Kutaa 12fa
Seera miseensi duraa tumee kenne kana miseensi dhufu hojiirra oolchuunsaa kan madaalamu gumii madaallii ni qabu. Kunis ceephoofi gorsa guddaan kan madaalamu ta’ee, hariiroo ulfina Gadaa keessatti walaannaan seera qaban kan mul’isuudha.
Bifuma kanaan warri seera baasu Gadaa duraa ykn miseensa duraan Gadaatti seene ta’ee, kan seera raawwachiisu miseensa Baallii fudhatu jechuudha. Seerri bahee gara Abbaa Gadaa ittaanutti akka dabru taasifama.
Kanaaf, seera hojiirra oolchuuf gara miseensa dhufuutti ittigaafatamummaa kan fudhatu Abbaa Gadaa jaarraati. Seerri tumame sirnaan labsamee hawaasa bira ga’uu qaba. Hawaasichi seera tumame sirriitti hubate taanaan seera bulchiinsa bara Gadaa sanaa bare jechuudha.
Adeemsa bulchiinsaafi hojiirra oolmaa seeraarratti murtii adabbii, namoota biyyaa baasuu ykn ajjeechaa murteessuu qofa osoo hinta’iin bifa gorsaafi ceephoon itti kennamuun hawaasichi akka gochasaa hubatee of eeggannoon jiraatuuf hojii nama yakkamaa tokkoo fakkeenya fudhachuun ibsuun ni danda’ama. Akkaataan waliin jireenya hawaasichaafi gochoonni akkasii kunniin bulchiinsi Sirna Gadaa faaraan akka milkaa’u gargaaru. Kunis haaluma balleessaa uumameen adabbii sirreessaa keessaa kan akka arrabsoo (ciigoo), weedduu itti baasuu, jecha fokkisaan waamuu fa’i.
Fakkeenyaaf namtichi hawaasa keessatti duula deemuu sodaateefi dirqama isarraa eegamu hinbaane tokko lugna ykn dabeessa ykn dabooraafi sodaattuu jedhama. Hawaasa waliin jiraatu keessattis ulfina guutuu hinargatu ture.
Gochi akkasii waan nama qaanessuuf namoonni akka kanneeniin hinarrabsamneef ofeegannoon jiraatu. Karaa biraatiin namni akkasii addaan bahee qofaa isaa nyaachaa jiraatu albaadheessa jedhama.
Hiiknisaas nama nyaata saamuufi nyaatarratti nama hinjaallanne jechuudha. Kunis arrabsoo guddaa waan ta’eef of eeggannoon jiraatu. Akkasumas hawaasni nama akkasii waan hinjaallanneef namoonni amala akkasiirraa of eegu.
Namni hiriyyoota isaa wajjin adamoofi duula ykn gara jila Gadaa tokkotti hinsochoone immoo ‘oolaa’ ykn ‘manee’ jedhamee waan arrabsamuuf sodaatee hiriyyoota isaa wajjin dirqama isaa ni baha jechuudha.
Kun immoo ciminaafi jiruu gamtoominaa cimsa. Arrabsoo namoota hiriyyoota waliin hinhirmaannee itti arrabsan keessaa tokko kan armaan gadiiti.
Baga oolte yaa oolaa!
Yaa oolaa hudduu dhiibbee!
Waa hiriyaa keellee si jibbee!
Oolaan silaa gadheedhaa!
Yaa gadhe bada gadhee!
Maalitti beekti gadheen!
Lafa Boorri itti dhalu
Iddoo goonni itti galu
Boqolloo waaduu malee!
Qoccolloo jaartii malee!! jedhu.
Namni akka gootaatti hawaasa isaa keessa hinsochoone akka nama guutuufi jabaa tokkootti osoo hin ta’iin akka dhamcoo ykn yeroo malee dhalate, ykn gatata tokkootti ilaalama. Haala walfakkaatuun hawaasa keessatti namni yakka (gocha fedhii hawaasaa ala ta’e) raawwate tokko akka seerri hayyamutti ni adabama.
