Sakatta’a seenaa Oromoo

Kutaa 3fa

2. Oromoo akka damee Saba Kuushitti

Akka Barreessaa ‘Christopher Ehret’ jedhutti sabni Kuush durumaa qabee lafa baddaafi badda daree akkasumas gammoojjiwwan Itoophiyaa keessaafi naannawa qubatee jiraachaa kan ture  ta’usaa ifa godha.

Saboonni Kuush kunniin immoo naannawa eerame kana keessa qubataa duraa (pioneer) akka ture himamaa. Kunis saboonni Kuush Oromoo dabalatee Itoophiyaafi lafa naannawaasaa jiru keessa dhaloota Kiristoosiin dura bara 5000 dura akka tureefi boodas barkumee dhuma kana gara damee saboota Kuush adda addaatti qoodamee akka tamsa’e ibsu.

Saboonni Kuush hundeen isaanii (wiirtuun) Nuubiyaa, Itoophiyaa durii Marawwee akkasumas lafa sulula Abbayyaa (Nile)fi Misiraa akkasumas Atbaraa jedhu akka tureefi boodas uummanni kuun ykn walakkaan achumatti hafee kan socho’an wiirtuunsaa achii ka’ee dhimma beekamuufi hinbeekamneen, tarii waraana gara kaabaan isaanirratti gaggeeffameen ta’uu danda’a, gara Afrikaa Lixaa, Kaabaa, Bahaafi Kibbaatti socho’uun qubate jedhu. Isaan kana keessa warri Kuush Bahaafi Jiddugalaa yeroo booda sochii isaa kan wiirtuu jijjiruu itti fufee gara Kibbaatti socho’e jedhu.

Qorannoofi Qo’annoon seenaa madda adda addaarraa argaman, yeroo ammaa Sabni Oromoo akka qaama saba Kuushotaa ta’eefi ardii Afriikaa keessatti Afrikaa kaabaa, bahaafi lixaa Itoophiyaa dabalatee qubataa duraa ta’ee kan  mul’atuudha.

Kanaafis saboonni Kuush biyya Itoophiyaafi naannoo ishee keessa dhaloota Kiristoos dura bara 5000 dura akka jiraataa ta’eefi saboonni Kuush kun afaanota yeroo amma naannoo kanatti dubbatamaa jiran adda addaatti qoodamuu akka danda’an ibsuu.

A. Ragaalee Oromoon akka qaama Saba Kuush ta’e mul‘isan keessa tokko tokko ifa  gochuuf yoo yaalamu

Sabni Oromoos akkuma saboota Kuushirraa maddaniifi tamsa’an hunda yeroo booda akka afaaniifi aadaasaas qabatee naannoo amma jirutti faca’ee kan hubatamu yoo ta’u, walfakkiin afaanoota Oromoofi Agaawu, kan Kunamaa, Bejjaa, Afaar, Sumaalee, Sidaamaa, Koonsoo, Hadiyyaa, kkf yoo qoratamu walitti dhufeenya afaanoota kanaa qorachuun waggoota meeqa dura akka addaan facca’an tilmaamuun ibsuuf yaaluu. Tilmaamaafi dhaha guyyaa (Calendar) kanaas xinaadaa (Anthropology) uummattoonni kun dur madda tokkorraa akka ka’an kan jedhu ifa godha.

Kana malee hambaalee aadaa, afaanii, argamni arkiyooloojiifi siidaawwan afoola ummatichaafi raawwii sirna amantii Kuush dabalatee, yeroo dheeraa dura ummanni kun tokkummaadhaan kan keessattimul’ataa turaniidha. Gama biraatiin babal‘ina Amantawwaan Yihudotaa, Kiristanaafi Isilaamaarraa kan ka’e ummatoonni naannoo Galaana Meeditraaniyaanii jiran akkasumas Arabiyaa kibbaafi Faarsirraa buqqa’uun gara biyya kanaatti godaanan jaarraa adda adda keessa walitti makamuun naannoo kanatti jijjiramni guddaan akka mul’achuu danda’e dubbatamaa.

