Tiruun qaamolee dhala namaa jiraachuuf dirqama barbaachisan (vital organ) jedhaman keessaa isa tokko yoo ta’u, ga’ee hojii hedduu ta’e kan qabuudha. Tiruun dhala namaa kan argamu, Garaa gara handhuuraa olii gama mirgaatiini. Tiruun dhukkubootaafi qorichoota hedduudhaan carraan miidhamuusaa olaanaadha. Mallattoon dhukkuba tiruu erga tiruun miidhamtee booda mul’atu walumaagalatti walfakkaataadha. Kana jechuun, tiruun sababa alkoolii miidhamteefi tiruun sababa vaayirasii tiruun miidhamte dhumarratti gara mallattoo walfakkaataatti deemu jechuudha.
Mallattoowwan walii galaa dhukkuba tiruu argisiisan maal fa’ii?
* Dhiita’uu garaa: Dhiita’uun garaa mallattoo dhukkubni tiruu hedduu namarra turee sadarkaa cimaa irra ga’e argisiisudha. Dhita’uun qaamaa kun boodarra gara miillaa, achii ammoo qaama guutuu walga’uu mala.
* Halluun ijaa gara keelloottii jijjiiramuu: Halluun ijaa bakki adii ture, namoota dhukkuba tiruu qaban irratti gara keellootti jijjiiramuu mala. Mallattoon kun garuu dhukkuba tiruu gara jalqabaarrattis mul’achuu danda’a. Akkasumas halluun fincaanii illee gara halluu dhugaatii kookaatti “Coca-Cola colored urine” jijjiiramuu danda’a. Yeroo tokko tokko ammoo keessumaa daa’aimman irrattifi nama gogaa halluu ifaa ta’e qabu irratti, halluun gogaa illee gara halluu kellootti jijjiiramuu mala. Qaamni namaa garmalee nama hooksisuun illee mallattoodhuma dhukkuba kanaati.
* Dadhabbii: Dadhabbiin garmalee cimaan ykn annisaa dhabuun mallattoo dhukkuboota hedduu ta’us, dhukkuba tiruu keessatti osoo dhiita’uun garaa illee hindhufiin dursee garmalee namatti hammaachuu mala. Dabalataan, ulfaatinni qaamaa garmalee hir’achuu, nyaata jibbisiisuufi dhukkubbiin maashaale qaamaa illee ni mudata.
* Dhiigaa oldeebisuufi bobbaan namaa dhiigaa makatee ba’uu: namoonni tokko tokko dhukkuba tiruu yeroo dheeraa yoo qabaatan osoo mallattoon biraa tokkollee irratti hinargamiin mallattoo dhiigaa oldeebisuu kana qabaachuu malu. Dhiigni balaqqama waliin sababa dhukkuba tiruutiin ba’u dhiigaa haaraa yoo ta’u kan bobbaa waliin ba’u ammoo yeroo hedduu garaa keessa turee kan ba’uufi halluu gurracha’aa ykn gubataa fakkaatu kan qabuudha.
* Sammuun jeeqamuu: Sammuun jeeqamuun sababa dhukkuba tiruu kun gara dhumaatti kan dhufuu dha. Mallattoon jeeqama sammuu sababa dhibeen tiruun dhufu kanaa jalqaba irratti hirriba jeequu ykn hirriba dhorkuu dha. Yoo kan yeroon hinyaalamiin ta’e ammoo achumaan gara sammuu dabarsuufi of wallaaluutti ille egeessuu mala.
Asirratti wanti hubatamuu qabu namoonni mallattoolee dhukkuba tiruu armaan olitti tarreefaman kana qaban dirqama dhukkuba tiruu qabuu jechuu miti. Dhukkuboonni biroo yeroo tokko tokko mallattoolee kanaan walfakkaatan argisiisuu malu, akkasumas ammoo namoonni dhibee tiruu osuma qabanii mallattoo biroo argisiisan, ykn ammoo tasuma mallattoo hinargisiisne (keessumaa gara jalqabaatti) ni jiru waan ta’eefidha.
Dhibeen tiruu maalirraa nama qabuu danda’a?
