Naannoo Somaalee balaa ongeerraa dandamachiisuuf hojjetamaa jira

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Finfinnee: Naannoo Somaalee balaa hongeerraa dandammachiisuuf hojjetamaa jiraachuu biiroon komunikeeshinii naannichaa beeksise.

Ittigaafatamaan biirichaa Obbo Abdulqaadir Rashiid ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, ongeen godinaalee naannichaa 11 jiran hunda keessatti kan mudate yoo ta’u, keessumaa godinaalee Shabalee, Daawwaafi Afdeeritti bal’inaan mul’ata.

Ongee hamaa keessumaa godina Daawwaa keessatti mudateen beeyladoonni daran dhumaa jiru. Godinicha qofa keessatti beeyladootni kuma 340tti hiiqan wayita dhuman, beeyladootni kuma 700tti hiiqan ammoo du’aafi jireenya jidduu jiraachuu eeraniiru.

Ongee naannichatti mudateen namootni miliyoona sadiifi kuma 700 deeggarsa kan barbaarbaadaniifi dheebuu hamaaf saaxilaman keessaa namoonni miliyoona tokkoofi kuma 300 gama mootummaafi mitmootummaatiin deeggarsi taasifamaafii jira. Namoonni miliyoona lamaafi kuma 400 ta’an ammoo rakkoo hamaa keessa kan jiran ta’uu himaniiru.

Ummatni naannichaa yeroo ammaa irra jireessaan sagantaa nyaata addunyaafi seeftineetiin jiraachaa jira kan jedhan Obbo Abdulqaadir, deeggarsi qaamolee garaagaraan taasifamaa jiraatus balaan sababa ongeen uumame humnaa ol ta’aa jira.

Rakkoo ongee hordofuun naannichatti mudatee jiru qolachuuf mootummaan Federaalaa dhaabbilee gargaarsa namoomaa idil addunyaa garaagaraa waliin mari’achuusaa eeranii, Komishiniin Hoggansa Hojii Sodaa Balaa Federaalaas qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin bakka ongeen mudate hunda kan daawwate ta’uufi godinaalee rakkoon ongee ittihammaateef deeggarsi margaafi meeshaalee gargaarsaa taasifamaafii jiraachuu himaniiru.

Haala kanaan dura beekamuun baatiin Bitootessaa daran ho’aa waan ta’eef tarii roobni tibbana bakkoota garaagaraatti eegale naannichatti hinroobu taanaan rakkoon uumamu kan amma jirurra hammaachuu waan danda’uuf ummatni biyya keessaafi alaa deeggarsa barbaachisu akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *