Gaaffii ummata Oromoo walitti makamuu ODPfi ADOtiin deebii argachuu eegale

Cunqursaa seenaa, aadaa, afaaniifi eenyummaa akkasumas saamicha qabeenyaafi sarbama mirgaa barootaaf Oromoorratti raawwatamaa ture faccisuuf dhalattoonni sabichaa haala gurmaa’eenis ta’u hingurmoofneen qabsoo hadhaa’aa geggeessaniiru.

Qabsoo mirgoota Oromoo kabachiisuuf haala gurmaa’een taasifamaa ture keessatti jarmiyaaleen siyaasaa kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Oromoo Dimokraatik Paartii (ODP), Adda Dimokraatawaa Oromoo (ADO), Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO), Kallacha Walabummaa Oromoo(KWO), Adda Tokkummaa Bilisummaa Oromoo (ATBO)ti.

Akkasumas Adda Bilisummaa Oromoo Tokkoome, Adda Bilisummaa Oromoo Shanee, Adda Bilisummaa Oromoo Qaama Ce’umsaa, Paartii Walabummaa Oromoo, Paartii Biyyaalessaa Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo Abboo, Paartii Dimokraasummaa Tokkummaa Ummata Oromoo, Paartii Sirna Gadaafi Kongirasii Biyyaalessaa Oromoofaan ni eeramu.

Heddummaachuun paartiilee Oromoo gamuma kamiinuu yoo ilaalame, miidhaa qabaachuusaa ummanniifi hayyoonni siyaasaa yeroowwan adda addaatti ibsaa turaniiru. Kana furuuf ammoo jaarmiyaaleen kunneen akka tokkoomaniif gaafatamaa turaniiru.

Gaaffiin dhimma Oromoorratti wajjummaan hojjechuuf waliigaltee Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)fi Oromoo Dimokraatik Paartiin (ODPn) torban lama dura irra gahaniin ija godhachuu eegaleera.

Wayita sanattais ergaan, “Yoo Oromoon cime hundi keenya ni cimna, yoo Oromoon fayyadame hundi keenya fayyadamna. Dhuunfaa keenyaan barcuma kamiirrayyuu yoo teenye aangoo qabachuu hindandeenyu. Barcuma qabaachuufi aangoo qabachuun adda adda. Waajjira keessa taa’anii ooluufi aangoo qabaachuunis garaa gara”.

“Aangoon saba waliini, ummata wajjini, ulfinniifi kabajni dhuunfaadhaan argamu hinjiru. Deggartoonni ABOs haa ta’u deggartoonni ODP mootummaan yeroo kamuu caalaa yeroo tasgabbiifi walhubannaadhaan hojjechuun nurra jiraatu amma” jedhu pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lamma Magarsaatiin darbee ture.

Dhuguma, dhaabbileen siyaasaa maqaa Oromootiin socho’an kana booda walgaarreffachuun, waljeequun, goolii walitti uumu yoo ta’e Oromootu miidhama. Kanaaf hoggantoonnis ta’an ummanni  dhimma tasgabbiifi nageenyaarratti hubannaafi xiyyeeffannaan hojjechuu qabu.

Dhimmi hariiroo paartiilee siyaasa Oromoo walittti makamuu ODPfi ADOtiin dheengadda raawwatameen seenaan biraa galmaa’eera, gaaffiin ummanni Oromoo gama kanaan kaasaa tures deebii argachuu eegaleera.

Gaazexaan Bariisaa maxxansasaa Adoolessa 6 bara 2011 mataduree, “Fedhiin ummata Oromoo jaarmiyaalee hedduu qabaachuudhaa?” jedhuun hayyoota adda addaa dubbisuun oduu xiinxallii tokko dubbistootasaatiif dhiyeessee ture.

Wayita sanas jaarmiyaaleen siyaasaa maqaa ummata Oromootiin socho’an gaaddisa lama ykn sadii jalatti akka gurmaa’aniif ykn walmakaniif karaa Gamtaa Barattoota Oromoo yaadni ka’umsaa dhiyaatee ture.

Gamtichi tattaaffiisaa kanaan gaaffiilee, “Har’a fedhiin ummata Oromoo jaarmiyaalee siyaasaa hedduu qabaachuu moo jaarmiyaalee ciccimoo lakkoofsaan muraasa ta’an horachuudha?” jedhan deebii akka argatan gochuurratti xiyyeeffatee hojjechaa tureera.

