“Siyaasaaf jecha Oromoo qoreenillee akka waraanu hinbarbaadu” -Jaal Ibsaa Nagawoo

Charinnat Hundeessaatiin

Dubbistoota keenya keessummaan keenya maxxansa kanaa Jaal Ibsaa Nagawoo jedhamu. Jaal Ibsaan duraan koree geggeessituu hojii, amma ammoo ABOtti gorsaa tarsimoofi hayyudureeti. Isaan gameessa, umriisaanii ijoollummaarraa qabee Oromoof qabsaa’aa turaniifi jiraniidha.

Keessummaan keenya qabsoon Oromoo eessaa ka’ee, eessa akka jiruufi garamitti deemaa akka jirurratti haala qabsootti seenanirraa eegaluun ibsa bal’aa nuu kennaniiru. Ibsasaanii akka ittaanutti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Dubbistoota keenyaan walbaraamee Jaal? Achumaanis eessatti akka dhalattaniifi waa’ee maatii keessaniis otoo nutti himtanii?

Jaal Ibsaa: Maqaan koo Ibsaa Nagawoo Gurmuun jedhama. Hanga abba 17tti lakkaa’uu danda’us abbaa koo Nagawoo Gurmuufi harmee koo Aadde Amsaalee Taklee Tulluurraan Shawaa Kabaa, Muka Xuuriifi Gimbichuu jidduu, bakka addaa Kattaa Saree jedhamuttin dhaladhe.

Daa’imummaa kootti abbaan koo Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti qooda fudhataa turan. Abbaan koo dhaladhee waggaa saddeetitti waan narraa du’eef harmee kootu na guddise. Harmeen koo waggaa 38 booda as deebi’ee waggoota sadii dura ijaan walagarre ji’a laman kana boqotan.

Harmeen koo daran na jaalatu turan. Garuu dhiibbaadhuma Oromummaarraan kan ka’e waggoota hamma kanaatiif otoo walhinargiin turre.

Abbaan koo qonnaan bulaafi daldalaa ture. Erga inni du’ee booda dhimma lafaatiin walqabatee rakkoon dhalate. Sababuma kanaan harmeefi obboleettii koo faana gara Jimmaatti godaanne. Achuma Jimmattin guddadhe, barnoota koo hanga kutaa 6fatti baradhes. Kutaa 7fafi 8f ammoo eessumaa koo bira taa’ee Kafaa, Boongaattin baradhe. Sadarkaa 2fa Jimmatti deebi’een xumure.

Waa’ee barumsaa kana bal’inaan sii ibsuuf, barumsa kiyya qeesii birattin eegale. Abbaan kiyya nama ammayyoome waan ta’eef akkan baradhu barbaada. Mana barumsaas na galche.

Naannawa Saqqaa Coqorsaa jedhamutti barnoota qeesii dura seenee, kunis na gargaareera. Bu’uuruma kanaan sadarkaa 1fa ykn tokkoffaa hanga jahaffaatti waggaa sadii qofan baradhe; barumsatti qaxalee waanin tureef irra ce’aa.

Akka carraa ta’ee jireenya koo keessatti iddoo tokko hinteenye jechuudha. Rakkoodhuma turerraa kan ka’e warrumti kaanis faffaca’aniiru.

Bariisaa: Shawaa Kaabaa keessaa gosa kam maqaa dhahatu Jaal Ibsaan?

Jaal Ibsaa: Gosti abbaa kiyyaa Jidda yoo ta’u, harmeen koo ammoo Gullalleedha.

Bariisaa: Jaal Ibsaan maatiisaaniif ilma meeqaffaadha? Isinoo abbaa ijoollee meeqaati?

Jaal Ibsaa: Ani maatii kootiif ilma angafaati. Anaafi obboleettii koo qabu. Ani ammoo abbaa ijoollee sadiiti, dhiira lamaafi dubara tokko.

Bariisaa: Akkamiin, yoom gara qabsootti seentan mee Jaal?

Jaal Ibsaa: Gara qabsootti kanin seene rakkoodhuma namni bubuqqa’ee rakkatu kana wajjin walqabateeti. Kunis ijoollummaa kootti.

Oromoon Tuulamaa qe’eesaarraa garmalee dhiibamaa ture. Bara Minilik dhufee kaampii naannawa kanatti ijaarraterraa kaasee Oromoo kumoota heddutu buqqa’e. Dhiibbawwan guguddootu irratti deemaa tures.

Namoonni naannawa kanaa iddoowwan adda addaatti galanii qubatan. Anis rakkachuu lammiilee keenyaa kana argaan ture. Namoonni asii buqqa’an harmee koo bira bu’u. Isaanis kan rakkate ni nyaachisu. Tola ooltummaa guddaa raawwatan.

Erga isaan du’anii namoonni naannawichaa kana dhugaa ba’aafii turan. Rakkoon isaanirra ga’aa ture daran natti dhaga’ame. Akaakayyuunkoos nama seenaa waan turaniif waa’ee Oromoo kana tolchanii beeku. Kanarraa kan ka’e anis maatii seenaa guddaa qaburraa waanin dhaladheef rakkoon Oromoo bu’uurumarraa akka hiikamuuf taa’ee ilaaluurra jedhee ijoollummaa kootti ykn umrii waggaa 15tti qabsootti seene.

