“Qaala’inni gatii duula waraana dinagdee akka ta’e agarsiisftuun jira” – Doktar Tashoomaa Addunyaa

 Gammachuu Kadiriin

Finfinnee: Wayita ammaa kana qaala’iinni gatii omishootarratti mul’ataa jiru waraanaa dinagdee ta’uusaa agarsiiftuun mul’ataa jiraachuusaafi tarkaanfii hatattamaa fudhachuun akka barbaachisu Komishiniin Karooraafi Misooma Dinagdee ibsan.

Komishinarri komishinichaa Doktar Tashoomaa Addunyaa qaala’iina gatii mul’ataa jiruun walqabatee ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, fedhiifi dhiyeessiin walsimuu dhabuun, sirni odeeffannoo gatii gabaa ammayyawaa ta’e dhabamuu, baasiin omisha meeshaa gurgurtaaf ba’u dabaluun qaala’iina gatii akka hordofsiisa.

Qaala’iinni gatii wayita ammaa kana sirna gabaa biyyaa keessatti mul’achaa jirus sirna gabaa ammayyawaan waan hinjirreef abbaan fedhe akka barbaade ka’ee gatii dabalaa jiraachuu eeranii, murni siyaasaas humna siyaasaa isaa cimsachuuf akka meeshaatti itti fayyadamaa jira.

Bara dheeraaf aangoo siyaasaa murni qabatee ture aangoo siyaasaatti fayyadamuun namootin muraasni dinagdee biyyaa akka to’ataniifi sirna duraanii deebisuuf qaala’iina gabaa akka meeshaatti fayyadamuu barbaadaa jiraachuu eeranii, kanaaf ammoo agarsiiftuun meshaaleen daldalaa kotorobaandii hedduminaa to’annoo jala ooluu, qaala’inni gatii sirna gabaa biyyattii keessatti saffisaan mul’achuu ni kaasu.

“Itoophiyaa waggoottan 27n darban keessatti sirna gabaa maatii malee sirna gabaa hinqabdu. Sirni gabaa biyyatti kan namootni muraasni gara fedhanitti gatii murteessuun sochoosan ture. Dhugaa jiru bira ga’uuf daldaltoota qinxaaboofi jumlaan dhiyeessan eenyu hagam maal akka dabale adda baasuun beekamuu qaba” jedhu.

Akka komishinarichi jedhanitti, gabaan meeshaa dinagdeen mootummaati. Gabaa jabaan yoo jiraate dinagdeen saffisaan guddata, hoji dhabdummaan ni bada. Gabaan yoo laafe dinagdeen ni kufa hoji dhabdummaafi hiyyuummaan ni bal’ata. Kun akka hintaaneef akkasumas, qaala’iina mul’achaa jiru furuuf sirna gabaa ammayeessuun gabaa dorgomaafi iftoomina qabu ijaruuun daldaltoota seera hinkabajnerratti tarkaanfiim fudhatamuu qaba. Tarkaaniifiin fudhatamus akka sirna dargii gabaa balleessuu utuu hintaane dirree gabaa keessatti qooda kan fudhatan gara gabaatti deebisuuni.

Mootummaan humnasaa guutuutti fayyadamun haala gabaa hordofuun to’annoo geggeessuu, imaammataafi sirna gabaa bu’uura godhachuun qooda fudhattoonni akka hirmaatan taasisuufi invastimantii babal’isuun qaala’iinsa to’achuun akka irra jiraatu kan himan Doktar Tashomaan haala kanaan yaalamee qaala’iinsa to’achuun hindanda’amu yoo ta’e, omisha amala addaa gabaa keessatti agarsiiseef hanga gatii murteessuutti tarkaanfii fudhachuun akka danda’amus ibsaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013

Recommended For You