Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa qonnaan bultootaaf tajaajila liqii dhiyeessaa jiraachuu ibse

– Baankichi yaa’iisaa idilee 20ffaa har’a gaggeessa Finfinnee: Guyyaan Waldaalee Hojii Gamtaa 6ffaan kaleessa sirnoota adda addaatiin Adaamaatti bakka komishinarri Komishanii Waldaa Hojii Gamtaa RFDI Obbo Shifarraa Shugguxee dabalee keessummoonni adda addaa... Read more »

 Biirichi afaan Oromoo afaan saayinsiifi teknolojii taasisuuf moosaajii misoomsaa jira

Finfinnee: Afaan Oromoo afaan saayinsiifi teknolojii taasisuuf moosaajii Afaan Oromoo gara Amaariffaafi Ingiliffaatti hiiku misoomsaa jiraachuu Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa beeksise. Mosaajichi guddina afaanichaa mirkaneessuu cinatti walittidhufeenya sabootaa, sabalammootaafi ummattootaa cimsuu keessattis... Read more »

 “Abbaa biyyummaa Finfinnee deebisuun madaa dhinsuudha ardii biraa gochuuf yaaluun madaa bal’isuudha” – Obbo Ibsaa Nagawoo

Adaamaa: Finfinneen qe’ee Oromoo Tuulamaa, magaalaa lafee ilmaan Oromoorra dhaabatte Oromootti abidda faanaa taatee qe’eefi qabeenyasaarraa buqqisuun Oromummaa erga dhiistee bubbulteetti. Sirnoonni darban marti waan afaan qawweetiin biyya bulchaa turaniif gaaffiin abbaa... Read more »

 Oromiyaatti barana baadiyyaatti barsiisota 8843f manni jireenyaa ijaarame

– Magaalotatti barsiisotni 3253 lafa mana jireenyaa argatan Finfinnee: Baadiyyaa Oromiyaatti bara bajataa 2017 hirmaannaa ummataatiin barsiisota 8843f manni jireenyaa ijaaramee yoo kennamu magaalotatti barsiisonni 3253 lafa mana jireenyaa argachuusaanii Biiroon Barnoota... Read more »

“Haalli nageenyaa Shawaa Bahaa kan duraaniirra fooyya’aa jira” -Obbo Abbaabbuu Waaqoo

Adaamaa/Ciroo: Haalli nageenya Godina Shawaa Bahaa kanaan dura ture ummatarratti miidhaa qaqqabsiiseera. Ummannis miidhaa sababa rakkoo nageenyaatiin irra gahaa ture bahee ibsachuun humnoota seeraan ala hidhatanii socho’aniif waamicha nagaa taasisisuu bulchaan godinichaa... Read more »

Biirichi gabaa ayyaanota Qilleefi Cuuphaaf qophii taasisuu ibse

Beeyiladni qalmaa kuma 500 oliifi zayitii liitirri miliyoona 10 ol nidhiyaata Finfinnee: Ayyaanota Qilleefi Cuuphaa bara 2017tti hanqina galteewwaniin walqabatee qaala’iinsi gatii akka hinumamneef qophii gabaa taasisuu Biiroon Daldala Oromiyaa beeksise. Hogganaa... Read more »

“Tumaa Gamtaan Abbootii Gadaa labse eessattuu hindabu, hincabus” -Abbaa Gadaa Warqinaa Tarreessaa

Bishooftuu: Barmaatilee daa’immaniifi dubartootarratti miidhaa geessisan qolachuufi balaaleffachuuf Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa hojiilee hedduu hojjetaa jira. Keessumaa seektarootaafi dhimmamtoota addaddaa waliin ta’uun dhimmicharratti hojjetaa jira. Dhimmi kun xiyyeeffannaa akka argatuuf sosochii... Read more »

Waliigaltee araaraa mallatteeffame hojiitti hiikuuf mootummaan kutannoo qaba

Finfinnee: Waliigaltee araaraa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin mallattaa’e hojiitti hiikuuf mootummaan Naannoo Oromiyaa kutannoo kan qabu ta’uu Biiroon Kominikeeshinii Naannichaa beeksise. Hogganaan biirichaa Obbo Hayiluu Addunyaa haasaa kaleessa marii Gumii Balal... Read more »

 “Nageenyi hundaaf, hundi nageenyaaf’ – Jiraattota Naannoo Amaaraa

Finfinnee: Roobii darbe, Mudde 9 bara 2017 hiriirri balaaleeffannaa gochaa finxaaleyyiifi deeggarsa mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjechaa jiru guutummaa naannichaatti adeemsifameera. Akkuma kanaan dura ummanni Oromiyaa ejjennoo mootummaan nageenya waaressuuf qabate deeggaruufi... Read more »

 “Laga Gannaalee cinaa teenyee dheebuu bishaanif saaxilamne” – Jiraattota Nageellee Booranaa

Finfinnee: Godina Boorana Bahaatti, jiraattonni Magaalaa Nageellee Booranaa rakkoo bishaan dhugaatii hamaaf saaxilamuu ibsan. Jiraattotni kunneen yaada torbee darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, rakkoon bishaan dhugaatii magaalicha mudachaa jiru rakkoo baroota... Read more »