Agarsiisni suuraa ‘Sila Itoophiyaa jedhamu’ DhPI qopheesse agarsiifamaa jira

Finfinnee: Agarsiisni suuraa ‘Sila Itoophiyaa’ jedhamu badiifi miidhaa shororkeessaan ABUT ummata biyyattiirraan ga’aa ture akkasumas, ifaajjii biyya oolchuuf taasifameefi injifannoowwan argaman mul’isu Dhaabbata Pireesii Itoopiyaa (DhPI) tiin qophaa’e agarsiifamaa jira.

Egzibiishinii seenaqabeessi suurawwan 400 ol qophaa’anii itti agarsiifamaa jiru kun Wiixata darbe kan baname yoo ta’u, hanga Amajjii 12 bara 2014tti kan turuufi namni kamuu daaw’achuu kan danda’uudha.

Egzibishinicharratti kan banan Minisitirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Doktar Laggasaa Tulluu marii paanaalii agarsiisichaan booda taasifamerratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, DhPIn ifaajjiifi injifannoo Raayyaan Ittisa Biyyaa, humnoonni nageenyaa naannolee duulicharratti taasisan bakkatti argamuun suuraadhaan kaa’uunsaa sanada guddaa waan ta’eef hojii boonsaadha jedhan.

Saganticharratti, Gorsaan Damee Hawaasummaa Ministira Muummee Diyaaqoon Daani’eel Kibrat, Miseensi Boordii DhPI Doktar Agaarradach Jamaanah, Daarektarri Abbaataayitaa Sabqunnamtii Itoophiyaa Obbo Mohaammad Idris, Daarektarri Qunnamtii Ummataa Ministeera Ittisaa Kolaneel Geetinnat Adaanaa, Pirezdaantiin Yunvarsiitii Barumsaa Kotobee Doktar Biraanamasqal Xannaafi keessummoonni waamichi taasifameef biroon argamaniiru.

Shororkeessaan ABUT wayita biyya bulchaa turetti sarbama mirga dhala namaa raawwachaa turuusaa eeranii, erga gara Maqaleetti gales qabeenyi saame isa ga’uu didnaan “Itoophiyaa ani hinbulchine jiraachuu hinqabdu” jechuun biyya jeeqaa tureera jedhu. Kanas DhPIn suuraadhaan seenaaf kaa’uu eeru.

Rippoortara Gaazeexaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 30 Bara 2014

Recommended For You