Seenaa Mootummaa Sirna Gadaafi guddinasaa

 Kutaa 4fa

Kanarraa kaanee Oromoon gurmaa’ina hawaasummaa yeroodhaa gara yerootti guddiseera jechuu ni dandeenya. Kun immoo gara seeraan buluufi jireenya dhuunfaa ykn gosarraa gara bulchiinsa paartii jaarmiyaan of bulchaatti isa dabarse. Seeraan buluuf Gadaan hundee guddaa ta’e jechuudha. Namoonni dhuunfaadhaan akka dhimma ofii raawwataniifi miseensi tokko dirqamasaa akka dirqama miseensa ofiitti fudhatee raawwatu taasifama.

Seerri Gadaa faayidaafi mirga nama dhuunfaa kabajaa gara mirga gamtaatti guddata. Kanaaf, hawaasni Oromoo dhimma hawaasummaa irratti “Seera malee, Dhugaa malee” jedhu. Jechi kun kan ibsu iddoo seerri hin jirre dhugaan hinjiru jechuudha.

Seera Gadaa kan tumu Caffee ykn mana maree Oromootaati. Kunis mootummaa Sirna Gadaati. Gama biraatiin, mammaaksi akkasii kun jiraachuunsaa kan mul’isu Gadaa keessatti seeraan buluun akka jiruuf iddoo seerri hinkabjamnetti mirgi namaafi dhugaan akka hinjirre kan ibsuudha.

Caasaa Mootummaa Gadaa Tuulamaa

Qaamni olaanaa sirna Gadaa Oromoo akkuma gosaatti adda addummaan mul’achuu ni danda’a. Akka gosa Tuulamaatti garuu, gumii ykn yaa’ii Abbooti Gadaa jedhama.

Caasaa Daaccii 2

Filannoofi Raawwiinsasaa

Filannoon hoggantootaa kan raawwatu akka barreessitoonni tokko tokko jedhanitti, sadarkaa Dooromaa (Qondaalaa) irratti osoo hinta’in sanaan dura sadarkaa Kuusaarra yeroo turaniidha. Gosti Oromoo manniifi balballi martinuu hojii raawwachiistuu ofii ni qabu. Akka fakkeenyaatti, gosa Oromoo Galaan yoo fudhanne Galaan Tuulama jalatti Abbaa Gadaa ofii ni qaba. Abbaan Gadaas Caffee ykn Mana Maree ofii ni qaba. Galaan jalattis gosoonni jiran ja’anuu Abbaa Gadaafi Mana Maree (Caffee) ofii ni qabu jechuudha.

Abbaan Gadaa gosa hangafaafi mana maree warra ykn gosa hangafa iddoo maratti dursee argata. Fkn Tuulama keessatti kan Galaan dursu hinjiru. Haa ta’u malee, hoggansaafi ulaagaan jiru gosoota maraan yoo mirkaneessan (atoomsan) malee wanti raawwatamu hinjiru. Gosni tokko al lamaa sadii gara Caffee yoo godaanuu dhiise hangafooma isaa ni mulqama ykn quxusuu akka ta’u taasifama.

Siyaasa sirna Gadaa keessatti, Tuulama qofa keessatti osoo hinta’in Oromoo maraaf hangafoomni iddoo guddaa qaba. Hangafoomni kan argamu hundee dhalootaan yoo ta’u, warri hangafti hawaasa keessatti Warra Bokkuu jedhamu. Abbaan Bokkuu warra hangafaa keessaa ba’a. Bokkuun isaan harka taa’a. Oromoo Tuulamaa keessatti Bokkuu shantu jira. Isaanis warra gosa hangafa ta’an harka jiru.

Bokkuun duraa kan sibiila irraa argame ta’ee kan Waaqarraa bu’e ta’uu isaatu dubbatama. Yeroo booda garuu gorsa hayyuurraa fudhatanii Bokkuu Ejersaa buqqifachuu akka jalqaban himama. Dhimma hangafoomaa kanarratti yeroo baay’ee gosoota adda addaa gidduutti wal morkii guddaatu jira. Sababni isaas hawaasa keessatti olaantummaa argachuuf fakkaata. Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne, namoonni tokko tokko gosa Jiddaa keessaa Galaaniin Jiddaatu hangafa jedhu. Kunis hidda dhalootasaanii wallaaluurraa kan ka’eefi safuu isaan waliin qaban beekuu dhabuurraa kan ka’edha.

Gama biraan, immoo gosoonni Oromoo hedduun waan walkeessa qubatanii jiraniifi abbootiin biyyaa ykn Warri Meedhachaa hangafooma qubsamarratti qaban himachuun gosa achitti makameefis akka hangafa ta’an himatu. Haa ta’u malee, warri abbaa Meedhachaa (qubsiisonni) Abbaa Malkaa ta’u malee akka Abbaa Bokkuutti hangafoomaan gosa kan bakka bu’amu miti.

Gosa Tuulamaa keessatti hangafa jedhamee kan beekamu Warra Daacii yoo ta’an, isaan keessaas gosa Galaani. Galaan gosa ja’a kan qabu yoo ta’u, ja’an Galaan jedhamanii beekamu. Ja’an Galaan keessaa Jiddaan hangafoomaan kan isa dura bu’u hinjiru. Akka Ayyaantuutti (Qaalluutti) kan beekamu garuu Jidda osoo hin ta’iin, Daacci keessaa Warra Sooddoo Odituuti. Hangafoomni kan Warra Galaan jedhanii waamu. Kanaaf, abbaa ja’an Galaan, abba shanan Jiddaa, abbaa sadan Aabbuu, abbaa afran Jaarsoo, abbaa sadan Ada’aafi abbaa lamaan Liiban jedhanii manneen gosa isaaniin waamu.

Aangoon Sirna Gadaafi Bokkuu gosaan akkasumas hangafoomaan kan deemudha. Siyaasa Sirna Gadaa keessatti seera tumuunis ta’e murtiin sadarkaa gadi aanaa keessatti gaggeeffamuu ni danda’a. Sadarkaa gadi aanaa keessatti kan murtii dhabe gara warra hangafaa dhufee furmaata argachuu danda’a. Namoonni murtii kennamurratti mormii qabanis gosa keessatti gara qaama olaanaatti ni iyyatu.

Qaama olaanu kanarraa yoo deebii quubsaan dhabame, gara gosa biraa deemuun ni danda’ama. Yeroo kana biyya bal’aa qaxxaamuranii deemuu ni danda’u. Yemmuu deeman kana garuu akka daandiirratti namni gosa biraa isa hinxuqneef mallattoo qabatee deema. Kunis ulee qabatee deemurratti faajjii ykn alaabaa Oromoo hidhatu. Bifa kanaan iddoo keessa darbuuf rakkistuu ta’an yoo ta’ellee darbuu danda’a.

Keessattuu hawaasa Oromoo biratti nama dhimma seeraaf deemu haala kamiinuu haa ta’u tuquun dhorkaadha. Namtichi seera barbaadu kun murtii isaaf kennamuu qabu baratee ammoo yoo danda’ame miiltoo wajjin deebi’a.

Yoo ta’uu baate namoota naannoo isaatti murtiif taa’an keessaa tokko hubannoo argatee murtiin akka kennamuuf taasisa. Warreen hangafaa kun hayyoota garagaraa wajjin naannoo tokko qubatanii waan jiraniif gorsitoota hedduu qabu. Gosa Tuulamaa keessatti qaama olaanaafi hangaftichi guddaan Abbaa Sadeen Tuulamaa ykn Abbaa Faajjiiti.

Yeroo jilaa Faajjii Oromoofi Bokkuu qabatee ummata dursee socho’a. Iddoo inni hinjirretti, murtiis ta’e seera tumuufi gaggeessuun hindanda’amu. Siyaasa Sirna Gadaa keessatti hangafoomni ulfinaafi kabaja ni qaba. Kana jechuun jarreen kun Abbaa irreeti (Arstocrat) jechuu miti.

Warri hangafaa kun hojii isaanirraa eegamu seeraan erga raawwatanii booda hojii ummataa bulchiinsi siyaasa Sirna Gadaa warreen hangafaan hogganamuun akka seerri kennutti tumaan gadi bu’ee qaama gadjallaan ykn hayyootaan akka raawwatamu taasifama.

Miseensonni shanan kun yeroo aangoo qabatan dabareen mana maree ykn Caffee isaanii filatu. Caffeen filatamu kunis hojii gosa maraa kan hojjetan malee, kan gosa tokkoo qofa kan hojjetan miti. Hojii gosaa qofa kan hojjetu mana maree (Caffee) gosaan filatamudha. Maqaan miseensota shanan Gadaa keessatti beekaman kunniinis marsaadhaan Birmajii, Roobalee, Meelbaa, Michilleefi Biifolee jedhamu. Kunis Marsaan yoo ilaalamu akka armaan gadiitti mul’atu kana fakkaata.

Marsaa Gadaa

Moggaafamni kun waggoota afurtama booda maqaa biraa ofitti moggaasuun ilmaan isaanii maqaa abbaa dhiisuun maqaa kan biraatiin beekamuu ni danda’u. Oromoota gara jiddugalaa (Tuulamaafi Maccaa, Arsii, Ituufi Gujii) keessatti garaagarummaan maqaa miseensotaa kun baay’ee kan mul’atu miti. Fakkeenyaaf Tuulama keessatti;

1. Birmajiin (Kiilolee)

2. Roobalee (Bifolee)

3. Meelbaa (Horata)

4. Michillee (Muudana)

5. Duuloo (mul’ata) jedhamu.

Karaa biraatiin, miseensonni kunniin Oromoo Booranaa (Sabboofi Goona) biratti maqaalee Fullaas, Daraaraa, Maakula, Moggisa, Sabbaqaa, Libaasaafi Mardiida jedhamuun maqbaasa torbaafi Baallii shanitti kan hirmanidha. Maqaaleen miseensotaa naannawaarraa gara naannawaatti garaagara ta’uu danda’a. Kun garuu, seeraafi kaayyoo Caffee Oromoorratti jijjiirama kan fidu miti.

Seerri Caffee duruma kan tumameefi kan beekamu yoo ta’u, miseensi Gadaa waggaa saddeet saddeetiin Caffee taa’uun seera Caffee haaromsuun hojiitti hiika. Raawwiisaas hordofuun komiifi ceephoo dhiheessa. Miseensi tokko carraa seera haaraa tumuufi ceephoo dhiheessuu kan danda’u umurii isaa keessatti altokko waan ta’eef carraa argatu kana seeraan itti gargaarama.

 Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Mudde 2/2014

Recommended For You