Eeyye Har’a Walqixa

Maal dubbadhee maaliin dhiisaa

Roorroofi dhiibbaa yeroo sanaa

Aniifi obboleeyyan koo baayyee midhamne

‘Dubartiin goolaa olitti’ jechama jedhuun ukkamamne

Abbaan manaa abbaa mirgaa kan fedhe raawwatee

Ani dhaggeeffattuu inni dubbataa turee

+++++++++++++++++++++

Ayi! bara sana ayi jabana sana

Qabeenya koorratti mirga murteessuu koo  mulqamee

Imimmaan koo akka galaanaa dhangala’aa turee

Har’a mirgi walqixxummaa seeraan mirkanaa’e

Imimmaan koo dhangala’aa tures haqamee

Olaantummaan abbaa warraa dhiibboo ta’ee hafe

++++++++++++++++++++++++++++++++++++++++

Kan garaa koo keessaa har’a ifatti dubbadhee

Sodaa tokko malee waltajjiirra dhabadhee

Hoggaansa haaromsaafi investara ta’eera

 ofii koo murteessee jiraachuu danda’eera

Eeyye har’a walqixa abbaa mirgaa guutuu

Eenyuyyuu kan na harka hinfudhanne

Birhaanee Asfaawu, Waajjira Dhimmoota Kominikeeshiinii Mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Fiicheerraa

Recommended For You

One Comment to “Eeyye Har’a Walqixa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *