Caalaatti walutubuun amma

Ummanni Itoophiyaa haleellaa garee shororkeessichi ABUT biyya diiguuf bane ofirraa qolachuuf lammiin hundi of gurmeessee tokkummaan ka’uun duulee jaalalaafi birmadummaa biyyaasaa eeggachuufi kunuunsu kan qabu yeroonsaa amma.

Gareen shororkeessaa kun ergama badii biyya diiguufi hunkuruu erga qabatee ka’e kunoo waggaa tokko guutuuf guyyoota qubaan lakkaa’am qofatu hafa. Haleellaa ifatti raayyaa ittisa biyyaa keessumaa kan ummata naannichaa ta’erratti Onkoloolessa 24 bara 2013 haleellaa garajabummaan guutame raawwachuun imala badii eegale kunoo ittifufeera. Haaluma kanaanis namoota nagaarratti haleellaa gaggeessera.

Kanaanis haleellaa kallattiin naannolee Amaaraafi Affaaritti, alkallattiin ammoo karaa bakka bu’ootasaafi ergamtootasaa Oromiyaa dabalatee iddoowwan adda addaatti namoota nagaarratti raawwateen lubbuu marartuun baay’otaa darbeera, hedduun qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniiru, qabeenyi barbadaa’eera.

Gareen gaafa aangoorra ture gocha dhalli namaa, dhala namaarratti ni raawwata jedhamee tasumaa hinabjootamneefi hin yaadamne raawwateen otoo hinquufiin dhiigni lammii xuuxaa bahe keessoosaatii kulkulee boqonnaan dhorkuun networkii keessaa hanga alaatti diriirfateen kunoo ammas akka saree maraatuu biyya hunkuraa jira.

Garee otoo jiruus erga du’ees biyya diigaafi hunkuraa jiru kana ummanni akkuma yeroo aangoorraa isa darbate sanaatti irreefi ijaa qalbiisaa tokkoomsee miira tokkoon “Si gahe” jechuunii qaba. Garee badii kana yeroo dhumaatiif, haala deebi’ee nageenyaaf yaaddoo hintaaneen ilkeesaa biqqisanii ofirraa qolachuuf gurmaa’uufi tokkoomuun daran barbaachisaadha. Naannawa ofii yeroo kamuu dammaqinaan eeggachuunis akkasuma.

Kaayyoo hamaan shororkeessaa ABUT Itoophiyaa diiguufi gaanfa Afrikaa nagaa dhorkuun ifatti kan barame ta’uun hubatamee hunduu qe’eesaarraan qaarisiisee garaabaan gamatti yaaduun qaama diina biyyaafi ummataa akkasumas farra nageenyaa ta’e kana dhabamsiisuuf birmachuun qooda lammiilee biyyattii hundaati.

Adeemsa kana keessa waanti gama ummataatiinis ta’e mootummaatiin xiyyeeffannoo argachuu waa’ee ragaa sobaati. Shororkeessaa ABUT dhanatee hanga du’utti kanaan kan beekame waan ta’eef jette jettee sobaa maqaawwan saboota adda addaatiin tamsa’anirraa of eeguunis qaamuma qabsichaa ta’uu qaba; ummanni mootummaa wajjin, ummanni waliisaa wajjin caalaatti walutubuun amma waan ta’eef.

Bariisaa  Onkoloolessa 13/2014

Recommended For You