Namoonni baay’een kutaa qaamasaanii kamirrayyuu caalaa waa’ee sammuusaanii irratti hubannaa gadi fagoo utuu qabaatanii isaanitti tola. Haa ta’u garuu, qorattoonni sammuu akka ibsanitti waa’een sammuu saayinsii bal’aafi walxaxaa akka qorannaa pilaaneetoota hawwaa keessa jiraataniitti dabalaa bula jedhu. Kana malees waa’ee sammuu kan nuti beeknu irra kan hanga ammaatti hinhubatamne tilmaama hinqabu jedhanii yaadasaanii golabu.
Waa’een sammuu saayinsii mataasaa danda’e akka ta’e waantoota ajaa’ibsiisoofi bashannanansiisoo amanuuf nama rakkisan hedduus of keessaa akka qabu kan dagatamu miti. Qoqqoodama kutaa yaadotaa irraa yeroo jalqabnu sammuun keenya kutaa sadiitti qoodama. Isaanis yaadqalbii dammaqaa (conscious mind), yaadqalbii duubee (sub conscious mind) fi yaada qalbii dhokataa ykn rafaa (unconscious mind) jedhamanii hiramu.
Yaadqalbii dammaqaan gaaffilee gaafatamaniif deebii battalaafi ariifachiisaa kennuuf kan gargaaruufi hojii keenya guyyaa guyyaa keessatti murtee yeroo gabaaba keessatti deebifnu kan of keessatti qabatudha.
Yaadqalbii duubeen ammoo murtee kennamerra deebi’ee kan gulaaluufi yaada erga qindeessee booda gara yaadqalbii dammaqaaf gumaachudha. Yaadqalbii duubeen taatee darbaniifi gara fuulduraatti ta’an akkasumas murtee yaadqalbii dammaqaan darban walitti kuusee deebii kan kennuufi hojii irra oolchuudhaaf kan dirqamudha.
Yaadqalbii dhokataa (unconscious mind) gola yaadota fedhii malee gara sammuu dhufaniifi murtee sirrii utuu itti hineeggatiin ykn hinbeekiin darbanidha.
Sammuun keenya karaa biraa murteefi yaadonni nuti guyyaatti maddisiifnu dhibbantaan 98 utuu itti hin yaadiin ta’uunsaa jecha namni hindogogorre jiraa? Jechaa ija jabaannu nuuf gumaache.
Sammuun namaa dhibbantaan 73 bishaanidha. Kana keessaa sammuun anniisaa maddisiisuuf persantii lama (2%) qofatti fayyadama. Oksijiniifi anniisa qaamni keenyi argatu keessaas persaantii 20 itti fayyadama. Sammuun sirriitti hojii isaa hojjechuuf koleestiroolii hedduu kan barbaadu yoo ta’u koleestiroolii dhibbantaa 25 itti fayyadamee dalaga. Sammuun dalaguudhaaf oksijiniifi giluukoosii walirraa hincitne barbaada. Sammuun nama oksijinii malee daqiiqaa shaniif yoo ture seelonni sammuu du’uu jalqabu.
Guutummaa guututti oksijiniin yoo dhabe seelonni isaa hundi ciramanii dhumuu danda’u. Akkasumas giluukosiin qaama keessaa yoo dhume faatiifi pirootinii qaama keessa jiruu gara giluukosiitti deebisee fayyadama. Sammuun beela hindanda’u. Yoo qaamni waan dhiyeessuu dhabe gara deebi’ee seeloota isaa nyaatuutti gaha jechuudha.
Kanaaf giluukoosiifi oksijiiniin walirraa hincitne sammuuf baay’ee barbaachisoodha. Sammuun ukkaanfamee yookiin sababa biraan daqiiqaa sagaltamaaf walitti fufinsaan yoo hurke (dafqe) seeloonni sammuu keessaa ciramuu danda’u. Dhiphinniifi mataa dhukkubbii hamaan sammuun keenya akka hurku gochuu danda’u. Uumamumaan sammuun nama bakka duwwaa taa’uu hinbarbaadu. Yeroo hundumaa hojii barbaada. Sammuun nama bilchinaafi gahumsa sirrii irra kan gahu waggaa 25tti.
Ulfaatina qaama keenya keessaa parsantiin lama sammuudha. Hangi wantota murteessuu danda’a. Sammuu biratti guddinni cimina yookiin dandeetti hinmurteessu. Guddina sammuun dhiirri dhalaadhaan kan caaluu yoo ta’u dandeettii yaadachuu qabaaachuudhaan garuu dubartootatu caala. Sammuun namoota dandeetti guddaa qabanii waan guddateef osoo hintaanee hurki niwuuroonota sammuu isaanii ariitii gidduu galeessaan ol waan ta’eefidha.
Namoonni baay’een akka jedhanitti namoonni harka bitaaf sammuu gara mirgaatu hojjeta. Namoota harka mirgaaf immoo sammuu gara bitaatu hojjeta jedhu. Dhugaan jiru garuu namni sammuu guutuudhaan hojjeta. Deebii dhaamsa qaqqabeef kennuuf kutaa addaddaa qabaatee iyyuu waan hundumaa waliin hojjeta.