Yeroo sana waa’een Maarkisiizimii bal’inaan ka’aa ture. Cunqursaan sabaa, babal’ina moo koloniitu ture waanti jedhamus sochii barattootaa keessa deemaa tureera. Anis kanuma fa’iin salphumaan fudhatamee qabsootti seene.

Bariisaa: Umrii sanatti eessa dhaqxan, bosona seentan moo paartii wayiitti makamtan?

Jaal Ibsaa: Dura waan ‘istadii sarkil’ jedhamutu ture, barattoota keessatti qormaata siyaasaatiin seenaa dubbisuu, yeroo sanatti ilaalcha bitaa (left attitude) jedhamus tureera. Biyyi kun biyya fiwudoo burzhaa (sirna abbaa lafaa) turte. Kana jijjiiruun murteessaa ture.

Kanarratti ammoo Oromoon lafasaa deebifachuu qaba kan jedhu ka’aa ture. Achuma keessatti waa’ee Maarkisizimii kanarratti moggaa lamatti adda ba’uun waan jiruu ijoolleen Oromoo mirgi Oromoo tikfamuu qaba, eenyummaansaa beekamuutu irra jira. Abbaan biyyummaasaa mirkanaa’uu qaba malee akkanumatti yaadiddama dafqaan bulaa jedhamuun ammas mirgaafi afaansaa mootummaa Maarkisizimidhaan hogganamutti galchuun barbaachisaa miti jechuun bakkawwan lama ture jechuudha; ilaalchumaanuu jechuudha.

Gaaffiin sabootaafi sablammootaa dirreetti bahee dubbatamaa ture. Anis sanuma keessa ABOn uumamuu dhageenyaan otuma sagantaasaallee sirnaan hinhubatiin ittidabalame jechuudha. Sana booda gaazexeessaan Joobir Heeyyii jedhamu tokko sagantaa addichaa natti agarsiisee achumaan ittiseene jechuudha. Kun jalqaba.

Bariisaa: Haala kanaan addichatti makamtanii turtiin achi keessaa akkamiin ibsama?

Jaal Ibsaa: Bara Dargii keessa ‘xabbaab biheertanyaa’ jedhamee waggoota sadiif hidhameera. Qabsootti seenee waggaa lamattin hidhame jechuudha. Sana booda paartii ‘Isapaa’ jedhamutti na makachuu barbaadanii animmoo sana hinfudhannee Jibuutii deemee addichatti makame.

Achirra Somaaliyaafi Jibuutiitti hojjetaan ture. Afaan Oromoo nibarsiisna. Biyya keessattis Dirre Dhawaatti caasaa lafa jalaatiin hojjetaa turre. Waraanni addichaa yeroo sana Jaal Galaasaa Dilbootiin hogganamaa ture. Akka namoonni waraanichatti makamaniif hojii guddaas hojjetaa turre.

Garuu kan hamilee nu cabsaa ture yeroo hoggansi waraanaa olaanaa 11 bakka Shinnigaa jedhamutti dhumuusaaniiti. Dhimmichi hamilee namoota baay’ee tuqee ture. Ta’us ittideebinee hojjechuun barbachisaa waan ta’eef caasaa cimsinee dhaaba saba Oromoo bakka bu’u gochuun barbaachisaadha jechuun otoo hamileen keenya hincabiin irratti hojjechaa turre.

Achitti (Jibuutiitti) ittigaafatamaa ABO ta’ee hojjechaan ture. Dhaabni kun bahaafi lixa jedhamee bakkawwan lamatti hogganamaa ture. Gurmuun jila qabsaa’otaa jedhamus tureera. Yeroo Dargiin kufuuf jedhutti dirree lixaa dhaqnee kora taasifanne.

Dhaabichi hoggansa waaltaa qabaachaa hinturre. Erga hogganoonnisaa akka Gadaa Gammadaafaan du’anii booda bakka hinbuufamne ture.

Bariisaa: Sababoota ABO guddachuu dhorkan maal fa’i?

Jaal Ibsaa: Waantota ABO guddachuu dhorkan keessaa tokko qubsuma ji’oogiraafii ture. Mootummaan Somaaliyaa Awaashii gadi kan kooti jedha. Bara Somaaliyaafi Itoophiyaan wallolanitti ABOn diinni diina kiyyaa fira kooti jedhee Somaaliyaa wajjin hindhaabanne; ittiin lole malee.

Sababiinsaas gaaffiin aangoofi gaaffiin biyya adda adda waan ta’eef. ABOn dhaaba jiddugaleessaa ykn modereet waan ta’eef dantaa ummata Oromoo aangoof jecha hinkennu. Kanarratti xiyyeeffatee yeroo sana mootummaa Itoophiyaas ta’e kan Somaaliyaas wajjin ni lola ture.

Lafa kee, lafa Oromoo alagaadhaaf tumsitee kennitee dhimma biyyaan dursa jechuun hindanda’amu. Warri Wayyaanee yeroo sanatti mootummaa Somaaliyaa deggaruun gara kilaashii kuma 13 kennaniifii turan. Nuti guddinni kanaan dhufu haa hafu jechuun gara alagaa hingorre. Yeroo sanatti ejjennoo gaarii fudhanne jechuun ni danda’ama. Kunniin fa’is guddina isa dhorkeera jechuun ni danda’ama.