1. Alkoolii (Alcohol)
Alkooliin namoota sababa dhibee tiruutiin addunyaa keenyarraa boqotan keessaa dhibbeentaa 44 kan ta’aniif sababa kan ta’uudha. Kana jechuun dhukkuboonni tiruu kanneen hafan marti walitti ida’amanii dhiibeentaa 54 qofaaf sababa ta’u jechuudha. Walumaagalatti ammoo alkooliin namoota miliyoona sadii ta’an waggaa waggaatti galaafata. Namni tokko erga alkoolii dhuguu eegalee kaasee suuta suutaan qaamni inni ajjeesaa deemu inni jalqabaa tiruudha. Jalqaba irratti tiruun fayyummaa dhabuun coomni keessatti kuufamu (Fatty Liver)fi kulkula tiruu cimaa (acute hepatitis) namatti fida.
Gara dhumaatti seelota tiruu ajjeesuun tiruu hojii ala taasisa, tiruu namoota muraasaa ammoo gara kaansarii tiruu (Hepatocellular Carcinoma)tti jijjiira. Dhalli namaa tiruu malee jiraachuu waan hindandeenyeef lubbuu galaafata jechuudha. Dhibeen tiruu sababa alkooliin namatti dhufu kun haga alkoolii dhuganii waliin kallattiinn kan walitti dhufeenya qabuudha. Kana jechuun ammoo kan baay’ee dhuge baay’ee miidhamaa adeema jechuudhaa.
2. Vaayirasoota tiruu (Viral Hepatitis)
Yeroo hedduu kan maqaa kaafnee irratti dubbannu vaayirasii tiruu isa gosa B haa ta’u malee vaayirasoonni tiruu kan dhukkuba tiruuf sababa ta’an lakkoofsaan gara shanii ta’u. Dhukkubni tiruu kan “viral hepatitis” jedhamu gosoota vaayirasii shanan (hepatitis A, hepatitis B, hepatitis C, hepatitis D fi hepatitis E virus) irraan kan nama qabudha. Haa ta’u malee dhibee tiruu yeroo dheeraa kan fidanfi dadhabuu tiruu yeroo dheeraa (chronic liver disease) kan namarraan ga’an hepatitis Bfi C qofadha. Kanneen hafan dhibee tiruu yeroo gabaabaa (acute hepatitis) kana namatti fidanidha. Yeroo ammaa kana ammoo vaayirasoota kana keessaa sodaachisaafi biyya keenya keessattis lubbuu hedduu galaafataa jirukan vaayirasii tiruu isa gosa “B” jedhamu kanadha.
Addunyaa keenya irra namoonni gara miliyoona 300 ol ta,an vaayirasiin hepatitis B kun qaama isaanii keessa jiraata. Kanneen keessaa kan walakkaa miliyoonaa ta’an waggaa tokko keessatti lubbuun isaanii sababa vaayirasii kanaan ni darba. Gara biyya keenyaatti yoo dhufnu argamni vaayirasii kanaa akka Dhaabbanni Ittisaafi To’annoo dhukkuubootaa (CDC) gabaasetti dhibbeentaa 10 hanga 20 ta’a. Kana jechuun namoota kudhan keessa namni tokko vaayirasii kana of keessaa qaba, nama biraatti dabarsuu danda’a jechuudha. Kun hagam akka inni baay’inaan argamuufi hagam akka of eeggachuu qabnu nutti mul’isa.
3. Dhibee tiruun coomaan guutamuu (kan alkooliin alaa) (Nonalcoholic fatty liver disease)
Dhukkubni tiruu kan maqaa kanaan waamamu ammoo baay’ina furdina qaamaa humnaa olii irraan kan nama qabu yoo ta’u, keessumaa yeroo ammaa kana keessatti kan garmalee dabalaa jiruufi gara fuulduraattis hedduu sodaa dhala namaa ta’eedha. Dhibeen yeroo kana baay’inaan kan argamu biyyoota guddatan keessatti haa ta’u iyyuu malee, biyyoota guddataa jiran keessas haala salphaa hintaaneen nama hubaa jira. Dhibeen kun kan ittiin beekamu qabiyyeen qaama tiruu gara coomaatti jijjiiramaa deemuudhaan dhumarratti tiruu hojii dhaabsisuudhaani. Dhukkuba kanaaf wanti nama saaxilu inni jalqabaa ulfaatina qaamaa olka’aa (keessumaa garmalee furadachuu garaa) yoo ta’u kanneen biroo dhibee kanaan carraa qabamuu dhala namaa dabalan ammoo:
* Umuriin raaguu (akkuma umuriin namaa dabalaa deemeen carraan dhukkuba kanaan qabamuu daba.laa kan deemuudha.)
