Kutaa 1fa
Sabni Oromoo ummatoota Itoophiyaa keessatti argaman keessa isa tokko. Ummanni kun saboota seenaansaanii otoo hinbarreeffamiin hanga yeroo dhiyootti turan keessaa isa tokko yoo ta’u, seenaa barreeffama dhabuusaa qofa miti. Kanumti barreeffamaa tures dogoggoraan kan guutameefi keessa dabree ummata Oromoo godaantumman kan ramade, seena loogiin guutameefi uummata weerartuufi keessummaa jedhamaa kan ture.
Kanarraa ka’uun barreessitoonni baay’een seenaa jaarraa 16fa keessa Molokseen Abbaa Baahiree jedhamuufi kan Loltoota Portugaalota mootii kiristaanaa gargaaruuf bara 1545 dhufan waliin seenaa sobaa bara 1593 keessa barreessanirraa ka’uun dogoggorarratti kan kufan yoo ta’u, kana booda seenaa qorattoonni kaa’an, antirooppooloojiifi hayyoonni qo’annoo seenaafi afaanii heddu hojii Moloksee kanaa akka seenaa dhugaatti fudhachuun ummata Oromoo addunyaatti beeksiisa turan.
Waanti molokseen kun barreesse ololaafi siyaasa mootota yeroo sanaa kan dhaadhessu malee seenaa Oromoo sadarkaasaa eeggateedha jechuun hindanda’amu. Kunis rakkoo bara dheeraa tureedha. Ta’us qorattoonni saayinsii, hawwaasaa, seenaa, afaaniifi Aadaa Oromoorratti waggoota 40 dura qorachuu eegalan dogogora kana ifa gochuuf baayyee yaala turan.
Qorannoo yeroo dhiyoo kana godhameen otuu motummaan kiristaana Gidgalaa Itoophiyaa kanatti hin hunddeffamin dura mootummaan sulxaanota Shawaa kan Oromoota Galaan hawaasa Warjiitiin hundeeffame bara 896/7 keessa akka ture beekaa bira dabraa turan.
Mootummaan sulxaanota Shawaa kan Oromoo Galaan Mana Abbichuu /Waayyu/n hundeeffame kun hanga bara 1270 erga turee booda kufe seenaan mootummaa kana hojiisaanii waan saxiluuf akkuma jiruun bira dabraa turan. Yaata’uutii mootummaan Oromoota Warjiitiin hundeeffame kun turtii waggoota 400 booda akka kufeefi bakkasaatii kan (Abisiiniyaa) akka hundeeffame ragaan ni ibsa.
Hojiin kunis ragaa seenaa barreeffaman argaman sakatta’aafi afoola ummata keessaa funaanamerratti hundaa’uun falmiifi qo’annoo hayyoonni heddu madda Oromoorratti gaggeessaa turan walmaddii qabuun yaada haaraa itti dabaluun seenaa Oromoo ibsuuf kan yaaluudha. Kana malees sabni Oromoo Itoophiyaa keessatti malee ardii Afrikaa kaaba bahaa kana keessatti iddoon inni qabuufi lammii ykn qubataa duraa /pioneer/ ta’uusaa kan mul’isuudha.
Afaansaas afaanota saba Kuush wajjin akka walitti hidhannoo qabuufi seenaa ummatichaatiin /Kuush/ hundeensaa Oromoon tokko ta’uusaa walitti qabuun kan ifa ibsuuf yaaluudha.
Oromoon ummata sirna Gadaatiin bulu ta’ullee darbee darbee mootiidhaanis bulaa akka ture ni hubatama. Kanaaf qodiinsi gosa gosaan godhama ture ragaa guddaadha. Kanarraa ka’un seenaa Itoophiyaa keessatti mootonni durii qabanii biyya bulchaa turan Oromoofi kan Oromoorraa dhalatan akka ta’aniifi sabni mootonni irraa dhalatanis walakkeessaan aadaansaanii Oromoorraa akka madde kan ifa godhuuda.
Kanbira hojiin kun guddinaafi babal’ina Afaan Oromoo seenaan bal’ina dubbatoota afaanichaa hangam akka bal’aa ta’e kan ibsuudha.
Gama biraatiin hirmaannaafi gahee Oromoon Itoophiyaa ammayyaa ijaaruu keessatti qabu hanga tokko kan ifa gochuuf yaaluudha. Barreeffamni kun ittifufuun guddina Afaan Oromootii kan walqabate yoo ta’u, kunis seenaafi babal’inni afaaniifi aadaasaa kanitti hubatamuudha.
Kana malees gahee jaarmiyaaleen sirna Gadaa Oromoo keessatti qaban kan ifa itti ta’eedha. Dabalataanis sirni Gadaafi mootummaa Oromoo sabni Oromoo qophaatti ijaarama siyaasaa guddaa akka qabu kan mul’isuudha. Matadureewwan eeramaniifi kanneen hafan marti qormaata yeroo dheeraa booda kan ifa ta’aniidha.
I. Walfalmii hayyootaa seenaafi xinaadaa ykn antiropolojii maddaafi qubsuma Oromorratti ture
Yeroo dhiyoo kana barreesitoonni hedduun seenaa saba Oromoofi maddasaa ilaalchisanii sobas ta’u baay’ee barreessaniiru. Hanga yeroo dhiyootti falmii dhumataa akka hinargamne ni beekama. Kunis, kan ta’uu danda’e ummanni Oromoo seenaa barreeffamaa baroota dheeraa dhalootaaf lafa kaa’ame dhabuusaa yoo ta’u, sabni oromoo qaama saboota Kuush akka ta’e qorannoo gadifageenya qabu waan hingodhiiniifi hir’ina guddaa ta’uunsaa kan mul’atuudha.
Inni lammaffaan immoo ummatichi amantiiwwan gurguddoo lamaan biyyoota ollaarraa dhufaniin waan dhunfatameefi namoonni ummata kana keessaa ba’uun baratan Oromummaasaanii gatuun gara jara sanaatti waan makamaniif of ibsuurratti rakkoo uumameedha.
Inni sadaffaan gareen hordoftoota amantiiwwan lamaanii Oromoota dhuunfachuu qofa otoo hinta’iin deeggarsa ummatichaa argachuuf Oromoota isaanitti makaman maaluummaasaanii balleessuufi aadaa ofii akka dagatan of wallaalchisuufi hojii hundeedhaa buqqisuu hojjachuusaaniiti.
Kanaaf dhabiinsi seenaa barreeffama kun hojii qorattoonni seenaafi ragaa qabatamaa dhabuusaani malee namoonni seenaa Oromoorratti hojjatan seenaa dogoggora akka hojii qo’annoo dhugaatti fudhachuun seenessuu akka eegalan ta’eera.
Kanarraa ka’uun barreessitoonni dursanii qorannoo seenaa kana eegalan madda Oromoo Itoophiyaadha alatti waan eeraniifi namoonni baay’een maddi saba Oromoo eessa? gaaffi jedhuuf deebii argachuuf daran rakkachaa turaniiru. Rakkinni akkasii kun kan mul’ate seenaa Oromoo jaarraa 16fa keessaa ummata godaantummaan biyya kana seene jechuun ragaa sobaa barreeffamerraa kan maddeedha. Kanarraa ka’uun yaadota Oromoon durumaa qabee jiraataa biyya Itoophiyaa kanaati jedhaniifi biyya alaa dhufe jedhan jidduutti falmii dheeraafi guddaan taasifamaa ture.
Hayyoota falmiirra turan kana keessa kan akka “Paulitischke (1888, 1893-96) Alaqaa Taayyee 1914, Alaqaa Atsimee, I.M.Lewis (1959,1960), H.Lewis (1966), Cerulli, (1957) Haberland I.K. (1963) Baraukamper (1980)” Gaetaachoo Hayilee, 2005, Alam Ishetee 1984fi kkf eeruun ni dandama.
Namoota Oromoon alaa dhufe jedhaniifi warra kaan jidduutti falmii yeroo dheeraaf tureedha. Yeroodha gara yerootti ragaa qorannoofi barreeffama seenaa moototaafi amantii keessatti maqaan Oromoo argamuunis gaaffii guddaa kaasaa kan tureedha.
Barreesitoonni gita bitta deeggaran isa dhiisuufi dhoksuun seenaan Oromoo akka ummata godaantuu ta’e ibsuuf yaalaa turan. Yaa ta’u malee ragaalee kanaafi isa kaaniin dhawaataan seenaan Oromoo gabbachaa dhufuun argamni haaraan kun kaka’umsa uumee namoota akka (De. Abbadie, 1897 Martial Da. Salvial, 1901) Nagaaso Gidaadaa (1984). Tasamma Ta’aa (2002) Gada Malba, 1980. Mahamad Hassan 1990)faan seenan Oromoo akka bifa, qabatamaa argatuufi barreeffamu godhaniiru.
Kana malees seenaan Oromoo hanga jaarraa 16fa jedhu hayyoota Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa 2006 Qophaa’eefi hojiin Alamayyoo Hayilee (2007) keessatti maxxansiisan seenaa Oromoo hundeensaa akka lafa qabatu taasifameera.
Ittifufa…
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013