Doktar Abiyyi Doktar Alii gaafatan

 Ministirri Muummeen Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoofi Pirezidaantiin BMNO, Obbo Shimallis Abdiisaa Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa Hospitaala Jeneraalaa Adaamaatti wal’aanamaa jiru gaafatan.

Geggeessummaa sirriin yoomiyyuu eessattuu qalbii hawaasaa keessatti argamuun fakkeenyummaa dhugaatiin dhugoomsuudha.

 Gaazexaan Bariisaa Doktarri Kabajaa Artisti Alii Birraa dhukkubsatee Hospitaala Jeneraalaa Adaamaatti wal’aanamaa jiraachuu torban lama dura gabaasuunsaa kan yaadatamu yoo ta’u, artistii kabajamaan kun waggoota 60 oliif afaanota garagaraatiin waltajjii muziqaa Oromoofi Itoophiyaa miidhagsaa ture.

Doktar Aliin fayyee gara hojiisaafi ummata isa jaalatuutti akka deebi’uuf ni hawwina.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014

Recommended For You