“Qormaanni kennamu miira itti gaafatamummaan hogganamuu qaba” -Obbo Maammoo Boggaalaa

Qormaanni naannoo kutaa saddeettaffaafi biyyaaleessaa  kutaa 10fi 12 dhuma ji’a Caamsaafi jalqaba Waxabajjiitti akka kennamu sagantaan ba’ee ni mul’isa.. Haaluma kanaan qorumsi  biyyaalessaa  kutaa 10fa Waxabajjii 3-5, kan seensa yunvarsiitii (kutaa 12fa)... Read more »

Addunyaan kan warra dubbisaniiti

Namni uumama kan kaleessaa irraa baratu, har’a irra taa’ee ammoo boriif yaaduufi karoorfatuudha. Namni yeroo qaroominni hinbabal’annettiyyuu gogaa duugee halluudhaan seenaa kaleessaa barreessee dhalootaaf dabarsaa tureera. Dubbisuufi barreessuun dhala namaaf daran murteessaadha.... Read more »

Hayyicha seenaafi siyaasaa, Doktar Nagaasoo Gidaadaa bara 1933 – 2011tti

Pirezidaantiin duraanii Mootummaa Rippabilikii Federaalawaa Dimokraatawaa Itoophiyaa (RFDI), Doktar Nagaasoo Gidaadaa Qaam’ee 3 bara 1935tti abbaasaanii Luba Gidaadaa Soolaniifi haadhasaanii Aadde Dhinsee Shooliirraa Naannoo Oromiyaa, Godina Qeellam Wallaggaa, Magaalaa Dambi Doollootti dhalatan.... Read more »

Tattaaffii buqqaatota qe’eetti deebisuu: Gujiifi Geedi’ootti

Biyya keenyatti shira yeroowwan adda addaatti xaxameen ummanni miliyoona sadii caalu qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’ee rakkoo afaaniin ibsamuu hindandeenyeef saaxilameera. Itoophiyaa, biyya lammiishii mitii kan biraatiifuu ta’uun hawaasa addunyaa biratti beekamtu, ummata aadaawwaniifi... Read more »

“Nuti ulfina maatiifi firoota keenyaaf hinqabne saboota biroof qabna”-Jiraattota Magaalaa Naqamtee

Qaamoleen tokko tokko ergamaafi faayidaa siyaasa dhuunfaasaaniitiif jecha fageenyarra taa’anii, “Ummanni Wallaggaa nama hinjaalatu, saboota biroofis ulfina hinqabu” jechuun wayita walharkaa fuudhanii hadheessan nidhagahamu. Dhuguma Oromoon Wallaggaa saboota biroo akka ofiisaatti hinjaalatuu?... Read more »

Dhaabbata Siinqee Oromoo: Dhaaba ititaa Oromummaarratti hundaa’e

Siinqeen ulee qal’oo, sorooroo muka harooressaarraa muranii tolchan, dubartiin heerumte qabattuun ibsama. Mukti harooressaa qaqal’aafi sorooroo wanta qabuufi kan laayyootti hincabne, waan ta’eef filatama. Siinqeen hojjaa (dheerina) dubartii qabattu akka gitutti muru.... Read more »

Koloneel Rijaaluu Marabbaa: Umuriidhaan jaarsa, qaamaan ga’eessa

Koloneel Rijaaluun bara 1903 abbaasaanii Obbo Marabbaa Diimaafi haadhasaanii Aadde Jimmittii Abbaa Qoyyaas Abbaa Kimbilaarraa Godina Jimmaa, Aanaa Gumaayitti kan dhalatan yoo ta’u, amma maanguddoo waggaa 108ti. Koloneel Rijaaluun Gaafdeebii tibbana Jimmatti... Read more »

Akeekni qormaata gahumsa ogummaa barsiisotaa maali?

Paakeejiiwwan qulqullina barnootaa qabatamaan mirkaneessuun hawaasa teknolojiidhaan qaroome omishuun biyya hiyyummaa keessaa baasuuf kan gargaarudha. Sosochii kana Itoophiyaa keessatti cimsuuf dameen barnootaa qormaata kenniinsa heeyyama ogummaa barsiisummaa kennuun eegalameera. Nuyis dhimma kana... Read more »

Hospitaala ammayyaa godinaalee Oromiyaa Lixaaf tajaajila kennu

Dhaabbileen fayyaa tajaajila ga’aafi qulqullina qabu lammiileefi biyyaattii hundaan ga’uuf gumaacha olaanaa qabu. Keessumaa meeshaalee qorannoo fayyaa guutuu ta’eefi teknolojiiwwan ammayyaatti gargaaramuun fayyummaa hawaasaa mirkaneessuu keessatti bakka olaanaa qabu. Haaluma kanaan Itoophiyaatti... Read more »

Ubuntu: Haadha harka qal’eeyyii hedduu

Akka qo’annoowwan adda addaa mul’isanitti ummata Itoophiyaa miiliyoona 100 oliitti shallagamu keessaa harki caalu harka qaleeyyiidha. Namoonni harka qaleeyyiin hedduunsaaniis gargaarsa hawaasaatiin jireenyasaanii gaggeessaa akka jiraniidha kan mirkaneessu. Rakkoolee harka qal’eeyyii kanneenii... Read more »