Omisha gahe sassaabaa diinas qolachaa

Yeroo ammaa maniiwwan guguddoon afran misooma qonnaarratti wabii nyaataa mirkaneessuu, omishawwan alaa galan bakka buusuu, omishawwan alergii baay’inaafi qulqullinaan omishuufi carraa hojii uumuurratti qabamee sadarkaa biyyaatti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Hojiin misooma qonnaarratti hojjetamaa jiru kana caalmaatti guddisuuf fuula duratti dhimmoota guguddoo sadii si’aayina, baay’inaafi qulqullinaan omishuuf qonnaan/horsiisee bultoonni, qooda fudhattoonni hojii misooma qonnaafi hoggansi sadarkaan jiru yeroo kamuurra xiyyeeffannoon hojjechuurratti argamu.

Kanaanis hojiiwwan jajjabeessoon imala guddina dinagdee biyyi keenya jalqabdee milkeessuu danda’an gama qonnaatiin hojjetamaa jiraachuufi kana caalaa yoo xiyyeeffannoon hojiin qonnaa deggerame bu’aan eegame galmaa’uu akka danda’uudha kan ogeessonni damichaa ibsaniifi waanti qabatamaan lafarraa mul’atu kan ragaa bahan.

Keessumaa waggoota sadii as xiyyeeffannaa mootummaan damee qonnaatiif kennee lafti kamuu agabuu buluu hinqabu jedhee kutattummaan hojiitti seeneen omishni gaariin akaakuuwwan midhaanii hundaan argamaa jira.

Karoorichaan lafti biyya keenyaa gammoojjiittis ta’e baddaa akkasumas badda dareetti yoo ciminaan irratti hojjetame omisha gaarii kennuu akka danda’u kan itti mirkaneeffame, hojii jajjabeessaafi abdii namaa kennu qonnaa kilaastaraan Oromiyaa keessatti hojjetamaa jiru akka fakkeenyaatti eeruun ni danda’ama.

Kanaanis qamadii qonna gannaatiin lafa hektaara miliyoona 1.2 irratti akka Oromiyaatti misoome keessaa hektaarri kuma 822 kilaastaraan misoomeera. Akkasumas, lafti qonnaaf oolu qotamuu akka qabuufi kallattii taa’een lafti dallaan daangeffamee ture hektaarri kuma 120 barana misoomeera.

Egaa wayitiisaa waan ta’eef midhaan sassaabbiif qaqqabe maloota addaatiinis ta’u ammayyaattiin (kombaayinaraan) qisaasama malee qulqullinaan yeroodhaan akka walittiqabamuuf harka tokkoon diina biyya diiguuf wixxirfataa jiru dhamabsiisuuf waan barbaachisuun, akka barbaachisutti, iddoo barbaachisaa ta’etti hirmaachaa harka kaaniin abbootiin qabeenyaas ta’e qonnaan bultoonni walta’uun midhaan ittidhama’amee bareede kun dafee gumbiitti akka galuuf gaheesaanii bahachuu qabu.

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014

Recommended For You