Ammas taanaan nuti dhimmi biyyaafi dhimma aangoo adda baasnee ilaalla. Dargiin karaa lixaatiin ‘SPLM’ (paartii Sudaan Kibbaa) gargaaraa ABOrratti bobbaasee ture. ABOn humnoota lamaan wallolaa ture; ‘SPLM’fi Dargii wajjin.

Dhaabichi dhaaba hirkannoo hinqabneefi hirkannoo hinbarbaadneedha. Kunis addicha rakkoo keessa buuseera. Ta’us nu gargaaru jennee faayidaa Oromoo dabarsinee hinkennine. Kanaanis wareegama guddaatu kanfalame jechuudha.

Bariisaa: Kora lixaa booda isin eessa dhaqaxan?

Jaal Ibsaa: Erga kora lixaatti taasifannee booda jaalleewwan shanan gara bahaatti deebi’an. Ani gara Jibuutiittin deebi’e. Booda mootummaan Jibuutii haa bahu jennaanin bahe. Yeroo waraanni dhiibamee bahe ALA bara 1998 Somaaliyaan ture. Waggaa jaha dura ammoo Ertiraatti deebi’ee addichatti makame.

ALA bara 2017 sadarkaa koree geggeessituutti ABOtti makamee hojiirran ture. Waggaa sadii dura erga Ertiraatti bakka pirezidaanti Isaayyaas jiranitti Doktar Abiyyi wajjin walagarree mari’annee dhaabni kun karaa nagaatiin akka hojjetu waliigallee booda yeroo jijjiirama biyyatti dhufe keessa as deebine.

Ani keessumaa hoggansis ta’e waraanni gara biyyaatti deebi’anii karaa nagaatiin akka socho’aniif mootummaa wajjin hojjechaan ture. Qophii baatii tokko qofaaf taasifameenis simannaa ho’aan sun taasifame. Garuummoo namoonni baay’een Buraayyuufi naannawa kanatti dhumaniiru.

Bariisaa: Rakkoon sun akkamitti uumame mee Jaal Ibsaa? Akeekni qabattanii galtan? Waanti milkaa’eefi hafe woo akkamitti ibsama?

Jaal Ibsaa: Dhaabni Ginboot Sabbaat jedhamu nu dura galuun rakkoo guddaa uume. Dhaadannoon hinmalle deemaa waan tureef ummanni ABO akka bulguutti ilaalaa ture.

Haalli ture ulfaataa ta’us warri mootummaa keessa turan qajeeloo turan. Caasaan Wayyaanee garuu dhaabni kun akka hingalle didee ture. Kana nutis ni beekna. Mootummaa keessa isaantu heddumminaan ture.

Diddaas agarsiisaa turan. Burjaajiis uumaa turan. Egaa hiddi qaama keetii to’atamnaan socho’uuf ni rakkatta. Ta’us hanga danda’ametti dantaa ummata Oromoo jiddugaleeffachuun Oromoon waan isarraa hafe haalatti guuttachuu danda’urratti xiyyeeffannee hojjechuuf biyyatti galle. Nuti akkasitti ilaallee gara biyyaa dhufne. Haalli ani keessa darbes kana fakkaata.

Kana keessa waanti milkaa’eefi hinmilkoofnes jira. Waanti milkaa’e waraana achii dhufe galchineerra; kan citee hafe ammallee rakkoo ta’ee mul’ataa jiraatus. Tarsiimoon keenya siyaasni biyya kanaa ilaalcha warra kaabaatiin kan guutameedha.

Walajjeesanii aangoo fudhachuun sirrii miti. Lammaffaa, ilaalchi ‘aangoon afaan qawweerraa madda’ jedhu jaarraa 21fa kana keessa akka hinhojjenne hubanneerra. Aangoon sagalee ummataarraa madda. Aangoon afaan qawweerraa maddu biyya kana garmalee gaaga’a jennee amanna.

Federaalizimiin amma jiru kun dimokraasiitti jijjiiramee ummanni sagaleesaatiin kan isa bulchu yoo filate malee tokko yoo qawwee kaase inni kaanis ni kaasa. Kanaaf, biyyi kun hammuma amma guddate kana duubatti deebi’uu dandeessi. Ummannis walfixa. Kana keessa mootummoonni alaas harka naqatanii biyyattii jeequu danda’u. Garuu waanti ummanni murteesse kabajamuudhuma qaba.

Bariisaa: Adeemsa siyaasaa biyya keenyaarraa maal hubattu?

Jaal Ibsaa: Akkan erga dhiyootti hubachaa dhufetti dhaabbileen siyaasaa ofiif murteessuu barbaadu malee akka ummanni murteessu hinbarbaadan. Karaa qaxxaamuraatiin aangoo fudhachuu barbaadu. Akka saayinsiisaatti kun malaan sagalee ummataa dhorkuudha. Isa kana ummanni dammaqee dura dhaabachuu qaba.

Oromoon akka saba xiqqaatti of ilaaluus hinqabu. Sodaachuus hinqabu; sagalee wayyaba qabeenya wajjin waan qabuuf. Kallattiilee maraan oggaa Oromiyaa keessaa baatu gammoojjiitti seenta.

Bariisaa: Har’a ABO keessa maaltu jira?

