Dhaabbatichi biqiltuu waggoota 18f dhaabaa ture kunuunsaa jira

Finfinnee: Sirnoota garagaraa biyyattiin hordoffaa turte keessatti biqiltuu dhaabuun akka adeeffatamuu haala walittifufiinsa qabuun ta’uu baatus hanga danda’ame hojii hubannoo uumuunis ta’e ummanni waggaatti altokko bahee akka dhaabu taasifamaa tureera. Dhaabbileen akka Dhaabbata Maxxansa Biraaninaa Salaam garuu kaka’umsa hojjetootaafi hoggantootaatiin waggoota 18f walittifufiinsaan biqiltuu dhaabuun kunuunsaa turaniiru, jirus.

Ittigaafatamaan dhaabbatichaa, Obbo Shitaahun Waalaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, dhaabbatichi jaarmiyaa maxxansaa waan ta’eef galteen fayyadamu waraqaadha. Waraqaan ammoo bu’aalee biqiltuurraa omishamuun gara biyya keessa waan dhufuuf yaada naannawa bosonaan uwwisuun waraqaa omishuu jedhuun waggoota 18n dura biqiltuu dhaabuu eegalan.

Hojjetoonni dhaabbatichaa fedhii olaanaan waggoota 18f Godina Aadda Oromiyaa Naannawa Finfinnee Magaalaa Laga Xaafoo naannawa hidha Dirreetti deddebi’uun biqiltuu dhaabaa turaniiru jedhanii, biqiltuuwwaan dhaabamanis humni nama eegu mindeefamuun dhaabbatichis nuusa waggaan sadarkaa irraa jiru kan hordofu ta’uu ibsaniiru.

Biqiltuwwaan bara darbe dhaabaman keessaa dhibbantaan 80 qabachuu eeranii, akka biqiltuuwwan dhaabaman hinmiidhamne hawaasafi bulchiinsa gandaa naannawichaa waliin hojjechaa kan jiran ta’uus beeksiisaniiru.

Hojjettuun dhaabbatichaa, Aadde Tsiyoon Immiruu gamasaaniin dhaabbatichi biqiltuuwwaan waggaa waggaan dhaabuuf namoota lama akka eegumsaafi kunuunsa taasiisan miindeessuun hordoffi barbaachisaa kan taasiisuufi biqiltuwwaan gurguddoo qalbii nama hawatan naannawa hidhichaatti mul’atan bu’aa dhaabbatichaa ta’uu himaniiru.

Biqiltuu dhaabuun fayyaa namaafi qulqullina haala qilleensaatiif bu’aan qabu olaanaa ta’uus keessumaa dhaabbatni maxxaansaa bu’aa biqiltuuwwanii waan fayyadamuuf qajeelfama “Fayyadamuun bakkabuusuu” jedhuun hogganamee waggoota hedduuf biqiltuuwwan dhaabuun kunuunsurratti xiyyeefatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Jiraataa naannichaa kan ta’an Obbo Taayyuu Baqqalaa gamasaaniin biqiltuwwaan naannawaa hidhichaa dhaabaman hawaasaaf qilleensa qulqulluu kan gumaachuufi hidhni bishaaniis dalaliin akka hinguutamne taasiisa.

Dhaabbatichi mindaa kanfaluun biqiltuwwaan dhaabaman akka kunuunfaman taasiisuufi kunuunsa taasiisameeniis bu’aan jajjabeessa argamuu eeranii, biqiltuwwaan dhaabaman hanga dagaaganitti akkuma daa’imaatti eegumsa olaanaa hawaasa naannawaa waliin taasisaa jiraachuu himaniiru.

Egumsa biqiltuwwaniif kan mindeeffaman Obbo Gaaddisaa Hundee gamasaaniin, biqiltuwwaan naannawaa hidhichaatti dhaabaman ganna haramuufi biyyee hammachisuun bonammoo bishaan hidhicharraa waraabuun obaasaa turuun bu’aan jajjabeessa argamuun cinaatti, isaaniifis carraan hojii banamuu himaniiru.

Sinqinash Alamuutiin

Bariisaa Hagayya 1 Bara 2013

Recommended For You