Seenaa Mootummaa Sirna Gadaafi guddinasaa

Kutaa 8fa

Caasaa bulchiinsa Gadaa keessatti Abbaan Bokkuu qaama olaanaa siyaasa Gadaa haa ta’u malee iddoo baay’eetti hojii kan hojjetu Abbaa Gadaa jaarraati. Kanaaf, Abbaan Gadaa miseensa isaa keessaa dhalootaan ykn hangafoomaan ykn dandeettiifi beekumsa isaatiin kan filatamaniidha. Abbaa Gadaa jalatti hayyoonni sagal ykn /shan/ adeemsa bulchiinsaarratti gorsa kennuuf filatamu. Hayyuun gargaaraa Abbaa Gadaa yoo ta’u, namni hayyuu ta’uu danda’u gorsaafi qajeelchuu danda’uun isaa madaalamee filatama.

Ulaagaaleen miseensi tokko akka hogganaa tokkootti guutuun irra jiraatu tokko immoo akka armaan gadiitti kan mul’atudha. Inni duraa, sadarkaalee Gadaa 1faa, 2faa, 3faafi 4faa keessatti ciminaan kan hirmaateefi miseensa isaa keessatti gaggeessummaan kan beekame yoo ta’u; inni lammaffaa, seeraafi heera Caffee kabajuufi hojiirra oolchuun kan kuttannoon socho’ee hojjechuu danda’eefi inni sadaffaan ammoo nama nagaafi amala gaarii qabu, qaamni isaa jabaafi fayyaa kan ta’e, ergama miseensi itti kennate fiixaan baasuu kan danda’u ta’uu qaba .

6.7 Jaarraa Utaaluufi Qachaa Jila Tuulamaa

Sirni Baallii walii dabarsuu Oromoo Tuulamaa birratti ayyaana Buttaa qaluutti aanee raawwatama. Buttaan kan qalamu walgayii qachaa Abbaan Gadaa gosa Galaan (warra hangafa) guyyaa itti Buttaa qalaniidha. Kunis dhuma jaarraa isaanii irrattidha. Adeemsa Buttaa qachaa Gadaarratti gaggeeffamu akkamitti akka gaggeeffamu yaa ilaallu.

Duraan dursee qachaa kanarratti manatu ijaarama. Manguurri kun gosarraa qabee hanga manaafi balbalaatti akkuma hangafaafi quxusuutti tarreedhaan ijaarama. Manguurri tokko mana ykn saqaala bal’aa ta’e keessatti kutaa xixiqqaa qaba. Waltajjii qachaa kanarratti miseensi sadarkaa Dabballee, Gaammee, Raabaa, Kuusaafi Gadaarra jiran kan itti hirmaatanidha. Jila kanarratti Abbaan Gadaa gosaa Korma Buttaa osoo hinqalin dursee miseensi Gadaa seera tumee isaaf kennee akka seera guutuuf affeera. Innis kennaa ykn harkafuudha ykn harkafuucha irreessa erga fudhatee booda qachaa kanarratti mul’ata.

Dhadacha dhufee al shan qachaatti naannawee iddoo tokkoon cabsee seena. Kana booda hojiin miseensi kun hojjete madaalamee atoomsi gara miseensa dhufuutti dabru kennama. Seera kana tumee akka kenne erga dubbatamee boodas, miseensonni bulchiinsarra turan waltajjii gadi dhiisanii deemu. Abbootiin Gadaas gammachuudhaan korma tokko tokko mata mataan ijoollee dhiiraa qabaniif qalu. Harka mirgarraa Meedhacha baasuun harkatti keeyyatu. Sirna dhibaayyuus erga birbirsa Fooqaa jalatti raawwataniin booda Waaqa kadhatu.

Ittaansuudhaan nyaataafi dhugaatiin kennamee dhadannoofi seenaan miseensaa akka madaalamu taasifamaa ture. Abbootiin Gadaafi miseensi isaanii jarreen aangoo kennaniifi fudhatan weeddisaa dhiiboo (tirtir) taphatu.

Warri aangoo kennan sun akka dhiibamanii qachaa jilaa keessaa ala ta’an taasifamu. Kunis yeroon keessan dhume, aangoo keessan gadi dhiisaa jechuu fakkaata. Dhiiboo gaachanaafi harooressaan godhamu kanarratti tasa wal miidhuun yoo jiraate warri Kuusaafi dubartiin daa’ima baattee jidduu seenuun araara buusu. Kana booda jarreen seera tumanii kennan sun seerichi hojiirra ooluu isaa mirkaneessuun irraa eegama.

Miseensi yeroo kana aangoo kennuuf qopha’ee kun immoo Dooriin waan achi hinjirreef Dabballeefi Kuusaa qofti jila kana weeduun miidhagsu. Isaanis dhadannaa dhaggeeffatu. Dhadannoof geerarsi miseensi Gadaa tokko waggoota 40 dabran keessa hojjete mara kan ilaaludha. Ajjeechaafi wallaansoo diina waliin raawwatame yaadachuun kan geeraramu yoo ta’u, yeroo booda loon meeqa akka qabu, midhaan gombisaa meeqa akka omishee galfate, kallattii duula irratti hirmaateefi hojii jabduu miseensi hojjete ibsuun geerarama.

Warri hiriyyootaas hojii nama geeraru kanaa beekanii akka dhugaa bahan taasifama. Dhadannoo kana kan eegalu maqaasaa waamuun kan abbaafi akaakayyuusaa itti dabalee hanga abbaa 20 deemullee ni danda’a. Kunis eenyummaa isaafi maatii, gosaafi mana kam akka ta’e of barsiisaa deema. Namoonni isa beekanis dhugaa isaati jechuun deeggaru.

Dhadannoo kana booda, Abbaan Gadaa bulchiinsa gaggeessaa ture eebbisee jaarraa isaa akka fixate gammachuun ibsa. Miseensonni itti Makoo ykn Daballeen gara Gaammeetti, Gaammeerra kan turan gara Kuusaa ykn Foolleetti, kan Kuusaarra turan immoo gara Raabaatti, Raabomarra kan ture gara Dooromaatti, Dooromarra kan turan gara Lubaa ykn Gadaatti tarkaanfatu. Kunis jaarraa utaaluu jedhama. Miseensonni sadarkaa Lubaarra turan ammaa aangoo gadhiisee Yuuba 1ffaa (Guulaa) ta’a jechuudha. Sirni Baallii kennuu kan qachaa Gadaarratti raawwatamu haala kanaan yoo ta’u, sirni kan biroo immoo kan armaan gadiiti.

Bifti lammaffaan Baallii walii dabarsuu immoo manaafi araddaa Abbootii Gadaarratti Buttaa qaluun kan raawwatamudha. Sirni Buttaa qaluu kun dhaqna qabaa waliin kan wal qabatudha. Ayyaanni Buttaa qaluu kun guyyoota 15 caalaaf kan itti fufiinsaan gaggeeffamu yoo ta’u, guyyoota duraaf Abbaan Gadaa jaarraa marti iddoo jiranitti baatii (ji’a) Eblaa qabee hanga Waxabajjii bultii 12 itti guyyoota isaanitti tolu baatii Caamsaa malee Buttaa qaluun nyaachisaa isaan gaggeessu.

Guyyaa Buttaan qalamu san Lubni tokko haadha manaa isaa jaarsa Guulaafi jaartii Cifiree qabatee taliila (bishaan) waraabbachuuf gara malkaa bu’u. Yeroo kana “Gabbisayyoo” taphachaa deemu. Kana booda gara manaatti deebi’uun Lubni (Abbaan Gadaa) mataqaboon hirkifamee dur qaama saala isaarra akka qulqullaa’u ta’a ykn gudeeda isaa goodata. Abbaan Gadaa kun kana booda dirqama sadarkaa qaraa isaa fixate jechuudha. Guyyaa kana korma qalee namoota gammachuu kanaaf dhufan ni nyaachisa.

Ayyaanni Buttaa kun nyaataafi dhugaatii, gammachuufi geerarsa guddaadhaan guyyaa 15 caalaa tura. Qabeenya ofi sodaafi qoollifannaa tokko malee kennu. Horii baay’ee qalanii, dhangaa baay’eenis manatti qophaa’ee, firris gumaacha fiduun keessummoonni gaggeeffamu. Yeroo kana faaruun miseensota sadarkaa adda addaarra jiran kan itti dhaga’amudha. Fakkeenyaaf, miseensonni itti Makoo weedduu armaan gadii weeddisu.

Itti Makoo (Dabballee) – Hoo! Yaa itti makoo

Jabbilee loonitti makee

Jedhanii weeddisu.

Dabballee dabboo

Dabballeen aannani jettee

Mee aannan koo

Dabballee afaan aannanii

Oolchaan siglaa! jedhanii walfaarsu.

Kuusaan immoo: Yaa Foollee roobaa

Birbisi daraaree yaa foollee

Lubatu nawaamee yaa Foollee

jedhanii walfaarsu. (Akka odeeffannoo manguddoota tokko tokkootti Birbirsi kan daraaru waggaa saddeetitti jedhu.)

Sadarkaa Kuusaa (Foollee) kanarratti weedduun saalfachiisaa ta’an marti illee qaanii malee sirbamu. Abbootiin Gadaa waan barbaadan maraa akka gargaaraafi Abbootii isaaniittis akka barsiisan godha. Foolleen loltuu ta’uun Abbootii Gadaa ni gargaaru. Kana malee Kuusaan namoota seera Gadaa cabsan akka adabaman ni godha. Fakkeenyaaf, nama seera rakoo osoo hin raawwatiin haadha warraa godhate kan ittiin adabsiisu ni qaba. Akkasumas nama haadha manaa Abbaan warra irraa du’etti seera malee gale akka galtuutti fudhatamee adabbii guddaan miseensota sadarkaa Kuusaatiin irratti fudhatama.

Namni mana dubartii akkasii gale sun akkuma qabameen miseensonni Kuusaa uffata isaa irratti tatarsaasanii akka hudduun isaa qullaa ta’u godhuun ni saalfachiisu. Kana booda Foroorsaa (muka jirmaa) baachisanii isaan duukaa akka deemu dirqisiisu. Itti qoosu; ni qaanessu; dubartittii sanas akka kiisu / kiisii argattu/ taasisu ykn waadaa galchisiisu. Dubartii gocha akkasii raawwattes salphina guddaatu isheerra ga’a. Isheenis seeraa ala waan hojii kana raawwatteef ni arrabsamti.

Adabbiin dhimma kanaa hanga mana diiguutti ga’uu danda’a. Fakkeenyaaf, dhiirriifi dubartiin seera fuudhaafi heerumaa cabsan kunniin yoo dhokatan manatu irratti diigama. Haa ta’u malee, ulfina miseensota Kuusaaf jecha uffata (hidhata) isaa yoo dallaa manaarra kaa’ee dhokate, uffaticha fudhatanii ittiin weeddisu. Uffaticha dallaarratti argatan cicciru. Namichas barbaacha isaa baay’ee hindhama’an. Garuu, tuutni Kuusaa kan biraas waan iyyaafatee dhufuu danda’uuf nama akkasii hanga yeroon jilaa darbuutti baraarsuun rakkoo guddaadha.

Gaaffii maaliif warri Foollee namoota akkasiitti duulu jedhuuf deebiin argame dubartii abbaan warraa irraa du’etti galuun aadaa Oromoo keessatti fudhatama akka hinqabne kan mul’isudha. Dubartiin dhirsa hinqabne dur seeraan ni dhaalamti malee namni hinbeekamne tokko ka’ee itti galuun dhorkaadha. Dhirsi irraa du’e sun goota kan ture ykn hawaasicha sadarkaa adda addaarratti kan tajaajilaa ture ta’uu danda’a.

Kana malees, walitti dhufeenyi akkasii daa’ima Gadaa hinqabne ykn yeroo eeggatee sadarkaalee Gadaatti galuu hindandeenye dhalachuu waan danda’amuuf, safuu cabsuu ta’ee hawaasa biratti jibbamaa ture.116 Kana malee galtuun kun nama saamicha dhaqa waan ta’eef dubartii san mooksee qabeenya maatii saamuun irraa fudhachuu waan danda’uuf dhorkaadha.

Abbootiin Kuusaa yeroo kana Abbaa Seeraa ykn qadaadduu ykn mata qaboo ta’uun namoota aangoorra jiran gargaaruu. Kanarraa ka’uun yeroo hunda miseensi Gadaa walitti hinannee (walanna hin ta’iin) walgargaaru. Seera dadhabes waliin sireessuu. Seerri Gadaa tumame akka hin faallofneef akka gorsaa ta’eet eega. Abbaan Seeraa waggaa saddeet boodas seera tumsiisee lallabarratti warra Luba aangoorra jiruuf kennee miseensota itti aananiif iddoo gadi dhiisa.

Abbootiin Seeraa bulchiinsa Gadaa keessatti iddoo olaanaa qabu. Hawaasa keessatti beekumsaafi muuxannoo waan qabaniif hedduu kabajamu. Miseensi sadarkaa Dooromaarra jiran immoo hojii qorannoo aadaafi jila amantiif barumsarra waan turaniif yeroo baay’ee sirna Buttaa Qaalluurratti hin argamani. Miseensota aangoorra jiruufi Buttaa qalan ummatatu isaan faarsa malee ofiin of hin faarsan. Garuu, ni dhadatu; geeraru. Fakkeenyaaf, faaruu miseensonni Gadaa weeddisan keessaa:

Ofkalii ofkali! Wayyaa Luba koo! Ofkali

Wayyaa Luba koo ofkali

Gadaa abbaa kee ofkali

Nagaan baatee ofkali

Saddeettan Gadaa ofkali

Nagaan baatee ofkali

Wayyaa Luba koo ofkali

Caaccuudha!! Caaccuudha

Qomeen dubaraa Caaccuudha

Baaccuudha baaccuudhaa

Gifittiin mananaa Baaccuudha

Jedhanii hawwii qaban gammachuudhaan ibsuuf.

Sirni walharkaa fuudhinsa Baallii kun xumuramee yoo raawwatu dhumarratti Abbaan Gadaa Tuulamaa sadan (Galaan) Buttaa qalu. Innis kan raawwatamu walakkeessa Waxabajjii keessa. Osoo ayyaana Buttaa hin xumuriin kan biraas luboonni ja’an Galaaniifi ykn Bacho, Daacciifi Jiilleen akkasumas kan biroo hanga baatii Eblaatti qooda hunda guuttachuutu irra jiraata.

Baatii Waxabajjiitti Abbaan Gadaa Tuulamaa (Ja’an Galaan) Buttaa qalee dhuma jaarraa miseensa tokkoo ta’a jechuudha. Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne, Oromoo Tuulamaa biratti marsaadhaan miseensonni Gadaa shanan Birmajii, Beelbaa (Meelbaa), Horata, Halchiisaafi Roobalee jedhamu. Akka seera Caffeetti seera miseensi Gadaa Birmajii tumee miseensa itti aanu (Meelbaan) akka hojiirra oolchu taasifama. Miseensi seera kana tume Abbaa Seeraa ta’uun bara Gadaa itti aanu keessatti raawwii isaa to’ata; hojii isaaniis ni madaalu.

Ittifufa…

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Mudde 30 Bara 2014

Recommended For You