ta’een ni kabajata.

Amma garuu kan mul’achaa jiru guyyaan injifannoo kun kan saba ykn garee tokkoo ta’ee kabajamaa jiraachuusaati. Kan sabni ykn gareen tokko kabaju kan sabaafi sablamiin kuun irraa of fageessan ta’ee mul’ata. Kan gareen tokko ittiin dhiichisuufi ittiin dhaadatu, kan gareen biraa callisee dhaggeeffatu fakkaata.

Dirree guyyaan injifannoo itti kabajamu ta’uu dhiisee dirree walbalaaleffannaa, nama dhuunfaa, sabaafi sablammii itti arrabsan ta’aara. Sabni goototi Adwaa hedduun keessaa burqan, sabni Oromoo addabaabaayii sanatti abaaramaa; balaaleffatama. Kunimmoo akka biyyaatti qaaniidha. Qaamoleen kana deeggaranis naamus-dhabeeyyiidha.

Jaalatamus, jibbamus, miyaa’us hadhaawus Injifannoo Adwaa keessatti gaheen Oromoo hanga arbaa guddata. Hoggantoota waraanaa Adwaarra turan keessaa hedduunsaanii Oromoota. Ragaaleen tokko tokko hoggantoota waraanaa 11 turan keessaa sagal Oromoota akka ta’an ibsu.

Dhugaa kana dhoksuudhaan ykn haaluudhaan guyyaan kun haala amma jiru kanaan Ykn Oromoota balaaleffachuudhaan, dachii Oromoorratti kabajamuunsaa itti fufuu hinqabu. Kallattii qabsiisuun akka guyyaa injifannoo sabaafi sablammiitti bakka hundaaf mijataa ta’etti akka kabajamu gochuun dirqama mootummaati. Kanarratti waliigaluun dirqama. Yoo kana ta’uu baate hunduu haala isaaf mijatetti qe’eesaatti kabajuuf dirqama.

Ogeeyyoti seenaa kanneen hawaasa Oromoo keessaa maddan dogoggoraa kana sirreessuuf ni dirqamu. Seenaa Adwaa keessatti gaheen Oromootaa qoratamee dhalootaaf darbuu qaba.

Gara kabaja ayyaanichaa baranaatti haa deebi’u. Guyyaan injifannoo Adwaa kan waggaa 126ffaa Roobii tare kabajameera. Haalli itti kabajame akkuma ilaalcha namaatiin garaa garummaa ni qabaata.

Akka kootti haala hoo’adhaan osoo hin taane haala faallaa injifannichaan kabajamera. Gammachuudhaan osoo hin taane dirree duula siyaasaa ta’ee arrabsoofi balaaleffannaa diinaatiin osoo hintaane balaaleffannaa saba keenyatiin kabajameera.

Dhaamsa kabaja ayyaanichaa keessatti kan calaqqise waliigaltee miti; yaada waldiddaadha. Alaabaan Ruusiyaa bakka argateeti kan sabaafi sablammii injifannoo kanaaf lubbuu kennee bakka dhabe.

Akkuma ragaawwan guyyaa jala bultii irraa eegalee bahaa turanitti bakka ayyaanni kun itti kabajamurratti waliigalteen hin turre. Kanaan duras waliigalteen waan hinturreef Oromoon addabaabaayi Hulluuqqoo Kormaatti kophaatti bahee kabajuu jalqabee ture.

Yaaliin kun laafaa dhufte malee kophaatti bahee kabajuuf sababa amansiisaa mataasaa danda’e qaba. Kanaan boodas, akka yaada kootti, addababa’ii Birbirsa Gooroo, Qeyee Tufaa Munaatti, Siidaa sana jalatti Oromoon akka sabaatti ayyaana kana ni kabaja jedhee hin yaadu; yoo sirreessi bu’uuraa taasisame malee. Warri kuunammoo achii taakkuu tokkollee siquu akka hin barbaanne naaf gala. Kanaaf maal wayya?

Akka yaada kootti sababa kanaan Oromoon seenaa injifannoo abbootiinsaa hojjatan irraa fagaachuu hinqabu. Finfinneen bal’oodha. Addababa’ii hedduu qabdi. Kanaaf wiirtuu tokko, kan siidaan nama tokkoo qofa itti mul’atu osoo hintaane kan siidaa gootota Adwaa, sabaafi sablammoota hirmaatanii akkasumas kan fardeen waraana Adwaarratti seenaa hojjatan calaqqisiisu bakka jiddu galaatti ijaaramuu qaba.

Kun akka mootummaatti beekamtii argatee guyyaan kun achitti akka kabajamu gochuun hunda yoo ta’uu baate harka caalaa waliigalchuu mala. Falli jirus kanuma. Har’a boris seenaa rirmi hin nyaatu.

Torban gaarii!

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 26 Bara 2014

Recommended For You