Yeroo muuziqaa garaagaraa dhaggeefannu xiyyeeffannaafi dandeettiin yaadachuu keenyaa ni dabala. Muuziqaa dhaggeeffachuufi taphachuun si gammaachiisa taanaan fayyummaafi si’aa’ina akka qabaattu si godha.
Teknolojiifi sammuu keenya
Akka qorannoon Yunivarsiitii Kembriij ibsutti, Nnmoonni umurii 18 hanga 34 gidduu jiran wantota dafanii yaadachuu hindanda’an jedha. Maaliif sitti fakkaata? Sababiin isaa sammuu isaanii wantoota danuu (multitasking) al tokkotti hojjechiisuuf yaalu.
Teknolojiin hojii hedduu al tokkotti akka hojjennu nu dirqisiisa. Garuu sammuun namaa al tokkotti barachuu, xiyyeeffachuu, hojii adeemsiisuu ykn gaggeessuu hindanda’u. Sammuun dafee yaadachuufi ariitiidhaan xinxaaluu ni danda’a. Wantoota baay’ee al tokkotti sirreessuuf yaaluuf xiyyeeffannaa, dandeetti barachuu, ‘meemoorii’ yeroo gabaabaafi hojiiwwan sammuu garaagaraa dadhabsiisa ykn gad buusa. ‘IQ’ kees gad buusuu danda’a. Kanaaf al tokkotti waanuma tokko bilchinaan xinxali malee qabdee gadhiisuun sammuukee hinburjaajessiin.
Akka qorannoon Yunivarsiitiin Kembriij jedhamu ibsutti sammuun qubeewwan seeraan hintarreeffamne ofii isaatii sirreessee dubbisa. Sammuun nama kompiiwutara ammayyaa yeroo ammaa wajjiin walbira qabamee yeroo madaalamu karaa hundumaan uumama dinqisiisaa dorgoma hinqabnedha. Kompiiwutara osoo hintaanee guutummaa marsariitii interneetii faana yoo walbira qabame iyyuu sammuu qixxee hinqabu.
Akka sammuunkee kompiiwutara kamiyyuu caaluu yeroo sitti himnu ajaa’ibsiifachuu hinqabdu. Kompiiwutarri ofiisaatiyyuu kalaqa sammuuti waan ta’eef. Dorgommiin sammuufi kompiiwutara akka dorgommii uumaa isa guddaa waliin uumama tokko dorgomsiisaniiti.
1. Kuufamni sammuu daangaa hinqabu (your brain capacity is unlimited). Kanaaf ‘RAM’ dangahaa kompiiwutara faana wal dorgomsiisuu hindandeessu. Akka qorannoon dhiyeenya bahe ibsutti sammuun nama hanga peettaabaayitiitti (petabyte) kuusuu danda’a. Peettsabaayitiin tokko 10×15 baayitiidha. Kuufama interneetii addunyaa faana yoo dorgomsiifne sammuun nama dandeettii sekoondi tokko keessatti baayitii 10×16 adeemsisuu danda’u qaba. Kun immoo kompiiwutara hundaan oli jechuudha.
Kompiiwutarri tokko ariitii hagamiin odeeffannoo naannoo isaa siistema isaa irra jiru gaggeessuu danda’aa?
Haala kanaanis sammuun nama dachaa soddoma (30 times) kompiiwutara ariifataa addunyaa ‘IBM sequoa’ jedhamuun oli ta’uu isaa yeroo dhageessu hagam sammuukeetti akka fayyadamaa jirtu of gaafatta jedheen amana. Kanaaf sammuun nama kennaa dorgoma hinqabne ajaa’ibsiisaa rabbi nama hundumaa badhaasedha.
Sammuun nama akkuma kompiiwutaraa dogoggora tilmaama 200 ta’an ajaja tokko malee yaaduufi adeemsisuu danda’a. Miirri, kaka’umsi, galumsiifi irra deddeebbiin yaadootaa nuti itti fayyadamnu dandeetti haala yaadumsaa keenyarratti dhiibbaa gudda fida. Namni tokko guyyaatti yaadota kumaatama maddisiisuu danda’a. Sana keessaa dhibbantaan torbaatama yaadota (badaa (negative), sodaa, xaxaa, fuullefannaa rakkina wantoota keessatti (pessimistic) fa’i.
Sammuun keenyi ittisoo cimaa dhiiga daangessituu sammuu (brain blood barrier) jedhamu qaba. Haa ta’u malee wantoonni sammuuf hinfayyadnee humnaan daangaa cabsanii darbuu danda’u.
Akka tamboon sekondii torba keessatti sammuu seenuuf humna qabuufi alkooliin daqiiqaa jaha keessatti gola sammuukee uree seenu yaaddee beektaa? Humnaan kan daanga sitti cabsee darbu siif tolee miti daangaakee kabachiisi.
Odeeffannoo ajaa’ibsiisoo sammuu faana walqabatan kana irraa waan hedduu hubatteetta. Akka ajaa’ibsiifattu qofaa osoo hintaanee sammuukeef itti gaafatama guddaa akka fudhattuufi eeggannaa akka gootuuf si gargaara.
Sammuukee qaruus doomsuus kan danda’u si mataakeeti. Waanti gammachiisaan sammuun nama akka sibiilaati. Ni doomas ni qaramas garuu gonkumaa hinalaa’u.
Doktar Naafyaad Geetuu
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014