Yakkichi murtii sadarkaa olaanaa kan barbaadu yoo ta’ellee gara Caffee olaanaatti dabarfama. Caffeenis Adabbiiwwan akka addaan baasuu (social sanction), akka hawaasarraa fagaatan gochuun ykn adabbii du’aa murteessuun seera Gadaa hojiirra oolchaa turan.
Hawaasa keessatti namoonni akka aadaan hayyamutti jiraatan immoo maqaa ulfinaafi kabajaa argatu. Kunis yoo jabaafi jagna ta’e goota, korma, ajjeesaafi maqaalee ni kennamaaf. Ijoolleen gurraafi maqaa isaa kaasuun ni faarsu; jaalalaafi ulfina qabaniif ibsu; fakkii gaariis ni ta’a. Fakkeenyaaf goota Oromoo beekamaa bara weerara Xaaliyaanii kan akka Kabbadaa Buzunash akka armaan gadiitti faarsu.
Kabbadaa yaa Kabbadaa!
Maa akkana goggoota biyyatu badaa!
Kabbadaa Buzunashii
Goorootti dachaase hunduma ishii!
Abbaba Aragaay Bacharee
Goota Bacharee Gadaa
Maal akkana goota biyyatu badaa.
Roophilaan Waaqarra kaatee
Matarayyeesii xamadatee
Kabbadaan kotota guuree
Gara Dannabaatti baqate….. jedhu.
Haaluma kanaan kan wallaales ni gorsu ykn rakkoosaa itti himu. Bifuma walfakkaatuun waraana naannawa Finfinneetti Xaaliyaan wajjin bara 1930 keessa godhamerratti kan du’e Abarraa Kaasaa weedduun yoo yaadatan;
Sinbirroon mukarra teessee Rambaa rambaa goote ballallaa
Faranjiin Salaale ceetee
Kambaa kambaa goote Abarraa
Abarraa yaa ilma coomaan guddisan
Boombiin kuffisan; jechuun yaadatu.
6.13. Gumii (Yaa’ii) Tuulamaa
Miseensi Gadaa bulchiinsarra jiru tokko seera tumame raawwachiisuurratti yeroon itti madaalamu erga aangoo qabatee dhuma waggoota jahaffaarratti ta’a. Hir’ina mul’atus fooyyessuun yeroo hafe keessatti akka raawwatamu taasifama.
Isaanis dabaree isaanii dhuma yeroo bulchiinsa bara Gadaa isaaniitti waggaa torbaffaarratti seera tumuun miseensa itti aanuuf aangoo gadhiisu. Hojii raawwachiisuu keessatti miseensonni Gadaa maal hojjetu? gaaffiin jedhu ka’uu danda’a. Akka Sirna Gadaatti hojiiwwan hedduun kan raawwataman marii, waliigalteefi gareedhaani. Adeemsa hojii raawwachisuu miseensota Gadaa keessatti yaa’ii (gumiin) ni baay’ata.
Kanaafuu, hojiiwwan adda addaa raawwachuuf yaa’iiwwan hedduu gaggeessu. Kanneen keessaa Yaa’ii Bantii, Yaa’ii Dagaagaa, Yaa’ii Odaafi kan kana fakkaatan ni jiru. Yaa’iiwwan eeraman kanneen keessatti hojiiwwan raawwataman hedduudha. Isaanis akka waliigalaatti dhimmoota siyaasaa, hawaasummaafi amantii of keessatti hammata.
Sadarkaalee hojii raawwannaa Sirna Gadaa keessaa tokko Gumii Odaati. Gumii kanarratti Abbootiin Gadaa gosa Tuulamaarraa walitti dhufanii kan hirmaatan yoo ta’u, seerri dur tumame akka walhinfaallessinetti ofeeggannoon madaalama; hiikni kennameef, kan fooyya’uu qabanis ittidabalamee Caffee tumaarratti lallabamu. Abbaan Gadaa jaarraa bara bulchiinsa Gadaa ofii xumuruuf ji’oonni muraasni yoo hafan yaa’ii gochuun dhagaa guddaa koree (dhagakora) ‘seeraan dhalcha’ jedhee lallaba.