Dargaggoo Ahmad Mohaammad Pirezidaantii Gamtaa Barattoota Oromoofi Qorataa Seenaati. Akka inni jedhetti, jaarmiyaaleen siyaasaa maqaa Oromootiin hundaa’aanii biyya keessaafi alatti socho’aa turaniifi jiran lakkoofsaan hedduudha.

Jaarmiyaan siyaasaa Oromoo dur paartii, alaabaafi gaaddisa tokko qabuun yaa hundeeffamuyyuu malee har’a adda adda bahuun bittinnaa’aneera. Kunimmoo baroota dheeraaf qabsoo Oromoo laamshessuun sagaleen ummatichaa dhaga’amuurra ciccitee akka awwaalamu taasiseera. Sababoota Oromoon akka qabsoo hadhaawaafi qaalii akka kanfalu dirqisiisan keessaa tokkoofi inni ijoon ilaafi ilaameen ummatichi duudhaafi safuusaa keessatti ittiin beekamu paartiileen maqaa ummatichaatiin socho’aniin dagatamuusaa eera.

Jijjiiramni qabsoo dura bu’ummaa ummata Oromootiin tibbana mul’ataa jiru abdachiisaa yoo ta’ellee jaarmiyaaleen siyaasaa baay’inarra akeeka wayitaawaafi tarkaanfataa qabatanii qabsicha toora qabsiisuuf ciminaan socho’an dhabamuunsaanii ammoo yaaddoo ta’uu Dargaggoo Ahmad ni dubbata.

Akka ibsasaatti, ammaan tana tooftaan qabsoo Oromoo aarsaa lubbuu baasuurraa gara beekumsaafi ga’umsa yaadaatiin mo’atanii darbuutti ce’aa jira. Jalqabbiin kun bu’uura godhatee  fuulduratti akka tarkaanfatuuf ammoo carraafi filannoon jiru jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo maqaawwan adda addaa moggaafatanii socho’aa jiran walitti fidanii paartii cimaan lama ykn sadii qofti akka jiraatan gochuudha.

Har’a fedhiin ummata Oromoo jaarmiyaalee siyaasaa maqaasaa qabatanii socho’an arguu otoo hintaane jaarmiyaalee lakkoofsaan daran muraasa ta’anii garuu ammoo fedhii, faayidaafi egeree Oromoo ykn Oromiyaa murteessuuf ga’umsaafi dandeettii olaanaa qaban ta’uu pirezidaantichi ni ibsa. Gamtaa Barattoota Oromootti Hogganaan Damee Barnootaafi Barsiisaan Yunivarsiitii Mattuu, Buzaayyoo Dagafaa gamasaaniin akka jedhetti, carraa jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo murteessuuf ummanni Oromoo maal akka barbaadu ykn ammoo wayita ammaa Oromoof maaltu akka barbaachisu sirnaan hubachuun gaariidha.

Sababiinsaas siyaasni Oromoon waggoota afurtama dura keessa tureefi har’a keessa jiru tokko waan hintaaneef, jijjiirama yeroon barbaadu wajjin walsimsiisuun dirqama waan ta’eef jedha. Kana gochuuf ammoo jaarmiyaaleen siyaasaa maqaa Oromootiin socho’aa jiran walitti dhufanii walt’insaan akka hojjetan gochuun dhimma murteessaa ta’uu eera.

Kaayyoon ummata Oromoo paartiilee asxaawwan baay’ee mirmirsan  arguu otoo hintaane paartiilee ciccimoo misooma hawaas-dinagdeefi siyaasaa, akkasumas teknolojiidhaan mul’ata Oromoo  fiixaan baasan  muraasa qabaachuudhaa jedha. Baay’achuun paartiilee siyaasaa Oromoo filannoorratti sagaleen ummata Oromoo akka bittinnaa’u waan taasisuuf  jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo tokkoomanii milkaa’ina fedhii, dheebuufi akeeka Oromootiif hojjechuun furmaata ijoodha.

Tattaaffiin paartiilee siyaasaa Oromoo maqaawwan adda addaa moggaafatanii socho’aa jiran walitti fiduun kaayyoo ummata Oromoo galmaan gahuuf shoora olaanaa waan qabuuf haaluma ODPfi ADOn eegalaniin warri kuunis ittifufuu qabu.

Bariisaa sadaasa 21/2011

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

One Comment to “Gaaffii ummata Oromoo walitti makamuu ODPfi ADOtiin deebii argachuu eegale”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *