Federaalizimiin falaasama siyaasaa gareen ummata daangaa biyya tokko keessa jiraatan bakka bu’uun walitti qindaa’anii bulchiinsa mootummaa ummataa hundeessanidha. Falaasama sirna federaalizimii keesatti bulchiinsi mootummaa giddugaleessaa karaa seera qabeessaan aangoo ummataa caasaalee naannoleef, godinootaafi gandootaaf itti qoqqooduudha.
Fiwudaalizimiin ammoo faallaa federaalizimii ta’ee sirna mootummaan giddugaleessaa sochiileefi caasaalee hawaas-dinagdeefi siyaasaa guutummaatti dhuunfachuun ofumaan to’atuudha. Sirna bulchiinsa fiwudaalizimii keessatti aangoo ummataa ummataaf qoqqooduun kan hinbaramaneedha. Sirna federaalizimii keessatti mootummoota naannoleefi federaalaa gidduutti qoqqoodinsi aangoo hojiirra kan ooluudha.
Qaamoleen sirna kana maddisiisan federaalistoota kan jedhaman yoo ta’u, biyyootni Awurooppaa sirna kana haalaan hojiirra oolchuutiin daran kan beekamaniidha. Itoophiyaanis waggoota kurnan sadan darbaniif sirna federaalizimii hojiirra oolchuutiin ittiin bulaa turte. Sirni fiwudaalizimii garuu falaasama, “Mootummaa giddugaleessaa keessumaa siyaas-dinagdeen hundeessuu ykn cimsuu” jedhuun jaarraa 16fa keessa babal’achaa ture.
Itoophiyaattis sirni ‘baalabbatotaa’ (abbootii lafaa) kutaalee biyyattii mara fedhiisaaniitiin qoqqooddachuun seenaa, aadaa, afaaniifi duudhaa sabbootaafi sablammootaa conqursaa turuunsaanii yaadannoo yeroo dhiyooti. Federaalizimiin sirna qoqqoodinsi aangoo ummataa ummataaf itti kennamu kan jajjabeessuu yoo ta’u, fiwudaalizimiin ammoo sirna caasaan hawaasummaafi siyaasaa mootummaa giddugaleessaa qofaan dhuunfatamuudha.
Kunis aangoon akkawaan waaqaan moototaaf kennameetti ilaalama. Biyyootni addunyaa hedduun har’a sirna ammayyaawaa, federaalizimii hordofaa kan jiran si’a ta’u, sirni fiwudaalizimii garuu kan moofa’eefi yeroon itti darbe ta’uusaa hubachuun gaariidha. Haala qabatama Itoophiyaa har’aa wayita ilaallus qaamoleen tokko tokko jijjiiramoota biyyattii keessatti mul’achaa jiran daheeffachuun falaasama faallaa sirna federaalizimii ykn sirna fiwudaalizimii deebisuuf tattaaffii olaanaa gochaa jiran ifaan ifatti mul’achaa jiru.
Qaamoleen kunneen kallattii garagaraarra yaa hiriiran malee galmisaanii garuu olaantummaa seenaa, aadaa, afaaniifi duudhaa saba tokkoo waggoota 120 oliif ture san deebisanii ijaaruu akka ta’e dhugaa adabaabaayiitti mul’achaa jiruudha.
Gareen faallaa federaalizimii biyyattiin hordifaa jirtu dhaabbatan kunneen lama yoo ta’an, warri jalqabaa miseensota paartilee siyaasaafi ogeessota miidiyaarraa walitti babba’anidha. Gareen kun jijjiiramoota hoggansa Doktar Abiyyiifi waayilotan isaanii hanga tokko ni fudhatu garuu guutummaatti amantaa irraa hinqabani. Kanaanis, “Dhiibbaan asiin dura hoggansa wayyaaneetiin gahaa ture amma hoggantoota Oromootiin nurra gahuuf deema” jedhu.