Warri Dooriis aangoorraa bu’uun akka ga’e waan beekaniif ‘seera dhiisii ilma dhalchi’ jedhuun. Akka aangoorraa bu’us qoosaadhaan itti himu. Kunis seerri inni labsu kun irra caalaa waggaa tokko dura waan labsameef kan biraa waan isaan ilaaluuf kana booda nutu seera haaraa baasa, kee kun kan hanga ammaatti Odaa Nabeerratti tumame ni gaha jechuu waan barbaadan fakkaata. Seera Lubni tume Dooriin fudhatamee hojiitti hiikama.
Adeemsa seera raawwachiisuu bulchiinsa Gadaa Tuulamaa keessatti Caffeen sadarkaa adda addaarratti itti gaafatamummaafi dirqama bahu qaba. Qaamonni bulchiinsaa kunniinis akka sadarkaa isaaniitti bulchiinsa sirna Gadaa keessatti gahee qabu.
Dhimmoota hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa ofii raawwachuu hindandeenye gara sadarkaa bulchiinsa olaanuutti dabarsu. Haaluma kanaan dhimmi qaama gadi aanaarratti furmaata hin arganne dhumarratti sadarkaa bulchiinsa olaanaarratti furmaata argata. Caasaan mootummaa Gadaa Tuulamaas haala armaan gadiin ibsamuu danda’a.
Caasaa Mootummaa Gadaa (Gosoota Tuulamaa) fi Facaatii Isaa.
Caffeen Tuulamaa qaama bulchiinsa Gadaa isa olaanaadha. Hojiiwwan Caffeen kun qabu keessaa muraasni seera baasuu, seera labsuufi raawwachiisuu yoo ta’u, dhimmoota hawaas dinagdee akkasumas siyaasaa sadarkaa gadi aanaatti furmaata hin arganne sakatta’uun murtee itti kennuudha (Seera tumuu, seera hiikuufi seera raawwachiisuu jechuudha). Akkuma kanaan olitti ibsame, Abbootiin Gadaa gosootaa Caffee jalatti hojiin isaanii inni ijoon jiruu ummataa to’achuu, seera barsiisuufi raawwachiisuudha.
Qaamni seera raawwachiistuu Caffee sadarkaa olaanaarraa hanga manaa, balbala darbees hanga jaarsa ollaatti kan diriiredha. Abbaan Faajjii Bokkuudha. Abbaan Bokkuu hangafa Tuulamaafi qaama olaanaa Gadaati. Bokkuun dhalootaan darba. Abbaan Gadaa gaggeessaa Gadaa jaarraati. Kan filannoon waggoota saddeetiif aangoo qabatuudha. Abbaan Muudaa Qaalluu gosaati. Kunis sanyiin kan muudamuudha.
Akka waliigalaatti garuu, qaamonni seera raawwachiistuu kunniin qaamolee seera hojiitti hiikan qabu. Isaanis sagalee gosaafi shanee hayyootaati. Isaan kunniin hojiin isaanii inni guddaan hawaasa keessatti murtee kennuudha. Waraana shaniifi alangaa shan qabachuun “Kottu dhufe!” jedhanii seera muummee akka wabiitti eeruun murtii kennu. Dhimma sadarkaa isaanii ol ta’eefi murtii dhabe gara qaama olaanaatti dabarsu. Haala kanaan hawaasa keessatti loogiifi olaantummaan qaama tokkoo kan biroo irratti osoo olaantummaa hin mul’isiin Oromoon Tuulamaa akkuma gosoota Oromoo kan biroo baroota dheeraaf ofiin of bulchaa ture. Murtiis kan hojiitti hiiku tartiiba ijaarrama hawaasaa kanneen akka gosaa, manaa, balbalaafi warraa ykn maatii ta’u.
Itti fufa…
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 28 Bara 2014