Kutaa 2fa
Hayyoota falmiirra turan keessa kan akka “Paulitischke’ Alaqaa Taayyee, Alaqaa Atsimee, I.M.Lewis, H.Lewis, Cerulli, Haberland I.K., Baraukamper, Gaetaachoo Hayilee, Alam Isheteefi kan kana fakkaatan eeruun ni danda’ama.
Namoota Oromoon alaa dhufe jedhaniifi warra kaan jidduutti falmii yeroo dheeraaf tureedha. Yeroodha gara yerootti ragaa qorannoofi barreeffama seenaa moototaafi amantii keessatti maqaan Oromoo argamuunis gaaffii guddaa kaasaa kan tureedha.
Barreessitoonni gita bittaa deggaran isa dhiisuufi dhoksuun seenaan Oromoo akka ummata godaantuu ta’e ibsuuf yaalaa turan. Haa ta’u malee ragaalee kanaafi isa kaaniin dhawaataan seenaan Oromoo gabbachaa dhufuun argamni haaraan kun kaka’umsa uumee namoota akka ‘De. Abbadie, Martial Da. Salvial’, Nagaasoo Gidaadaa, Tasamma Ta’aa, Gadaa Malbaa, Mahammad Hasanfaan seenaan Oromoo akka bifa, qabatamaa argatuufi barreeffamu godhaniiru.
Kana malees seenaan Oromoo hanga jaarraa 16fa jedhu hayyoota Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa bara 2006 qophaa’eefi hojiin Alamayyoo Hayilee bara 2007 keessa maxxansiisan seenaa Oromoo hundeensaa akka lafa qabatu taasifameera.
Hojii kamiyyuu caalaa hayyoonni Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa kitaaba “Seenaa Oromoo hanga jaarraa 16fa“ jedhufi sirna Gadaa “Siyaasa Oromoo Tuulamaa, Seenaa Oromoo hanga jaarraa 20fa, Seenaa Oromoo Warjii jedhu, keessatti falmii armaan dura tureef deebii qubsaa kennuu keessatti daangaa seena Oromarratti jiru jijjiruuf bu’aa qo’annoo guddafi jijjiramni akka ta’u kan taasiseera.
Akka yaada hayyoota tokko tokkootti, kitaaboleen kunniin hojii seenaa Oromoorratti xiyyeeffate qofa otoo hinta’in, seenaa biyya kanaatiifuu bu’uura kan ta’eefi kallattii seenaan biyya kanaa armaan dura itti qoratamaa ture (The land mark in Oromo history ) jechuun seenaa armaan dura ture kan garagalchuudha jedhu. (Tasamma. T., jornal of Oromo studies 2005).
Barreesitoonni seenaa Oromoo armaan dura ragaa qabatamaa hintaaneerratti bu’ureeffatanii hojjachaa turan sabni kun gonkumaa biyya kana keessa akka hinturre kan falman yoo ta’u, maddi hojiisaanii seenaafi ololaa Poorchugaaloonni ykn loleen mootota kiristaanaa gargaaruu dhufanrraa Molokseen Abba Baharii jedhaman hojjataniif jibba dabatarootaafi akkasumas falmattoota amantii Isilaama ykn Sheekotarraa akka ta’e ifa kan ta’eedha. Haa ta’u malee qorattoonni yeroo booda gara biyya kanaa dhufan keessa dhawaata hojii sobaa kana saaxiluun waan heddu hojjataniiru.
Akkuma beekamu baroota 1843-1846 Oromiyaa keessa kan ture ‘Antoine D’Abbade’ sirna Gadaafi Qaalluu, akkasumas Aadaa Oromoo “Guduruufi” “Limmuu” Saqqarratti, waan hedduu barreessullee madda Oromoo eeruuf ragaa qabatamaa dhiyeessuu hindandeenye. Haaluma kanaan madda Oromoo lafa walal jechuu malee iddoo kana jechuun ifa gochuu dhiiseera, haa ta’u malee walal Tulluwwan beekamoo Lixaa Oromiyaa (Wallaggaa)fi Kibba Oromiyaa (Boorana) keessatti beekaman ta’u isaa eeruuf fakkaata barreessan kun Oromoon saba bal’aafi Afrikaa keessatti ummata guddaa ta’u isa ifa godhullee madda ummata Oromoo eeruu hindanddeenye.
Barreesitoonni baroota 1960 booda seenaa Oromoorratti hojjatan immoo maddaafi qubsuma Oromoo Afrikaa keessaatti naannoo gaanfa Afrikaa akka tureefi, boodas uummata Sumaaleetiin achii dhiibamanii gara jiddugala biyya kanaa dhufan jechuun ifa gochuuf kan yaalaniidha. Haa ta’u malee barreesitoonni akka ‘I.M.Lewis, Cerulli’ Trimingham, Huntingford, H.Lewis, Braukukamber, Melba kan kana fakkaatan yaada Oromoon gaanfa Afrikaa keessaa ka’e gara kibba, dhihaafi kaabaatti socho’e jedhu kana cimsanii mormuu.
Namoonni biraa yaada kana falmanis barreesitoonni akka Habarlandiifi M. Hassan, fakkataaniifi kan biraas, Oromoon gaanfa Afrikaarra ka’ee gara Itoophiyaa jiddugalaatti seene yaada jedhu kana ni mormuu.
