“Mana marii dhufurraa hojii guddaatu eegama” -Miseensota

 Sinqinash Alamuutiin  

Finfinnee: Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa marsaa 5fan yeroo hojiisaa xumuree isa ittaanuuf dabarsee kennuuf qophiirra jira. Manni marichaa yeroosaa bardheengaddaa xumuruun irra ture waan filannoon sababa vaayirasii koronaatiin otoo hingegeeffamiin hafee baranatti ce’ee adeemsifameera.

Gaazexaan Bariisaa mana marichaatti ittiwaamamaa mootummaafi miseensotasaa tokko tokko yeroon turtiisaanii maal akka fakkaatuufi muuxannoo miseensota haaraaf qoodan yoo qabaatan jennee gaafanneerra.

Mana marichaatti sadarkaa ministir de’eetaatti Ittiwaamamaan Mootummaa Obbo Caalaa Lammii akka jedhanitti, Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa waggoota jahan darbanitti yeroo ummatoonni Itoophiyaa gaaffiiwwan adda addaa kaasuun qabsoo taasisaa turanitti ummata waliin dhaabatee jijjiirama biyyattiitti dhufe dhugoomsuuf gaheesaa bahachaa tureera.

Firii filannoo booda mana marichaatti sagaleewwan, ejjennnowwaniifii ilaalchiwwan addaddaa ni calaqqisiifamu jedhamee abdatama jedhanii, namni kamuu kan qabsaa’u biyya tokkoof waan ta’eef sochiileen taasifaman hundi haala nageenya biyyattii yaada keessa galcheefi misooma ittifuufsiisuu danda’uun ta’uu qaba jedhaniiru.

Miseensi mana marichaa Aadde Kimiyaa Jundii gamasaaniin manni maree waggoota jahan darbaniif hojiirra ture dhaaba tokko keessaa waan baheef dhaabichuma akka deeggaru taasifamus qabsoo keessaafi alaa finiineen miseensis gaaffiiwwan ummataa bira dhaabachuun gaheessaa taphachuu himan.

Miseensonni man marichaa haaraanis dhimmootni faayidaa ummataa eegsisaniif xiyyeeffannaa kennanii hojjechuu aka qabanis eeranii, ijaarsa biyyaarratti adda durummaan hirmaachuu qabu jedhan.

Miseensi biraan Obbo Mahaammad Qophees gamasaaniin, manni marichaa yeroo qabsoo ummataatiin jijjiiramni ittidhufe ta’uun turtii paarlaamichaa adda taasisa jedhanii, qabsoo jijjiirama duraatiin dhiibbaawwan garagaraa miseensotarratti raawwatamaa turuu himaniiru. Sochiin jijjjiramaa as gama hundaan mana marichaa keessatti taasifame garuu olaanaadha jedhan.

Ummatoonni Itoophiyaa waantota hunda keessatti dhiibbaa alaafi keessan taasifamu qolachuun filannoo ajaa’ibsiisaa gaggeeffameen mirkaneessaniiru kan jedhan miseensichi, manni marii haaraan ijaaramuu jaalala ummanni biyyasaatiif qabu hubachuun imaanaa guddaa kennameef qalbeeffatee hojjechuu qaba jechuun ibsaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013

Recommended For You