Ammas hunda caalaa nageenyaa ummataatiif xiyyeeffannaa

Maalummaa nageenyaa karaa salphaafi gabaabaadhaan ibsuun ulfaataadha. Oggaa nagaan jiru akka laayyootti kan ilaalamu; oggaa boora’u ammoo gatiinsaa hammam ulfaataafi barbaachisaa kan ta’e duudhaa dhaloota jidduutti gabbataafi dagaagaa kan as ga’e, qabeenya guddaa ta’uu hubachuun ni danda’a.

Nagaan falaasamtoota duriirraa kaasee hanga hayyoota tibbanaatti jiran waa’eesaa ibsaa turaniif jiran, dhuudhaa dhala namaatiif malumarrayyuu daran barbaachisaa ta’eedha.

Waa’ee nageenyaa kana waa malee hinkaasne. Hayyoonniifi namoonni gara garaa hundeeffama mootummaa haaraa kana dura dubbisaa turre guutummaan jechuun ni danda’amaa xiyyeeffannaasaa ijoon nageenya mirkaneessuurratti ta’uu akka qabuudha kan ibsan.

Kanaaf mootummaa haaraa fedhii ummataa guutuudhaan aangoo guutuu qabate kun akkuma lammiileen ibsataafi dhaammataa turaniifi jiran dhimma nageenya waaraa buusuufi mirkaneessuurratti ammumaa qabee cichee hojjechuu qaba.

Dhimmi nageenya mirkaneessuu boruufin bulfadhaadhaan kan bira taramu otoo hinta’iin har’uma eegalamuu kan qabuudha. Akkuma ulaa sareen banteen waraabessi seena jedhamu gochoonni nageenya booressan otoo hinbabal’atiin dafanii ummata wajjin qabbaneessuun barbaachisaadha.

Kanaafis qaamoleen bulchiinsaa, nageenyaafi kkf garaa hanga dakaatti jiran tokko ta’anii harcaatii tokko malee hojjechuu qabu.

Gama nageenya waaraa mirkaneessuutiin hunda caalaa ammaan tana xiyyeeffannaa olaanaa kan barbaadu akka Oromiyaatti Oromiyaa lixaati. Diinonni ummataa dhimmasaanii karaa fuulduraa raawwachiifachuu hindandeenye ummata nagaa walitti buusuun burjaajii uumaa jiru, ummatas nagaa dhorkaa jiru. Ummannis kana ifatti ibsataa jira.

Akkuma gorsaan bulchiinsaafi nageenyaa Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuu, “Ummanni Oromoofi Amaaraa rakkoo bu’uuraa hinqaban. Kan ummatoota kanneen waliitti buusaa jiru qaamolee nageenyi ummataa nagaan isaan dhorkuudha. Akkuma waggoota sadan kanaa Amaara fakkaatanii Oromoo rukutu; Oromoos fakkaatanii Amaara rukutu. Kanaan ummata walitti buusu” jedhan ummanni ummanni bal’aan hundi gocha hamaa kanatti sirnaan dammaquu qaba.

Ummanni ajandaa diinaa kana hubatee, mootummaafi humnoota nageenyaa wajjin walta’ee sochiisaanii saaxiluun ofirraa qolachuu qaba. Tokkummaan naannawasaa eeggachuus qaba. Qaamoleen badii kunniin lo’anii galanii miidhaa akka hinqaqqabsiisneef ummanni harka walkeessa naqatee ofirraa faccisuu qaba. Mootummaanis gamasaatiin waardiyyaafi gaachana ummatasaatii ta’uu qabatamaan mirkaneessuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You