Jaal Ibsaa: Erga gara biyyaatti gallee keessoo keenyatti rakkoon dhalate. Kan mootummaa wajjin waliigalle waraanni Ertiraadhaa dhufu yeroo gabaabaa keessatti biyyatti deebi’ee kaan poolisii Oromiyaas ta’e waraana mootummaatti akka dabalamu, kaan ammoo hojii filatetti akka bobba’u kan jedhu ture. Kunis hanga tokko godhameera. Hanga tokko rakkoon kan mudate humni alatti hafe guyyoota 15 keessatti akka galu mootummaan qabatee ture. Yoo kun hintaane hoggansi hingalu jedhamaa ture.

Rakkoowwan iddoowwan adda addaatti uumaman wajjin walqabatees mootummaan komii kaasaa ture. Yeroo sana ture garaa garummaan dhaaba keessatti kan uumame. Erga karaa nagaatiin qabsoofna jennee gallee warri didee bosonatti hafe keenyaa miti jennees labsine.

Hamma dandeenye ammoo karaatti deebisuuf tattaafanne. Kunis kan ta’e haalli ittigalle jarjartiidhaan waan ta’eefi. Akka adeemsaatti silaa waanti hoggansi mureesse fudhatama argachuu qaba ture. Fudhachuu diduun dhimma biraati jechuudha. Mariin gara lixaatti deemamee taasifemes bu’aaqabeessa hinturre.

Ammas taanaan tarsiimoodhuma alaa qabannee dhufneen (karaa nagaa qabsaa’uu) hojjechuutu nu baasa. Ani siyaasaaf jecha Oromoo qoreenillee akka waraanu hinbarbaadu. Waggaa hamma kanaa keessatti bu’aan adeemsa kanaan akka dhuunfaatti buufadhe hinjiru.

Waraanaan dimokraasiin hinuumamu. Namoonni tokko tokko waliigalteef dhiibbaa gochuuf waraanatti fayyadamu. Kun sirrii miti. Inni kaanis waan hidhatuuf adeemsi akkanaa waraana siviilii fida. Kun Oromoos ta’e saboota biroo jidduutti ta’uu mala. Sababiinsaas fedhiin biyya kanaa kan saboota 86 waan ta’eef.

Bariisaa: Gama karaa nagaatiin qabsaa’uutiin hoggansa addichaa keessa ejjennoo akkamiitu deemaa ture?

Jaal Ibsaa: Hoggansa addichaa keessa waraana dhaadhessuun tureera. Hoggansi garee guddaafi xiqqaatti adda qoodame. Miseensis burjaajii keessa seene. ABO keessatti jeequmsi yeroo afur uumameera. Otuma Oromummaafi sirna Gadaa maqaa dhahannu sirna siyaasaa warra kaanii waan dhaalle fakkaata. Kunis xiiqiirraa kan maddeedha. Kan kiyya qofatu sirriidhaatu hammaate. Qabeenyis kiyyaatu baay’ate.

Ulee qabatee hunda dhahuu barbaada. Garuu uleen sun ulee biraatiin bakka bu’uu danda’a. Aadaan biyya kanaa ‘wiin wiinii’ otoo hintaane aadaa kan injifate waa hunda fudhata jedhuudha. Kun Oromoo keessas nijira. Kanaaf, haala kanaan adda bahame. ABOfi garee Jaarraa Abbaa Gadaafaa jidduutti namoota kuma 10tu du’e.

Otoo yeroo sana lamaan sun walta’anii jarri amma biyya jeeqaa jirtullee biyya qabachuu hindandeessuuyyu. Waraanni kumni kudhan humna guddaadha. Oromoofi Oromoon ammoo yeroo waldhahu walhinhambisu. Walqusachuutu irra ture. Erga dhaabni kun chaartara keessaa bahee ALA bara 1998tis hoggasni duraanii Jaal Galaasaa Dilboo yeroo sababoota adda addaatiin akka aangoo gadilakkisu godhametti (bara 2000 irratti) ABOn Qaama Ce’umsaafi Shanee Gumii jedhamee adda qoodamuun waraanni kibbatti walumaan walfixe.

Bariisaa: Kanatti kan gaafatamu eenyu?

Jaal Ibsaa: Kanatti kan gaafatamu hogganuma lamaan gargar bahaniidha. Kun yeroo hoggansi dantaa ummataa caalchisuu dadhabu uumama.

Bariisaa: Fedhiin aangoo hoggansa siyaasaa bira jiruufi dantaan ummataa akkamitti ibsama?

Jaal Ibsaa: Biyyi diigamnaan waa’een fedhii aangoo hin yaadamu. Lolli barbadeessaafi hamaa waan ta’eef ummanni karuma nagaa akka waa murteeffatu gochuun gaariidha. Hoggansi akka ummanni sabummaan walfixu gochuu hinqaban. Kanaaf biyyiifi nagaan jiraachuun fedhii walooti.

Dhaabni siyaasaa kamuu fedhiiwwan waloo kanneen akka hidha guddichaafi albuudawwaniis eeguu qaba. Kana hingodhu taanaan faayidaansaa maalinniree? Dimokraasiin olaantummaa seeraa malee gatii hinqabu; gara abbaa irrummaafi seerdhabdummaatti waan deebi’uuf. Ummannis dhimma dantaa waloo hubachuu qaba.

Bariisaa: Hoggansi ABO ammaa akkamiin gara hoggansaatti dhufe? Maalirrattis qabsaa’aa jirtu?

