“Dhoksaan milkaa’ina keenyaa abdii utuu hinkutatin jabaannee hojjechuu keenya” – Dargaggoo Yoonaas Geetuu

Akka ragaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Magaalaa Shaggar irraa argame mul’isutti, magaalattiitti dargaggoota waldaadhaan gurmaa’anii damee hojii gara garaa irratti hirmaachaa turan keessaa 381 gara intarpiriinaraatti (abbaa qabeenyummaatti) ce’uun waldaalee kuma... Read more »

 “Biyyoota Afrikaa magaalotasaanii midhaagsanii misoomsuu barbaadaniif fakkeenyi Finfinneedha” – Dargaggoota Afrikaa

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee misooma koriidarii marsaa lammaffaa, iddoowwan seensa magaalattii ta’aniifi bu’uuraaleen misooma reefu keessatti babal’ataa jiran kanneen akka addababa’ii Koyyee, Gooroofi Sammiit jedhamanitti hojjechuudhaan kutannoo magaalattii giddugala turizimii Afrikaa taasisuuf qabate... Read more »

 Dargaggoonni waa’ee nageenya waaressuurratti maal jedhu?

Dargaggummaan umrii murteessaa ofiifis ta’e biyya ofiif waardiyyaa dhaabachuun wabii itti ta’an yoo ta’u, keessumaa gaafa xiiqii ga’umsaan diina dura dhaabatee walabummaa biyyaa kabajuufi kabachiisuun dhaloota utubaa biyyaa ta’edha jechuun ni danda’ama.... Read more »

 “Milkaa’inaaf qarshii qofa osoo hintaane qalbiifi mul’atatu barbaachisa” -Dargaggoo Musliim Naasir, abbaa warshaa nyaata beeyiladaa

Dargaaggoo Musliim Naasir dhalatee kan guddate Godina Iluu Abbaa Booraatti yommuu ta’u, dura taa’aa Waldaa Warshaa Nyaata Beeyiladaa Musliimiifi Soofiyaa; kan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti argamuuti. Warshaan kun miseensota... Read more »

 Irreecha duudhaasaa eeganii kabajuun hiree dhaloota har’aati

Oromoon jaarraa tokkoofi walakkaa oliif lafasaa qofa osoo hintaane aadaa, afaaniifi eenyummaasaa dhabeera. Sabni guddaan safuu uumaafi uumamaa beekee jaalalaafi kabajaan jiraatu kun xiqqeeffamee toora dhala namaa gaditti ilaalamaa qoodniifi aadaansaa balaalefatamaa... Read more »

“Isa baranneen otoo hintaane mul’ata nukeessa buleen omisha borsaafi kopheetiin dinagdeen of jijjiiraa jirra”- Dargaggoota Adaamaa

Dargaggootaa goondaa ta’aa jedheen eegala. Dhugaadha goondaan uumama xiqqoo garuummoo qorqalbiin cimtuu taatedha. Maaliif jechuu dandeessu, dhufaatii gannaa beektee bona midhaan guurtee mankuusa lafajalatti qotame keessa tuullatti. Ganni dukkanaa’ee yoo dhufu roobaaf... Read more »

 Feestivaala Goobeefi Shinooyyee: Sirna aadaan bade akka deebi’u taasisaa jiru

Goobeen, ayyaana dhiirotaati. Ayyaana dargaggoonni dhiiraa gammachuu, abdiifi hawwii gaariin ifa Birraa ittiin simatanidha. Quufa Birraa, gammachuu bari’uu lafaati. Abdiifi haamilee magariisa waliin dargaggootaaf biqilee ifa habaaboo godhatuudha. Kan fedhe ilaallatee fuudhuuf... Read more »

 “Sadarkaan Ayyaanni Goobeefi Shinooyyee irra jiru daran abdii kan namatti horuudha” – Biruuk Girmaa

Ayyaanni Goobeefi Shinooyyee barana Magaalota Finfinnee, Shaggar, Bishooftuufi Adaamaatti bifa qindaa’eefi adda ta’een kaleessa, Qaammee 1 bara 2016 irraa kaasee hanga Fulbaana 13 bara 2017tti kabajama. Baniisi ayyaanichaa kaleessa Finfinnee, Giddugala Aadaa... Read more »

 “Bakka gataa kosii fuduraan misoomsuun ji’aan hanga qarshii kuma16 argachaan jira” – Dargaggoo Doolaar Hadii

Dargaggoonni keenya hojii barbaacha keessaa bahanii aadaa hojii uummachuu akka gabbifatan mootummaadhaan gorfamanis kanneen dhagahanii seeraan hojiirra oolchan badhaadhinatti akkuma ce’an warreen didanii akkasumaan yeroosaanii barbaacha hojiin gubaa jiran ammoo ammallee eeggattummaa... Read more »

 “Waan fedhiin hojii isin keessa jiruuf malee leenjiin ji’a afurii akkasitti isin jijjiiruu hindanda’u”  – Kantiibaa Adaanach Abeebee

Wiirtuun Haaromsaafi Gabbisa Ogummaa Dubartootaa ‘Yanagawaa” yaada kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee maddisiisaniin ijaarame. Wiirtuun Finfinnee, Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti ijaarame Bitootessa 5 bara 2016 bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad,... Read more »