Kutaa 2fa
Biyyi Fugug kun eessatti akka argamu ilaalchisanii Mahammad Hassan yaada barreessaa ‘Martial de Salviac’ jedhamu eeruudhaan akka ibsanitti:
In one Oromo tradition, there is a reference to a far way land, the land which is consistently claimed as the first home of the Oromo people, the birthplace of the nation. This land is known as Fugug today located in the administrative region of Arsi, the heart land of historical Bali jedhaniiru. Kunis gara Afaan Oromootti yoo hiikamu:
Afoola Oromoo tokkoon kan tuqamu biyya baay’ee fagaatee argamu tokko bakka madda Oromoo jalqabaati jedhamee yeroo baay’ee Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 1faa keessatti irra deddeebi’amee himama. Biyyi kunis Fugug jedhama. Naannoon kun yeroo ammaa konyaa Arsiitti kan argamu yoo ta’u, bara seenaa giddugaleessaatti bulchiinsaan handhuura Baaliiti.
Ragaan Mahammad Hassaniin olitti ibsame kun shakkisiisaa fakkaata. Fugug bakka biraa jiraachuufi hinjiraannee sakatta’a afoolaa inni godhe hin jiru. Ragaadhuma fudhate raggaasise. Haa ta’u malee Fugug bakkeewwan jedhaman naannawaTuulamaatti bakkawwan adda addaatti argamu.
Isaanis: lafti naannoo Tulluu Salaalee akkuma jirutti baddaa Fugug jedhamuun beekama. Bachoo Fugug (Bacho keessatti) Ribuu Fugug naannoo Bakkanniisa Raayyaa Ifaat keessatti kan argamu. Kunis bakka Oromoon dhaloota dheeraaf irra tureedha. Fugug jechuunis biyya furaafi marga gaarii qabu, kan looniifi fardeeniif tolu akka ta’e dubbatama.
Lafti Fugug jedhamu lafa baddaa kan jireenya namaafi saawwaniif tolu ta’uurrayyuu bakka Oromoon yeroo dheeraaf irra ture, lafa baddaa ta’uu mul’isa. Karaa kanaan Fugug jedhanii kan Mahammad Hasan Baaleefi Arsii keessatti mul’isuu barbaadan tarii akkaataa sochiifi qubsuma Oromootiin walqabsiifnee yoo ilaalle Fugug Baaleefi Arsii keessatti argamu, Fugug armaan olitti kaafne kana booda moggaafamuu ni danda’a.
Tarii Fugug Baaleefi Arsii keessatti argamu bakka dhaloota Oromooti jedhanii shakkii tokko malee kan dhiyeessan barreessitoonni adda addaa madda Oromoo Itoophiyaa Kibbaa jedhanii barreessan irraa kan madde ta’uu akka hinoolleedha.
Barreessitoonni kunis lagoonni maqaa Galaanaan beekaman kan argaman lagoota Kibba Itoophiyaatti argaman waan ta’aniif maddi Oromoo achi yaada jedhu dhiyeessu. Kaaba Itoophiyaattis Galaana kan jedhamu malkaa hedduutu argama. Kanneen keessaa Wallotti kana argamu lagni Galaanaa, Raayyaa keessatti kan argamu lagni Goolinaa, akkasumas Harri Ashangeefi Ardooboo isaan gurguddoodha. Kibba Itoophiyaatti maqaa Galaana jedhamuun lagoonni beekaman sadidha. Isaanis galaana Abbayyaa, galaana Saaganiifi Dullee jedhamuun beekamu.
Kanaan ala naannoo madda Oromoo jalqabaa (durii) ta’uu caalmaan ragaawwan jabeessan kitaaba Baahiree keessatti dhiyaataniiru jechuun walfalmu. Ragaan kitaaba Baahiree keessatti argama jedhan dabalataan akkas jedha.
Booranni duubatti hafanii turan; karaa Kuyyaraa dhufan. Yeroo sanatti Abbaan Baahiree akka jedhanitti, “warri dhiiga Kiristaanaa dhandhamatan kun sodaatamuu qabu” jedhee raagee ture. Yaada armaan olitti ibsamerraa, ragaawwan dabalataan ibsaman jechoota Baahireen “Kuyyaraafi Gaamoo” jedhee barreesse kana.
Kanarraa ka’uudhaan seenaa barreessitoonni Itoophiyaa Kibbaa bakka Madda Oromoo jalqabaa jedhanii ibsu. Haa ta’u malee, yaada kana qorattoonni morman bakka lagni maqaa Galaana jedhamuun beekamu kana Oromoonni hundinuu achi qubatan osoo hintaane gosoota Oromoo keessaa muraasni achi jiraachuu danda’u jedhu.
Kanaaf bakka kana madda Oromooti jennee fudhachuu hindandeenyu jedhanii mormu. Maaliif yoo jenne Oromoon Kaaba Bahaa Sudaan Nuubiyaa, Marawwee kaasee Itoophiyaafi Keeniyaa qaxxaamuruun hanga Taanzaaniyaa (Haruushaa) ga’utti ummata qubatee jiraatudha.
Qabxiin walfalmisiisaa ta’e kan biroo kan Baahireen olitti “Gaamoo” jedhee ibsedha. Baahireen jaarraa 16fa keessa kan jiraate naannoo bulchiinsa Gaamooti. Barreessitoonni seenaa kanarraa ka’uudhaan Abbaan Baahiree yeroo sanatti kan jiraate yeroo ammaa naannawa Gaamoo Goofaa jedhamtee beekamtu jechuun yaada dhiyeessu. Yaada kanaaf kan isaan gahe yeroo ammaa Gaamoo Goofaafi maqaan lagootaa olitti ka’an naannawa tokkotti argamuusaaniiti.
Ragaa walsimee dhiyaate kana irraa ka’uun yaanni barreessitoota kanaa dhugaa ta’uu danda’a. Garuu haala qormaata seenaatiin yeroo tokko ragaan dhugaa fakkaatee dhiyaatu qormaata ittifufiinsaan godhamuun yaanni haaraan madduu danda’a. Inni duraan dhugaa ta’ee dhiyaachaa ture waan kufuuf isa duraan dhugaa godhamee yeroo dheeraaf fudhatame irra deddeebi’anii yoo odeessan isa haaraa argamutti balbala cufuu waan ta’uuf guddina seenaa quuarsa.
Yaada kana dhiyeessuuf sababa kan ta’e Abbaan Baahiree seenaa Oromoo yeroo barreesse bakki inni jiraachaa ture “Gaamoo” yeroo ammaa kan Itoophiyaa Kibbaatti argamu Gaamoo Goofaa yaada jedhu kana ragaan mormu waan argameefi. Yaada kana ragaan Abbaa Baahiree matumtisaa ni faallessa.
Sababiinsaas Itoophiyaa Kibbaa taa’ee erga seenaa Oromoo barreessee maaliif hidda latiinsa Oromoota Gujiifi Booranaa hinbarreessine? Osoo achi turaniiru ta’ee seenaa gosoota kanneenii barreessu turan. Qormaata Abbaa Baahiree keessatti caalmaan maqaan gosoota tuqamanii Tuulama, Macca, Karrayyuu, Wallo, Humbanna, Arxumaafi Jiillee ture. Gosoonni Oromoo kunis bara Baahireen jiraates ta’e sana dura naannawa giddugaleessa Itoophiyaa qubatanii jiraachaa turuusaanii yaada olitti kaafnerraa hubachuun ni danda’ama. Egaa qubsuma gosoota kanaan walqabsiifnee yoo ilaalle bakka Abbaa Baahireen jiraate Gaamoon naannawa giddugaleessa Itoophiyaatti argamuufi hinargamnee qorattoonni yaada dhiyeessan hinjiran.
Haata’u malee, ragaan qormaata kanaa akka mul’isutti, naannawa amma Oromoon Tuulamaa irra qubatee jiru akka fakkeenyaatti yoo fudhanne bakkawwan adda addaatti maqaa Gaamoo jedhamu argina. Kunis, Gaamoo Maaram (Shawaa Kaabaa, Aanaa Insaaroofi Waayyuu), Gaamoo Giyoorgis (Shawaa Kaabaa Mandiidaa), Gaamoo Dayyuu (Shawaa Kaabaa – Mandiidaa), Gaamuu Ciicoo (Shawaa Kaabaa- Angolalaafi Xaraa), Gaamoo Maliyyuu (Shawaa Kaabaa -Abdala) jedhamu. Haaluma walfakkaatuun Gaamoon Macca keessatti argamus, Gaamoo Gibeefi Gaamoo Jibaat jedhama. Gaamoowwan kana keessaa bakka Abbaan Baahiree taa’ee Seenaa Oromoo barreesse Gaamoo Maaram kan Shawaa Kaabaa naannawa Hagaramaariyaamitti argamu ta’a kan nama jechisiisan ragaawwan jiru.
Karaa tokkoon Abbaa Baahireen yeroo Gaamoo jiraatetti tajaajilaa mana amantii Maaramii ta’uusaa barreessitoota tokko tokkoon tuqameera. Karaa biraatiin Abbaa Baahireetiin akka ragaa guddaatti kan eeran Galaana jedhee kan barreesse irratti wanti hinhubatamne tokko waan jiru fakkaata. Kunis jechi Galaana jedhu hiikaa Afaan Oromootiin qabudha. Oromoon qama bishaaniifi laga guddaa ta’e tokkoon Galaana jedhee waama.
Karaa kanaan Galaana jedhee Abbaan Baahiree kan ibse kun Kibba Itoophiyaa qofatti kan argamu osoo hintaane bakka fedhettuu lagni guddaan argamu maqaa Galaana jedhamuun waamamuu danda’a.