Barreesitoonni tokko tokko akka waan Oromoon ardii biraarraa dhufetti ibsuuf yaalaa turan. Kanas ibsuu kan yaalan kanneen akka ‘Trimingham, Hanting ford’, Alaqaa Atsmeefi Alaqaa I.E.S. Taayyeefa’i. Ta’us sabni Oromoo Argeessaafi Somaaliyaa jiddugalaa keessa qubatee jirachaa akka tureefi kunis kan seenaa waliin jireenya sabichaa keessatti kan beekamuudha.
Itoophiyaafi biyyoota Afrikaa kaaba bahaa naannawa Sudaan Marawwee, Suubaa, Nuubiyaafi Nappataa, akkaasumas wiirtuwwan Aksuumii hanga Galaana Diimaafi biyya jiddugalaa, Oromiyaa ammaafi kibbaan immoo Somaaliyaa walakkaa qabee hanga Keeniyaa laga Xaanaafi Buufata Doonii Gaalaana Hindii ykn Mombaasaa jedhamutti tamsa’ee jirachaa ture.
Kana malee qubsumniifi tamsa’inni Oromoo hanga Taanzaaniyaafi Ugaandaafa’itti akka mul’atu ragaan ni eera.Kanarraa ka’uun Oromoon saba guddaa Afrikaa kaaba bahaa keessatti ardii bal’aarra tamsa’ee jiraataa kan tureedha jechuun ragaa qabaniin ibsu. B
Hayyoonni kunniin qorannoo yeroo dheeraa godhaniin Oromoon qubataa duraafi saba bal’aa ta’uu mirkaneessu. Yaada kanas hojii‚ D’Abbadie irratti hunda’uun kan barreessan‚ Martial De’Salviac yoo ibsan, “An ancient people, the Great African Nation The Oromoos” jedhu.
Kana malees namni kun bal’ina Afaan Oromoo ilaalchiise yoo ibsu, “… from the reign of emperor Iyo’as (1750) to the 1860th The Oromo … and the language of the Oromo was used for diplomacy and for commerce in Ethiopia from the 140N (degree North) latitude and to 4th degree latitude south, also it inundated in its forms the neighboring language…(De. Salviac 1981:378)” jechuun ibse. Kunis ragaa guddaa Oromoon ardii bal’aa kanarra durii kaasee akka jiraachaa ture kan ibsuudha.
Barreessan ‘Martian De Salviac’ qorattoota biraa eeruun akka ifa godhanitti, Afrikaa bahaa keessa hanga ‘Wa-Houma, Wa, Nyamezi, Wa-Ganda’fi Taanzaaniyaa ga’utti Oromoon ummata faca’ee jiraatuufi umaata Baantuu jedhamu keessa seenee hanga Kongoo bahaa, Ruwaandaafi Burundii dabalatee tamsa’ee kan jiruudha jedhu.
Gara kaabaatiin immoo Itoophiyaa kaabaa keessa dabree hanga Nuubiyaa, Misira, Arabiyaa, Turki, Sooriyaa, handaara lafaa Qophiroosiifi Siisheelsi keessa jiraachuu malee afaaniifi aadaasaanii eeguun akka jiraatan dubbatama.
Ragaalee barreeffamaafi seenaa qormaata dhugaarratti hundaa’e kanarraa kaanee yoo xinxallu, ummanni kun hagam sanyii dhala namaa bal’aafi guddaa akka ta’e ibsa. Gama biraatiin immoo qormanniifi barruun kun iccitii seenaa Oromoo balleessuufi dhoksuuf godhamaa ture maaliif akka ta’e baruuf nama kakaasaa.
Loogiin kunis seenaa saboota gurraachaa warra adiin akka dhoksameefi warra Awurooppaafi Arabootaa qofti ummata gaarii ta’uusaanii akkuma barreeffamaa ture, biyya kana keessattis seenaan Oromoo loogiin irratti godhamaa akka tureefi kan dagatame ta’uu mul’isa.
Kana malees qormaata seenaa amantiifi madda qaroomina saba gurraachaa warreen akka ‘Giriikotaa, Awurooppaafi Arabootaa akkamitti akka saamamaa turan kan ibsuudha. Kana malee ragaan seenaa Arabootaafi warra Auwrooppaa dura amantiiwwaan amma addunyaa kana keessatti beekamaniifi barumsaafi falaasamni isaaniif maddisaa saba gurraacharraa akka ta’e kan mul’isu ragaa gabaabaa kana dabalataan yoo ilaallu akkas jedha.
“ …The Greek Philosophy was the offspring of the The Egyptian Mystery system… Egypt was the center of the body of ancient wisdom and knowledge, religious, Philosophical and scientific spread to other lands through student Initiates. Such teachings remained for generations and centuries in the form of tradition, until the coquest of Egypt by Alexander the great, and the movement of Aristotle and his school to compile Egyptioan teaching and claim it Greek philosophy” jedha. (The stalen legacy 1984).
Haaluma kanaan beekumsiifi Filoosoofii Griiki jedhame kan dubbatamu martinuu maddisaanii Afrikaafi barumsa saba gurraachaa akka ta’e kan nama hubachiisuudha.
Saboonni Afrikaa keessattuu /kaabaafi bahaa/ Afrikaa iddoo hundeen dhala namaa itti argame qofa otoo hinta’iin maddaafi jalqaba amantiiwwan beekamoofi qaroomina dhala namaa maraaf akka bu’ura ta’e dubbatama. Kunis hortee Kuush Oromo dabalatee kan hammate ta’u mul’isaa.
Ittifufa…
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 14/2013