Kanaaf ammoo ammuma osoo hundee hin godhatiin dhabamsiisuuf ajandaa addaddaa keessumaa oduuwwan sobaa miidiyaalee hawaasaa, maxxansaafi elektirooniksii fayyadamuun duula maqaa balleessiifi gurraachessuu hoggantoota olaanaa ODPfi paartilee morkattootaa, akkasumas aktivistoota Oromoo bebbeekamoo gaggeessaa jiru.
Kana waliinis ummata dogoggorsuuf ergaawwan ija seenaafi seeraan haqummaa of keessaa hinqabne bocuun halkaniifi guyyaa olola oofuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiru. Gareen kun gama tokkoon sabummaasaanii ifaan ifatti kan leellisan yemmuu ta’u, gama biraan ammoo maqaa ‘Itoophiyummaatiin’ dhaadachuun sirna abbaarrummaa dur awwaalame san deebisanii kaasuuf mata jabinaan warreen jobobi’aa jiraniidha. Gareen lammaffaa ammoo warreen jijjiiramoota kallattii hundumaan biyyattii keessatti galmaa’aa jiran fudhatan garuu, tooftaafi tarsiimoo bilchina qabuun gara fedhiifi kaayyoosaaniitti aqaaquuf tattaafatanidha. Irra caalaan garee kanaa hoggantoota olaanaa paartilee siyaasaafi gaazexeessitoota buleeyyii ta’uusaanii hubachuun ni danda’ama.
Gareen kun tooftaatiin hoggantoota jijjiiramaa kana qabachuutiin kaayyoofi ergamsaanii fiixaan baasuuf warra hojjetan; mootummaarraas fuula gaarii gonfatan fakkaatanidha. Qaamoleen kunneen ka’umsi jijjiiramoota siyaasaa biyyattii qabsoo Qeerroofi Qarree, akkasumas ummata Oromoo ta’e beekaniyyuu ukkaamsuuf warra kaayyeffatanii ka’aniidha.
Kana malees hoggantoota jijjiiramaafi ummata Oromoo gidduugalee garaagarummaa yaadaa uumuuf hojjechuurratti argamu. Asirratti wanti hubatamuu qabu yoo jiraate, gareen lamaanuu tooftaansaanii addaddaa ta’uyyuu galmisaanii tokkuma. Karaa lamaaniin duulanii dhuma irratti firii argamu walitti dabalatanii waan hawwan bira gahuuf tooftaa guddaatiin sosso’aa jiru. Gareen lameenuu tarsiimoo qabsoo biyyattii keessatti godhamu of harkaa qabu.
Jaarmiyaan Itoophiyummaafi sabummaa isaanii mo’ate gama lamaaniinuu itti dhimma bahuuf qophaa’aniiru jedchuudha. Kunimmoo gareen lameenuu farroota sirna federaalizimii biyyattiin ittiin bulaa jirtu ta’uusaanii kan agarsiisu waan ta’eef ummati biyyattii sirnaan hubatee ofirraa qolachuu qaba.
Dimshaashumatti, falaasamni sirna fiwudaalizimii aangoo ummataa olaantummaa garee tokkoo kan hammatuufi dantaa hawaasa bal’aa kan hin bu’uureffannedha. Itoophiyaa keessattis ilaalchi kun yeroodhaa yerootti calaqqisee hundeesaa waan gadi fageeffataa jiru fakkaata. Ummatni biyyattii garuu sirna kana lammaffaa ofitti deebisuuf fedhii qabaachuu miti gurraan dhagahuu illee waan hinbarbaadneef mootummaa qaamolee sirna awwaalame kana deebisuuf wixxirfachaa jiran ittisuu qaba.
Bariisaa Guraandhala 29/2011
Takkaalliny Gabayyootiin
2 Comments to “Federaalizimiifi fiwudaalizimii: Sirnoota falaasamaan waliif faallaa”