“Finfinneetti aadaafi Afaan Oromoo dagaagsuun filannoo osoo hintaane dirqama keenya” – Obbo Kabbadaa Deessisaa

 Waaqshuum Fiqaaduutiin

Finfinnee: Finfinnee keessatti aadaa, aartiifi Afaan Oromoo dagaagsuurratti xiyyeefatee hojjechaa jiraachuu Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa beeksise.

Hogganaan biirichaa, obbo Kabbadaa Deessisaa turtii tibbana Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa wajjin taasisaniin aadaa, aartiifi Afaan Oromoo baroota dheeraaf dagatamee ture akka waliigalaatti fuulduratti tarkaanfachiisuuf addatti ammoo waan Oromoofi Oromummsaa Finfinneetti lafa qabsiisuuf biiroonsaanii xiyyeefannoon hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.

Dhimma kanaan walqabatee hunda dura gosti Oromoo Finfinnee keessa jiraachaa tureefi aadaansaa qixa sirriin hubachuuf qorannoo bal’aan taasifameen Oromoon Warjiifi Oromootni biroo aadaasaanii keessattuu jaarraa 9fa kaasee Finfinneefi naannawashee dhuunfatanii jiraachaa turuun adda ba’uu kan ibsan Obbo Kabbadaan, ta’us sirnoonni darban Oromoo Finfinnee cabsuuf ummata Warjii gosa Oromoo akka waan isaan Oromoo hintaaneetti seenaa dharaa kalaquun hanga ammaatti gocha Finfinneefi Oromoo adda dhiibuu raawwachaa turuu hubachiisaniiru.

Oromoon Warjii waggoota hedduuf jeequmsa eenyummaa keessa akka seenuuf hojii bal’aan hojjetamaa turuu kan eeran Obbo Kabbadaan, sabni guddaan kun dhiibbaa irra ga’een eenyummaa ofii dagachuufi lagachuun, gama kaaniin duudhaan Oromoofi Oromummaa Finfinnee keessatti wayita jiraatti awwaalamu, gama biroon ammoo dhiibamee akka ba’u taasifamuu qorannoon taasifame iftoomsuu hooggantichi.

Dhimma eenyummaafi abbummaan dabalata seenaa saamame deebifachuu yaadannoo lola Adwaa qooda gootota Oromoo ibsuuf Finfinneetti qophii guddaan taasifamuu akkasumas kabaja ayyaana irreechaa Finfinnee irratti Oromoofi Finfinnee ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu mariin paanaaliitiin waggaa waggaan dhiyaachaa jiraachuu Obbo Kabbadaan yaadachiisaniiru.

Ilaalchi Oromoon guutummaatti Finfinneerra buqqa’eera jedhu, ilaalcha dogogoraafi bor gaaffii Oromoo deebisuuf gufuu ta’uus eeranii, Oromoo guutummaatti Finfinneerraa buqqa’e osoo hintaane kan gariin hafee achumma keessatti liqimsame waan jiruuf akka isaan of hubataniif mootummaan naannoo Oromiyaa hojii guddaa gama aadaa, aariitiifi afaaniin hojjetaa akka jiruufi bu’uuruma kanaan manneen barnoota Afaan Oromoo, mana burumsaa aartii Oromoofi galma aadaa Oromoo garaagara magaalatti keessatti dagaagsaa jiraachuu dubbataniiru.

Akka Obbo Kabbadaan jedhanitti, namootni tokko tokko akka jedhanitti Finfinnee labsiidhaan osoo hintaanee hojiidhaan. Oromoofi waa’eensaa dhawaataan Finfinneetti cabe kan iddootti deebi’us dhaawatumaani. Keessattuu, yeroo ammaa galmi uffata aadaafi nyaata aadaa Oromoo calaqisiisuu itti yaadamee bakka wiirtuurratti hojjetamaa jiru waan Oromoofi Oromummaa addunyaarratti mul’isuuf shoora guddaa qaba. Walumaagalatti, hojiiwwan kallattiilee maraan hojjetamaa jiran kunneen isa hubatuuf sabichaafis ta’e magaalattiif darbees biyyattiif hiikkoo guddaa kennu.

Duuchaadhumatti, hojiiwwan hanga ammaatti gama maraan magaalattiitti hojjetamaniin dammaqinni guddaan uumuu ibsanii, Finfinnee sabaafi sablammoota hammattee Oromoo of dhoksee keessa jiraataa ture boonsituufi Oromoos ta’e warra kaan qixa sirriin keessummeessitu tolchuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013

Recommended For You