Sochiin kuniis kallattii Itoophiyaa durii (Marawwee, Nuubiyaa, Suuba, Saaba, Nappata, Aksuum Laastaa, Gondor keessa) jirachuuf yoo dhufan, irra jireessi qubatoota kanaa ummatatti makamuun qubachaa kan turaniidha.

Jarreen hafanis kophaa ofii of ijaaruun, afaan isaanii cimsuufi waraana ykn raayyaa cimaa ijaaruun wiirtuun Amantaafi daldalaa, akkasumas siyaasaa saba Kuushoota iddoo eeraman kanaa akka bittinna‘u godhaniiru. Kanarra ka’uun rakkina kana dandamatanii kan achitti hafan malee ummanni achi ture gara Kibbaatti socho’uun akka qubatan seenaan ni addeessa.

Bifuma kanaan Itoophiyaan dur bal’innishee walakkaa Misirii kaasee biyyoota akka Sudaan, kaabaafi bahaa, Itoophiyaa, Eritraa, Jibuutii, Sumaaleefi Keeniyaa kana dhunfattee turte keessaa tamsa’aa akka turan himama. Yeroo booda garuu walitti bu’iinsaafi wiirtuwwan daldala yeroowwan adda addaa uumamaniin qofaatti ba’uun biyyoonni hedduun mul’achuu qaban.

Sabni Oromoos rakkinaafi sochii kana keessatti qooda kan qabu ta’ee walakkaan jireenyisaa qonnaan jiraataafi loon horsiisuurratti kan xiyyeeffate waan tureef, daandii daldalaarratti falmii godhamaa ture dhiisuun gara lafa tasgabbii qabuufi nagaan jiraachurratti fuulleefachuun, wiirtuu siyaasasaa biyya jiddugalaafi kibbaatti yoo sochoose, Oromoon amantaa jaraa fudhatan garuu achumatti hafuun, iddoodhuma duraan turetti saboota aadaa biyya alaatiin dhuunfatti dabalamuufi makamuun aadaasaanii fudhachuun akka jiraachaa ture seenaarraa ni hubannaa.

Kanarraa ka’uun Kuush jechuun hundeefi hidda dhaloota Oromoota akka tureefi Oromoonnis qaama saba Kuush waan tureef iddoo seenaan Kuush jiru mara seenaan Oromoo jira jechuudha.

Kanaaf seenaan kun barreesitoonni seenaa biyya kana tokko tokko saba Oromoo akka godaantuufi keessumaatti fudhatanii barreessaa turan soba ta’uu ifa godhaniiru. Hojiin isaanii akka ragaa sobaafi qabatamaa hinta’in kan mul‘isuudha.

Akka argannoofi ragaa barreessitoota seenaa baroota 1980tti sabni Oromoo jiraataa jidduugala Itoophiyaafi kibbaa naannawa Madda Walaabuu, ykn lafaafi iddoowwan yeroo ammaa Baalee kibba lixaa akka ture dubbachaa turan. 

Isaan biroonis yaada kana fooyyessuun Walloo, Karrayyuu, Arsii Kibbaa qofa akka ta’e ibsuurratti daangaafi madda Oromoo murteessani turani. Rakkinni jara kanaas guddinaafi ummata Oromoo beekuu dhiisuurra kan ka’eefi bal‘ina qubsumasaa walaalurraa kan ka’eedha.

Wanti nama dinqisiisu garuu barreesitoonni martinuu jechuu ni danda’ama seenaa Oromoota Warjiifi mootummaa sulxaanota Shawaa akka Oromoo ta’an eeruu dhiisuu isanit. Mootummaan kun kan hundda’e bara 896/7 keessa ta’ee gara waggoota 400 turuun kan mootota Ifaatiin mo’atamee bakka bu’e yoo ta’u, mootummaa Oromoon amantaa musliima fudhatan akka durfamaa ture ifa gochuu hinbarbaadanne.

