Waasihun Takileetiin
Burraayyuu: Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa jahaffaa Wiixata darbe gaggeeffame sodaafi kutannoon kan guutame ture jechuun nidanda’ama.
Akka sodaatamu kan taasise dhiibbaa biyya keessaafi alaa biyyattiirratti aggaamee ture yoo ta’u, kutannoon jirummoo filannicha sodaa tokko malee gaggeessuuf ejjennoo mootummaan qabatee deemaa turedha.
Filannoon marsaa jahaffaa baranaa dhimmoota kana lamaan gidduutti kutannoon kan gaggeeffame yoo ta’u, akka sodaatames osoo hinta’in uummatni bal’inaan bahee filateera.
Adeemsa filannichaa ilaalchisuun jiraattota magaalaa Burraayyuu tokko tokko kan haasofsiisne yoo ta’u, dhiibbaa tokko malee paartii barbaadan filachuu kaasu.
Jiraattota magaalichaa dubbisne keessaa Obbo Caalaa Dirribsaa yaada Gaazexaa bariisaaf kennaniin, waggoota 27 jijjiirama dura turanitti adeemsi filannoo bilisa hinturre. Darbees bakkeewwan injifatametti korojoo garagalchachuun dimokraasiin akka quucaru taasisaa turan. Har’a adeemsichi jijjiiramee lammiileen dhiibbaafi sodaa tokko malee paartii barbaadan bilisaan bahanii filachuu danda’niiru jedhu.
Hirmaannaa hawaasni filannicharratti agarsiise daran kan nama jajjabeessuudha kan jedhan Obbo Caalaan, keessumaa dubartoonni sa’aatii 11:00n ka’anii hiriiruun paartii naaf ta’a jedhan filataniiru. Jalqabbiin dimokraasii amma ija godhachaa jiru kun daran akka cimuuf irratti hojjetamuu akka qabus ibsaniiru.
Kana boodas firii filannoo boordichi ibsu bu’uura godhachuun Itoophiyaa haaraa ijaaruuf paartiileen siyaasaa waliigaluu akka qabanis dhaamaniiru.
Obbo Mannuur Ahmadis jiraataa magaalaa Burraayyuu, Ganda Gafarsaa Burraayyuu yoo ta’an, filannciharratti dhiibbaa tokko malee kaardii fudhatanii filannicharratti hirmaachuu beeksisaniiru.
Guyyaa filannichaas ganama abboroon ka’anii paartii barbaadaniif sagalee kan kennan ta’uu himanii, kan darberra jijjiiramni tole nama jechisiisu mul’achaa jira. Jijjiiramni mul’achaa jiru ittifufiinsaan lafa qabatee dhaloota dhufuuf akka darbuuf ijaarsi dimokiraasii eegalame jajjabeeffamuu qaba jedhu.
Guyyaa dimokiraatawaa akaksii kana arguuf wareegamni qaalii kaffalameera kan jedhan Obbo Mannuur, calaqqee kana kunuunsuunimmoo dirqama dhalootaa ta’uu ibsaniiru.
Nageenyi waaraan biyyi hawwu dhufuu kan danda’us filannoo haqa qabeessaafi bilisaa gaggeessuu qofti gahaa miti kan jedhan Obbo Mannuur, murtee boordiin filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa dabarsus kabajuun dirqama ta’uu qaba jedhu.
Akka ibsasaaniitti, paartiileen injifataman paartii injifatate wajjin hojjechuu ykn marsaa itti aanutti caalanii argamuuf of qopheessuun fala. Murtee boordichaa faallessuun dimokraasii kan quucarsuufi alseerummaa waan babal’isuuf walhubachuun barbaachisaa ta’uus himaniiru.
Paartiin kamuu injifatus biyyasaa ijaaruuf jecha morkattoota mara faana hariiroo uumee Itoophiyaa utubanii dhaabuuf hudhaalee jiran ilaameen furaa deemuun murteessaa ta’uu dhaamaniiru.
Boordiin filannoos gamasaan hanga bu’aan filannichaa beeksifamutti olola abaluun injifate, abaluun ammoo injifatame jedhu keessaa bahuun barbaachisaa ta’uu dhaamanii, injifannoon kanaan argamus ummata biyyattii ta’uu hunduu kan irratti waliigaluudha jedhan.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013