Jaal Ibsaa: ABOn baatii Eblaa darbe hoggansa haaraa filateera. Ergaa ABOn hoggansa haaraa filatee booda Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo hoggansaa addichi geggeesse hinfudhadhu jedhe.

Dhimmichi mana murtii qaqqabee nuu murtaa’e. Boordichi ammas ol iyyatus ammas nuu murtaa’eera. Hoggansi yaa’ii waliigalaa Ebla darbeen filatame amma fudhatama argateera jechuudha.

Rakkoo keessoo keenyatti uumameen filannoo baranaa keessatti qooda fudhachuu dadhabne. Otuma rakkoo keessa jirruu filannoo hoggansaa taasisnus boordicha wajjin walhubachuun dadhabame. Waan ofumaa murteesse dhiisee waan biraa murteesse.

Erga yeroon filannoo darbee ta’us manni murtii nuu murteesseera. Kan sichiitti garuu ni qophoofna. Waan nuti filannicha keessatti qooda hinfudhanneef waanti hundi haa badu warra jedhu miti.

Qabsoon dhaloota keenyarratti dhaabata jennee miti kan qabsoo jalqabne. Qabsoon dhawaataan walharkaa fuudhamee kan ittifufamuudha. Akka keenyatti waan ani keessa hinjirreef waanti hundi baduu qaba ejjennoo jedhu hinqabnu. Adeemsi akkanaa sirrii waan hintaaneef dhaloota ittaanurratti danqaa ta’uu danda’a.

Kanaaf waanti ani hinarganne marti haa baduun sirrii miti. Kun ejjennoo dhaaba keenyaati. Adeemsi keenya ummanni Oromoo sagalee wayyaba waan qabuuf karuma nagaatiin akka qabsaa’uudha.

Yoo ummatchi ‘Ibsaa Nagawoo naaf haa murteessu jedhee gara koo dhufa ta’e lakki ani sii hinmurteessu akka dhaabaatti, nuti haala mijeessina’ kan jedhuudha deebiin koo.

Karaan nagaatiin akka jiraatu, Oromoodhaaf imaammataafi mul’ata akkamii akka qabnu, ABOn dinagdeerratti maal akka qabu, siyaasaafi hariiroo alaarratti, dinagdee teknolojiidhaan deggaruurratti maal akka qabu, namni kan sagalee sii kennu dhimmi ati qabaterratti malee maqaarratti miti.

Isa kana ummatatti dhiyeessinee yoo ummanni fudhate ni fudhata, yoo dhiise kan fudhatama argate sana fudhannee gara ittaanutti deemna malee yoo kan koo hintaane qawween kaasaan sun nufis ta’e biyyaaf bu’aa hinqabaatu.

Kanaaf fuulduraaf jaarmiyaa kana karuma nagaarratti tiksinee qabsoon kanaan dura goones gama keenyaan isuma kanarratti tiksuuf hojjetaa jirra. Manni murtii maqaafi asxaa dabalatee waa hunda nuu murteesseera. Dhaabichi kanuma. Kana booda boordiin akkam akka godhummoo ni ilaalla.

Maandeellaa caalaa namni waggaa 27 hidhame Afrikaas ta’e biyya kana keessa hinjiru. Garuu haaloo bahannaan biyya sana diiga jedhee waan amaneef waa hunda dhiifamaan bira darbe.

Nutis kanarraa waa barachuu qabna, waldiinessuufi walmiidhuu hinqabnu. Walgargaaruu malee walsaamuun jiraachuu hinqabu. Federaala keessatti reeshoon sabootaas akkuma baay’inasaaniitti eegamuu qaba.

Afaan Oromoos afaan hojii mootummaa federaalaa ta’uu qaba. Oromoon hanguma baay’inasaa qoodasaa argachuu qaba. Federaalzimiin saboota guguddoorra bicuuwwaniif wabiidha. Akka isaan saboota baay’eedhaan hinliqimfamne taasisa.

Bariisaa: Irra deddeebiin waa’ee harmee keessanii kaastaniirtuutii waa’eesaanii xiqqoo nutti himaamee?

Jaal Ibsaa: Harmeen koo baay’ee na jaallatti; anis baay’een jaaladha. Baroota 1980ta keessa jila 2fa ABO irratti aniifi Nadhii Gammadaafaan torba taanee Oromiyaa bahaarraa gara lixaa deemne. (Namoota torba yeroo sana wajjin turre keessaa ana qofatu lubbuun jira).

Achi jira jechuu dhagahanii na barbaacha dhufan; harmeen koo. Kanafaatu garaa na nyaata. Sababuma kiyyaan yeroo danuu mootummaa Dargiitiin hidhamaniirus. Kunis qabsoo waan ta’eef homaa miti garuu. Baroota dheeraa boodan dhufee arge. Arguu koottis guddaan gammade. Isaanis na arguusaaniitti daran gammadanii ji’a lama dura boqotan.

Bariisaa: Waa’ee shororkeessaa ABUT akkamitti ibsitumee?

Jaal Ibsaa: ABUT kanaan dura federaalizimii jechaa waa hunda ajajaa ture. Biyyas fudhate. Inni kaan duubaa harka rukutaa ture. Raayyaan ittisaa isaanuma qofa ture.