Maddi barreeffamaafi hojii  isaaniis barreesitoota Arabaa kan akka “Ibn Said“ yoo ta’an, isaaniis Oromoofi Somaaleen jaarraa 13fa itti akka gaanfa Afirkaa keessa waliin turan ragaa mul’isu qabaniifi namoota seenaa, aadaafi Afaan Oromoorratti hojjachaa turan. Kunis madda Oromoo Somaaliyaa kaabaafi jiddugala qofatti hidhuun kan murteessaniidha.

Qo’annoofi qormaanni namoota kanaan hojjatame hojii namoota kana booda ka’an kan akka Mahammad Hassan (1990)fi Habrland I.K. (1985)tiin godhame jijjiruufi fooyyessuun Oromoon maddiifi biyyi inni dur irra ture, iddoo Hayyooni duraa eeran dabalatee naannoo Arsiifi Baaleefi akkasumas lafa baddaa naannichaa akka ture falmaa turan. Kunis qo’annoofi qorannoo Afaan Oromoorratti kan mul’achuu danda’eedha.

Hojiin jara kanaa yaada hubannoo dhabiinsa seenaa Oromoorratti jiruufi loogii siyaasaa biyya kana keessa ture ifa gochuu  kan danda’eedha.

Kana malee barreesitoonni Afaan Kuushootarratti hojjatan kanneen akka Palitschke (1889) Green field (1965) akka ifa godhanitti, Oromoon Afrikaa kaaba-bahaa keessa kan tureefi jireenyisaa bara mootummoota Aksum biyya gaggeessaa ture naannawicha keessa dursee jiraachaa akka ture kan mulisuudha. Kana malees naannawichatti Oromoon saba beekamaafi hundee saboota hedduu akka ta’e eeruun dhaloota Kiristoos dura dura kan naannawicha keessa turan akka ta’e ifa godha.

Namni kun madda isaa eeruu baatullee Oromoonni Raayyaafi Asseboo biyya isaanii kan durii naannoo Arabiyaa kibbaa (Gulf of Aden) irraa ka’uun naannoo amma jiru (Tigraay) keessa kan qabetan ka’umsa Amantaa Isilamaa dura akka ta’eefi Abashoonni garuu isaan booda akka dhufan (Semetics) kan ifa godhu yoo ta’u, warri Kuushotaa garuu akka isaan dursan hima.

Ittidabaluunis qubannoon Oromoota Arabiyarraa dhufan kan jedhu kun maaliif akka iddoo jiranirraa akka ka’an ibsuu baatullee warreen seemota booda Arabiyaarraa ka’uun qabiyyee Kuushotaa akka dhuunfatan himuuf yaaleera. Itti ida’uunis warri seemotaa lafa Afrikaa Kaaba-bahaa jedhamuufi qabiyyee ummata Kaamota (booda Kuush) jedhaman keessa tamsa’uun tuutaan ijaaramuun akka qubataniifi wiirtuuwwan daldalaa yeroo sana akka dhuunfachuu eegalan himama.

Warreen Kaam ykn Kuush jedhaman kanneen keessaa saboota akka Oromoo, Somaalee, Affaar, Sidaamaa, Bejjaa, Saahoo, Agawu, Bini’amiirfaa akka ta’an ifa ta’eera.

Ummatoonni kunniin akka warreen biyya alaa dhufaniitti dhawaataan garuu biyya dhuunfatan kan ibsu, boodasamantii jaraa fuudhachuun waliin jiraachuu akka qaban himamaa.

Humnoonni alaa dhufan tokko tokkoos yeroo boodas amantaafi aadaa jaaraa mormanii qofaatti of ijaaruun akka socho’uu qaban seenaa keessatti ni beekama.

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013

Recommended For You