Karaa biraatiin “Galaana” kan jedhu matumasaatti maqaa of danda’e yoo qabaate Galaana kam kan jedhuuf ifa godha. Kanaa olitti galaana Abbayyaa, galaana Saaganiifi Dullee Yalmar jedhamanii kan tuqaman qaamni bishaanii ykn lagoonni kunneen haala kanaa olitti kaafneen kan waamamaniidha.
Ragaaleen amantii kiristaanaarraa argame akka ibsutti naannoo giddugaleessa Itoophiyaatti babali’fannoo amantii kiristaanaa galmaan kan ga’an namoonni lama ni beekamu. Isaanis Abbaa Libaanosiifi Abbaa Taklahaymaanot jedhamu.
Waggaa 200 Abbaa Taklee kan dursu Abbaa Libaanos naannoo Zeegaamal ykn Dabra Asaboo yeroo jiraachaa turan ijoollee naannawa sanaa holqa keessatti amantii kiristaanaa akka barsiisaa turan himama. Yeroodhuma sana abbaa biyyaa naannoo sanaa kan turan namichi Horaa jedhamu ijoollee Abbaa Libaanos barsiisan keessaa nama kudha lama jalaa akka ajjeesaniifi Abbaan Libaanosis baqatanii gara Dabra Daamootti akka galan ni himama. Akka ragaalee kanaatti Abbaan Libaanos bara 1015 (11thc.) kan jiraatan ta’uuf, Horaanis yeroo sana mootii biyyichaa akka tureefi Oromoonnis naannawa Dabra Libaanos akka jiraachaa turan mul’isa.
Odeeffannoo afoolaa kana keessatti gaaffiin ka’uu malu jiraachuu danda’a. Kunis namtichi Horaa jedhamu maaliif hordoftoota amantii Kiristaanaa ajjeese isa jedhu ta’a. Horaan tarii babal’ina amantii Kiristaanaa kan mormu ta’uusaafi amantichi isaafi maatiisaa irratti miidhaa geessisuun faayidaafi olaantummaa isaanii ni hir’isa ta’uu waan danda’uuf.
Kana malee Horaafi maatiin isaa Oromoota akka turan ni hubatama. Yaada kanas kan dhugoomsu barreeffama (Green Field)fi Mahammad Hassani. Isaanis yoo xiqqaatee xiqqaate jaarraa 10fatti Oromoonni Shawaa keessatti akka argaman olitti ibsineerra. Kan biroo namni Abbaa Taklee (Taklahaymaanot) jedhamu yeroo Shawaa keessatti amantii Kiristaanaa babal’isaa turan Oromoon naannoo sana jiraachuu agarsiisa.
Taklahaymaanot otoo hin dhalatiin dura haati isaanii Mootii Lammiidhaan booji’amanii boodas ishee fuudhee akka ture seenaa dhalootaafi jireenya Abbaa Taklee irraatti ifa kan ta’edha. Yaa ta’uutii raajiidhaan isa jalaa baatee gara naannoo Ittisaatti deebi’uun akka Abbaa Taklee deesse ni himama.
Seenaan dhalootaa isaanii ragaa akka bahutti Taklahaymaanot bara 1215 Konyaa Bulgaa bakka Ittisaa, jedhamutti dhalatan. Kanaaf bakka isaan itti dhalatan maqaa Ittisaa jedhamuun kan waamamu yoo ta’u, kun jecha Afaan Oromoo ta’uun hiika qabaachuu isaati.
Ragaan xiinqooqaa (linguistic evidence) waa’ee seenaa Abbaa Taklee wajjin wal qabatee jiru ragaa qubsumaafi jireenya Oromoo naannoo Shawaa keessa jaarraa 12fan dura jiraachaa turuu isaanii kan ibsudha. Abbaan Taklee bishaan isaan itti fayyadamaa turan Eela akka jedhamuufi Eelli kunis Waaqa kadhachuun gara aannaniitti isaaniif jijjiirame jedhama. Akka odeeffannoo manguddootaatti, Abbaan Taklee amantii Kiristaanaa Shawaa keessatti kan babal’iseefi namoota amantii kiristaanaa hordofan akka baay’ifate dubbatama.
Odeeffannoo afoola manguddootaa kanarraa wanti hubatamu bishaan Eelaa “aannanitti” akka isaaf jijjiiramu taasise inni jedhu kun tarii Abbaan Taklee bishaan sanaan hordoftoota isaa sirna cuuphaa kan ittiin raawwachaa ture ta’uu danda’a. Kan biroo immoo jecha eela jedhu yoo ta’u jechi kunis yeroo sanatti waan itti fayyadamameef Oromoonni naannoo sanatti argamuu isaanii dhugoomsa. Bakki Eelli kun itti argames Asaboo yoo jedhamu, Asaboo jechuunis Afaan Oromootiin lafa ho’aa gammoojjii ta’e jechuudha. Iddoon kunis achuma Dabra Libaanositti argama.
Ittifufa
Bariisaa Onkoloolessa 13/2014