Kan Dargii dhabamsiisanii kan ofii qofa ijaarratan. Biyya ijaaruurra diiguurratti cichanii hojjetaa turan. Biyyattii bittinneessuuf xiyyeeffannaan hojjetan. Nuti to’annoo malee Itoophiyaan hinjiraattu jedhan.

Har’a deebi’anii nuti federaalistoota ofiin jechuun waan hinfakkaanneefi nama gowwomsuudha. Oromoos ta’ee saboonni kuun adeemsasaanii kanarraa barachuu qabu.

Bariisaa: Faayidaa sirni federaalizimii Oromoo dabalatee saboota guguddoo kaaniif qabu akkamitti ibsama?

Jaal Ibsaa: Sirni federaalaa saboota guguddoorra xixiqqoof hojjeta. Oromoon baay’ina qabuun aangoo qooddatee warra kaan hacuucuu danda’a. Waanti isa dhorku hinjiru; kana gochuun barbaachisaa ta’uu baatus. Nama gabroomsitee ofii bilisa ta’uu hindandeessu. Nutis akka ABOtti falaasamuma kanaan deemaa jirra.

Federaalizimiin saboota baay’inni ummatasaanii xiqqaa ta’eef caalaatti wabiidha. Wabii kana isaanis ni beeku. Warri ummata xiqqoo qaban guddaadhaan akka hinliqimfamne godha. Kana nutis ta’e mootummaan amma aangoorra jiru sirnaan ummatatti gurgurachuu hindandeenye. Yaadichi waan hinbaaneef fuulduratti irratti hojjetamuu kan qabuudha.

Bariisaa: Ejjennoo karaa nagaatiin qabsaa’uu qaamni gararraa addichaa hunda bira ga’eeraa? Tokkummoo keessoo cimsuurratti yaada akkamii qabdu?

Jaal Ibsaa: Akkuma siin jedhe karaa waraanaafi kkfn burjaajii guddaa keessa seename. Kanneen qawwee qofatu nu baasa jedhaniifi lakkii qawwee miti jedhan jidduutti walmormiin ni jira. Miseensi garri caalu hubateetu korri namoota 521 qabu asuma, waajjiratti taa’amee hoggansa filate.

Warri hinhubannes ni hubatu jennee abdanna. Sababiinsaas karaa nagaa malee karaa qawweetiin aangoo qabachuun heeraan deggaramee cufameera. Waan heerri kana jedhuuf qofa miti. Nuti ilaalchaan kana murteessine. Qabsoon qawweedhaan geggeeffamu sirrii miti.

Har’a gareen Ibsaa Nagawoo yoo ka’ee mootummaa kana qawweedhaan buuse innis dabareesaa qawweedhumaan bu’a. Kun ammoo wareegama lubbuu dhala namaa hedduu gaafata. Qabeenya humna namaa biyya kanaas ni hir’isa. Misooma hundas niballeessa.

Lolli balleessaadhaa beeki. Kanaaf fakkeenya gaarii kan taatu Yamani. Gama fayyaatiin hangi walormaataallee gadi bu’a. Dhalli namaa dhabiinsa nyaataatiin ni dhuma. Walajjeesa. Yaman amma gara bara dhagaatti (‘stone age’) deebite duraanuu istoon eejiidhaa.

Asittis yoo waanti akkasii dhalate hoo? Akkamitti dhaabata? Yoo lolaanis dhufame mee mariidhumaaf deemtaa. Garuu erga biyya balleessitee booda mari’achuurra maaliif amma hinmari’anne? Ani kanattin amana.

Dhugaadhumatti kun amantaafi ejjennoo kiyya. Kanaaf ammoo wareegama kamuu nan kanfala. Erga gamoo tokko diignee teenyee ni mari’anna jechuun bu’aa maalii qaba? Diiguun salphaadha, deebisanii ijaaruun garuu cimaadha.

Kanaaf qabsoon karaa qawwee tasumaa waan ta’u miti. Fedhii biyya kanaas numiidha. Alagaanis waan akkanaa keessa harka naqata; akka walnyaannu waan barbaaduuf. Isaan guddinni biyya kanaa, hidhi guddichi akka gufatu barbaadu. Albuudni biyya kanatti argame jedhamu Ameerikaadhaaf bowwoodha.

Kanaaf fedhiiwwan danuutu jiru. Warri Ijibti waggoota kuma shaniif ykn erga akka biyyaatti uumamaniis ta’e bara Fara’oon laga Abbayyaatiif jiraachaa turan. Isaanis jiraachaa turan. Akka biyyi kun hinguddannes gochaa turan. Wannummaan isaan hingoone hinjiru, laga kana tikfachuuf. Ammas tv Ijibti nan daaw’adhaa akkaataa biyyi kun itti qoodamtee walifixxu maappiidhaan adda baasanii haasa’u. Namni ifatti akkana godhu lafa jalaanoo maal godha laata?

Bariisaa: Sochii qaamoleen alaa Itoophiyaa diiguuf gochaa jiranirratti maal jettu? Ejjeennoo isiin qabatanii jirtan kana miseensoonni kaan qabu ture?

Obbo Ibsaa: Akka biyyi kun nagaa hinarganneef qaamonni garagaraa sochii ni taasisu. Fakkeenyaaf Gibxi baroota hedduuf sababa laga abbayyaatiin biyya kanatti nagaan akka bu’u hinbarbaaddu. Akkuman siin jedhe ammallee akkaataa ummanni walfixurratti karoorsanii gama ‘TV’ saaniin kaartaan biyyaa qoodanii agarsiisuu.

Warri fuulleetti akkas godhan boodaan maal gochuu danda’u jedhanii yaaduun barbaachisaa ta’a. Biyyaa kanatti abbootiin amantii achii muudamaa turan. Kanaanis guyyoonni soddoomni ayyaana. Isaan garuu hojiitti jiru.

Bariisaa: Murni shororkeessaa ABUT gochasaa hamaa dagatee akkuma bare maqaa sabaatti fayyadamee aangootti deebi’uuf abjootaa jiraatii kanarratti maa jettu?

Jaal Ibsaa: Murni aangoorra waggoota soddomman darbaniif saba Oromoorratti duguuggaa sanyii raawwachaa ture, qonnaan bultoota Oromoo naannawa Finfinneerraa buqqise, qeerroo karaarratti ajjeesaa, dubartoota gudeedaa ture, otoo hoggantoota achi buuteesaanii dhabamsiiseef deebii hinkeenniin ammallee qeerroofi saba Oromootti fayyadamuun aangootti deebi’uu barbaadu.

Akkuma Mallasaan ‘Baay’ina Ummata Oromoo sirreessuun nidanda’ama’ jedhe gocha garajabeenyaa mallattoo Oromoo, ayyaana Irreechaarratti raawwataniin mirkaneessaniiru.

Bariisaa: Kanneen warra gumaa kana waliin hariiroo ummanne jedhaniif maal dhaamturee?

Obbo Ibsaa: Qaamonni jara kana wajjin hojjennna jedhan, namoota dantaan Oromoo maal akka ta’e hingalleef, bilchina siyaasaa gadaanaa qaban, kanneen gama bubbisetti goraniifi duras alagaatti hirkachuu amaleeffataniidha.

Kaayyoon Oromoo saboota Itoophiyaa wajjin federaalizimii dhugaadhaan jiraachuufi walgargaaruudha. Akka waliigalaatti saboonni Itoophiyaa eenyummaa ABUT barreechanii beeku. Saboonni kunniin maal akka dabarsanii maaltu akka irratti raawwatame nibeeku.

Kanaaf kana wallaallee jara kana wajjin kan dhaabatu nama ta’uusaa ibsuuf nama rakkisa. Gareen badii ABUTs ummata Tigraay baroota dheeraaf dagate amma keessa dhokatee ilmaansaas waraanaan jalaa ficcisiisaa jira.

Bariisaa: Erga hammeenyi shoroorkeessaa ABUT haala kanaan ibsamee paartiileen maqaa Oromootiin socho’an maaliif ifatti murnichaafi gochasaa balaaleffachuu dadhaban?

Jaal Ibsaa: Akkaa paartii keenyaatti hariiroon dur murnicha wajjin qabnus hariiroo diinummaati. Sana boodas mari’achuuf yaallee hindandeenye. Paartiin keenya ejjennoo dhimma birmadummaa biyyaa sarbuus ta’e jeequu ABUT qaburratti ibsa baaseera.

Gareen badii kun bara ce’umsaa saba Oromoofi Amaaraa walitti buusuuf Baddannootti ofumaa namoota boollatti naqee kaameeraadhaan waraabaa ummataan ABOdha jechaa ture.

Paartiileen Oromoo kana dagatanii ammas Oromoota hafan fixuuf diina kana waliin hojjechuuf yaaduufi balaaleffachuu dhabuun kufaatii siyaasaa fida. Osoo Raayyaan Ittisa Biyyaa hinjiraanneeyyuu ummanni Itoophiyaa diina akka ABUT kana ofumaa ofirraa faccisee jiraata malee waan taa’ee ilaalu miti.

Bariisaa: Diyaasporaan tokko tokko humna addaa Oromiyaa waraana deemeen hindhukaasiinaa jechaa turanii kana hoo akkamiin ibsitu?

Jaal Ibsaa: Diyaasporaan sammuu duriitiin jiraaf malee qoorqalbii ummanni wayita ammaa irra jiru osoo hubatee silaa yaada akkasii hinqabaatu. Gama biraatiin miidhama, dhiibbaafi wareegama kaffalaa kan ture isa as jiru waan ta’eef ummatichi hamman akka rakkachaa ture diyaasporaan tokko tokko hinbeeku.

Biyya kana keessaa safuun hagam akka bade, sobniifi walmiidhuun hammam dagaagee sirni Oromoo durii badaa akka ture waan hubatanii miti. Nuti kan hojjechaa turreefi jirru Oromoo gama hundaan humneessuurratti. Qaamni Oromoof oogu kamuu waan sabicha fayyaduufi humneessurratti osoo xiyyeeffatee gaariidha.

Bariisaa: Qabsoon Oromoo maalirratti argama? Biyyattiin hoo eessaa garamiitti deemaa jirti?

Jaal Ibsaa: Oromoon seenaa baandummaa hinqabu. Warri seenaa baandummaa qabu sanummatti jira. Qorqalbiin namoota Oromoo tokko tokko walxiqqeessuu waan ta’eef qabsoosaas akka harkifatu taasiseera. Qaamota qorqalbii akkasii qaban osoo diina waliin dhaabatee miidhama hinfidiin gochisaanii dhawaataan akka hubatamu gochuu barbaachisa. Akka kootti maddi rakkoo amma biyya mudataa jiruu inaaffaadha. Yaada warra, “Yoo ana ta’e malee biyyi biyya hintaatu” jedhuutu jira.

Walumaagalatti ummanni Oromoo Wayyaanee dura dhaabatee biyyaasaa ni eega. Jara qeerroon kalleessa dhagaadhaan ari’e amma waan simatuu miti. Warra Wayyaanee jala deemuufis ummanni deebii malu ni kenna jedheen yaada. Dantaa ummataa dursuufi kabaja barbaachisu kennuunis murteessaa waan ta’eef qaamni kamuu fedhii ummataa hubachuun dantaasaaf hojjechu qaba.

Bariisaa: Kanneen mootummaan ce’umsaa haahundeeffamu jedhaniin maal jettu?

Jaal Ibsaa: Yoo ummanni biyyaa eeyyameef dhufanii hundeessuu danda’u. Tooftaa waggoota 20 dura turetti har’a fayyadamuu yaaluuf dadhabbii malee waan dabalu hinqabu. Warri lixaa mootummaa ergamtuu ijaaruuf yaalaa jiru. Kanaaf ammoo ummanni dantaa biyyasaa waan dabarsee kennu miti.

Bariisaa: ABOn akka dhaabaatti amma maal gochaa jira?

Obbo Ibsaa: Dhaaba kana irra deebinee ijaarra. Kanas Abbootii Gadaa, Paartiilee Oromoofi ummata Oromoo wajjin mari’achuu barbaanna. Akkasumas, ummata Oromoo irra caalaan baaddiyyaa keessa jiraatu bira gahuufi jireenyasaa fooyyessuu barbaanna.

Ummanni kanneen kan hojjeetuufis ta’e irratti hojjetu barreechee waan beekuuf yaadasaa malee deemuun nama tuffachiisa. Oromoon dhaaba siyaasaa abdachuu qofa osoo hintaane ofitti amanuu qaba. Kana duras akkasuma ture. Oromoon ofumasaatii lolee of kabachiisaa ture, jiras.

Bariisaa: Gaaddisni Hoggansa Oromoo akkamitti diigame?

Jaal Ibsaa: Koree Gaaddisa Hoggansa Oromoo natu hogganaa ture. Koreen kun dhimmoota guguddoorratti mari’ataayyu. Otuma haala gaariin deemaa jirruu hamiiwwan adda addaa uumamuu eegalan. Kanas kan uume aangoodha. Warri kaan jidduu keenyatti akka rakkoon uumamuuf waa facaasaa turan.

Gaaddisni hoggansa Oromoo waan Oromoon orma fuuldurattiifi manatti haasa’u adda baasee akka baru kan taasisu ture.

Oromoo waljibbiisiisuufi akka walxiqqeessu taasisuun sabummaa miti. Oromoon dhimmoota guguddoorratti waliin haasa’uu qaba. Gaaddisa kana jalatti kan ka’an osoo ta’anii dansa. Waliidhiisuufi waldanda’uunis gaaddisa kana jalatti jabaata ture. Kun akka deebi’uuf ni tattaafanna.

Bariisaa: Qaamonni alaa gocha shororkeessaa ABUT irratti maal callisu filatan?

Jaal Ibsaa: Fedhii Ijibti eeguuf yoo ta’e malee dhugumaan Wayyaanee deggaranii akkas gochaa jiru jechuuf nan rakkadha. Ameerikaan hiriyaas diinas hinqabdu. Biyya kamuu keessatti nagaa fidanii hinbeekan. Oromoon akka aangoo qabatu hinbarbaadan.

Saba guddaa waan ta’eef ergachuuf waan itti hintolleef hindeggaran. Isaanimmoo mootummaa ergamtuu hundeesssuu barbaadu. Fakkeenyaaf Ertiraa yoo fudhatte hiyyeettiidha. Garuummoo biyya ofkabachiistee jiraattuudha.

Kanaaf hiyyoomanii kabajamuu wayya. Oromoos ta’e saboonni biyya kanaas qaama kamuurratti osoo hintaane ofirratti hirkachuun dantaasaanii kabachiisuu qabu. Ameerikaan qabsoo Oromoo deeggartee hinbeektu. Yoo qabsoon Oromoo karaa qabates hinjaallattu. Sababnisaas boru akka hinajajamneef waan beekaniif.

Bariisaa: dhumarratti dhaamsa yoo qabaattan?

Jaal Ibsaa: Hoggansi kamuu saba Oromoo keessaa bahee dogoggoora kamuu yoo uume sabichi isaan safaramuu hinqabu. Biyyoota adda addaa keessatti wayita qajeelfamni qophaa’u namoota sadarkaa jireenyaa garagaraarra jiran dubbisuuni. Biyya keenyatti garuu namoota muraasatu dubbisee otoo fedhiin ummata hingaafatamiin hojiirra oola. Kun otoo sirraa’ee dansa.

Qaamonni dhimma siyaasaa qofa afarsuun nagaa booressan gochasaanii kanarraa of qusatanii dhimmoota dinagdee Oromootiif osoo bakka kennanii gaariidhan jedha.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013

Recommended For You