Guyyaa sabootaafi sablammootaa 13fa godinaaleetti

Finfinnee: Guyyaa sabootaafi sabalammootaa 13fa bor kabajamaa jiruuf gareewwan agarsiisa aadaa godinaalee Oromiyaas guyyicha hawwiidhaan eegaa akka jiru. Aadde Zabiibaa Burushaa Godina Jimmaatti Ittaantuu Afyaa’ii Mana Maree Aanaa Qarsaati. Waltajjii marii nageenyaa... Read more »

Garee aadaa Oromiyaafi ayyaana sabootaa

Adaamaa: Gareen aadaa Oromiyaa godinaalee aadaa 10tti qoodamuun guyyaa sabootaa boru kanajamuuf qophii gahaa gochuusaa ibse. Qindeessaan Koreen Agarsiisa Aadaa Oromiyaa, Obbo Diimaa Abarraa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti,... Read more »

Nageenya Oromiyaa waloon eegsisuun hojii dursuu qabuudha

Finfinnee: Nageenyi Oromiyaa boora’uun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu biyyattii ta’uu hubachuun jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo kaleessa Giddugala Aadaa Oromootti bal’inaan mari’ataniiru. Pirofesar Hizqeel Gabbisaa, “Ce’umsa gara dimokraasiitti taasifamaa jiru keessatti gufuuwwan mudachaa jiraniifi... Read more »

Nageenya mirkaneessuurratti ummanni mootummaa cinaa hiriiruu qaba

Finfinnee: Buqqa’uufi ajjeefamuu lammiilee Oromoo Naannoo Beenishaangul Gumuz jiraatan balaaleffachuun torban kana kutaalee Oromiyaa tokko tokko hiriirri ba’ameera. Kaayyoon hiriirichaas namoota yakka kana raawwatanirratti mootummaan tarkaanfii hatattamaa akka fudhatu gaafachuufi. Hiriironni adeemsifaman... Read more »

“Tokkummaa Itoophiyaa Heddumminaan Miidhage”

Finfinnee: Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 13n boru mataduree “Tokkummaa biyyaalessaa heddumminaan miidhage” jedhuun qophiilee adda addaatiin Finfinneetti kabajama. Guyyicha ilaalchisuun Manni Marii Federeeshiniifi Caffeen Oromiyaa ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, ayyaanicha... Read more »

Sharafni alergii bunaa akkaataa karoorfameen milkaa’aa hinjiru jedhame

Finfinnee: Sharafni alergii bunarraa argamu akkaataa karoorfameen milkaa’aa akka hinjirre Waldaan Alergii Buna Itoophiyaa ibse. Pirezidaantiin waldichaa Obbo Huseen Agraawu kaleessa qaamota dhimmisaa ilaallatu waliin marii magaalaa Finfinnee adeemsifamerratti akka ibsanitti, sharafni... Read more »

Barsiisota buqqa’aniif xiyyeeffannoon kennamaa hinjiru

Finfinnee: Sababa walitti bu’iinsaan barsiisotni naannoo Somaalee, Beenishaangul Gumuziifi Ummattoota Kibbaarraa buqqa’uun isaanii yeroo addaddaa ibsamaa tureera. Pirezidaantiin Waldaa Barsiisota Itoophiyaa, Obbo Yohaannis Bantii ibsa addatti Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaaf torbee darbe... Read more »

Jijjiramoota siyaasaa argaman ceesisuuf  sochii paartiilee morkattootaa

Finfinnee: Ji’oota saglan darban keessatti jijjiiramootni siyaasaa galmaa’an kan hedduu abdii namatti horaniidha. Mootummaan sirna ijaarsa dimokraasii bu’uura hinsochoonerra dhaabuuf haala adda ta’een tattaaffii walirraa hincitne gochuurratti argama. Kana itti fufsiisuuf gaheen... Read more »

Pirojektonni jallisii haaraan 29n hojjetamaa jiru

Finfinne: Bara bajataa eegalametti Oromiyaatti pirojektota jallisii haaraa 29 qarshii miliyoona 700 ta’uun hojjetamaa jiraachuu  Abbaan Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa beeksiseera. Godina Baalee, Aanaa Dalloo Mannaafi Godina Gujii Lixaa dabalatee pirojektotni jallisii... Read more »

Rakkoo nageenya  Oromiyaa lixaarratti qaamolee dhimmi ilaallatu wajjin mari’atame

Finfinnee: Gareen jila Xiinxalaa Siyaasaafi Daarektara OMN Obbo Jawaar Mahaammadiifi Hogganaa Ittaanaa, Kongirasii Federaalistii Oromoo, Obbo Baqqalaa Garbaatiin durfame rakkoo nageenyaafi tasgabbii dhiyeenya Oromiyaa Lixaa mudate sababeeffachuun garasitti imaluunsaa ni yaadatama. Dhimmicha... Read more »