* Dhukkuba sukkaaraa isa gosa lammaffaa (type 2 Diabetes Mellitus).
* Olka’uu qabiyyee coomaa qaamaa keessaa (dyslipidemia). Kunis furdina qaamaa ijaan mul’atu osoo hintaane laaboraatooriidhaan dhiigni ilaalamee kan beekamu yoo ta’u, namni furdina qaama hinqabnes dhibee olka’uu qabiyyee coomaa qaama keessaa (dyslipidemia) kana qabaachuu mala.
4. Dhibeewwan biroo
Dhibeewwan lakkoofsaan hedduu ta’aniifi tiruu dhala namaa hubuudhaan lubbuu galaafatan kan biroo keessaa ammoo:
* Qorichoota aadaa (herbal medication)fi qorichoota dhukkuba biroof kennaman tokko tokko (fakkeenyaaf qoricha dhukkuba tiibiif kennamu).
* Infeekshinoota akka shistoosomaafi tiibii.
* Dhukkuboota dhibee kuufama ayireenii (hemochromatosis)fi koopperii (Wilson’s disease)
* Dhukkuboota sanyiin daddarban tokko tokko fi kkf.
Dhukkuboonni kunneen baay’inaan akka dhukkuboota tiruu armaan olitti kaafnee hawaasa kan hin hubneefi mana yaalaatti ogeessaan kan adda baafamaniidha.
Maal gochuutu nurraa eegama?
Dhibee tiruu maraa of eeggannoon qofaan ofirraa hambisuu yoo kan hindanda’amne ta’eyyuu dhibeewwan tiruu hedduun isaanii kanneen ittifamuu danda’an (preventable disease)dha. Dhibeewwanuma armaan olitti kaafne sadan yoo fudhanne:
* Dhibee tiruu sababa alkooliin nama qabu ofirraa hambisuuf maal gochuu akka qabnu namuu walitti himuu hinbarbaachisu, alkoolii dhuguu irraa of qusachuudha.
* Dhibee tiruu sababoota vaayirasoota tiruu keessumaa isa gosa B (Hepatitis B virus) jedhamuun nama qabu ofirraa dhorkuuf ammoo: jalqaba qoratamnee akka qabnuufi hinqabne beekuu, yoo kan qabnu ta’e yaalamuu, yoo kan hinqabne ta’e ammoo of eegganoo taasisuu (walqunnaamtii saalaa ofeeggannaa hinqabne irraa ofqusachuufi talaallii fudhachuu)dha. Dhibeen tiruu gosa C ammoo yeroo ammaa kanaatti kan nama gammchiisu, qorichaan yaalamee guutummaa guututti kan fayyuu dandaa’uudha.
* Akkasumas dhibee tiruu kan tiruun gara coomaatti jijjiramuun nama hubu ammoo ulfaatina qaamaa hir’isuudhaan ofirraa xiqqessuun ni danda’ama.
* Dabalataan ammoo qorichoota aadaa fudhachuufi qorichoota akkasumaan ajaja malee gabaa irraa bitaman fudhachuuf irraa of qusachuudha. Qorichootuma mana yaalaa irraa dhukkuboota biroof kennaman akka qoricha tiibii illee erga fudhannee deemnee booda yoo mallattoo miidhamuu tiruu (keessumaa iji ofii gara keellootti jijjiiramuu) yoo ofirratti argan hatattamaan gara mana yaala qoricha sana nuuf ajajee deemuudha.
Inni kan biraafi inni guddaan ammoo dhukkubni tiruu kamiyyuu sadarkaa yaalamee fayyuu hindandeenye irra osoo hinga’iin yeroodhaan gara mana yaalaa deemuudha.
Fayyaa hindhabinaa!
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014