“Marichi dubartootaafi biyyaaf riqicha gara furmaata waaraatti ceessisuudha” – Hirmaattota Marii Biyyaalessaa

Dirree Dhawaa: Mariin biyyaalessaa waliigaltee biyyaalessaa fiduudhaan dubartootaafi biyyaaf riqicha gara furmaata waaraatti ceesisuudha jechuun dubartootni marii biyyaalessaa naannoo Harariifi Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa irratti hirmaatan ibsan. Naannoo Harariifi Bulchiisa Magaalaa Dirree... Read more »

 Konkolaachistootni omisha fe’an iddoo tokko qofatti kaffaltii raawwatu

Finfinnee: Konkolaachistootni omisha fe’anii iddoo tokkoo gara biraa geessan bakka omishicha fe’anitti qofa kaffaluu kan qaban ta’uu Biiroon Galiiwwan Oromiyaa beeksise. Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Lammeessaa Ayyalaa ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaatiif... Read more »

 “Hojiin yeroo ammaa qonnarratti hojjatamaa jiru biyyattii gara sadarkaa ittaanuutti kan ceesisuudha” – Obbo Shimallis Abdiisaa

Jilli Pirezdaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu, Bishaan Gurraachaa hanga Kofaleetti, Kofalee hanga Hasaasaatti hojiiwwan misooma qonnaa hedduu dheengadda daawwateera. Obbo Shimallis Abdiisaa haasaa daawwannicharratti taasisaniiin akka jedhanitti, godinichi jijjiirama akka... Read more »

 Zoonii dinagdee addaa Addis Tumooroo Finfinneetti

Finfinnee: Ijaarsi zoonii dinagdee addaa Addis Tumooroo bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad argamanitti Roobii darbe jalqabame. Zoonichi tumsa kaampaanii Chaayinaa ‘CCCC’n Finfineetti lafa heektaara 35 irratti kan ijaaramu yoo ta’u, mooliiwwan... Read more »

 Hagayya 17/2016 guyyaa tokkotti biqiluuwwan miliyoona 600tu dhaabama

Finfinnee: “Hagayya 17/2016 guyyaa tokkotti biqiluuwwan miliyoona 600 dhaabuudhaan ashaaraa keenya haa keewwannu. Guutummaa Itoophiyaatti qalbii tokkoon ashaaraa keenya haa keewwannu. Yoo tokko taane kana caalaayyuu ni dandeenya! Gaheessonni biqiltuuwwan 20 ol,... Read more »

 Goobeefi Shinooyyee Oromiyaa guutuutti kabajuuf hojjetamaa jira

– Ayyaanonni kunniin Hagayya 13 irraa eegalee kabajamu Finfinnee: Ayyaanota Goobeefi Shinooyyee kanaan dura naannawa murtaa’e qofatti kabajamaa turan Oromiyaa guutuutti babal’isuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuun Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa ibse. Biirichatti ogeessi... Read more »

 Boorana: Godina misooma inisheetiiviiwwaniitiin daandii abdachiisaarra imalaa jiru

Finfinnee: Horsiise bultoota Booranaa hongeen loon jalaa fixee abdii kutataa turetu haala kanaan dura hinbaramneen omisha qamadiitiin abdii jiruusaanii deebisanii gabbifachaa jiru. Lafa gogaafi hongeen irra deddeebiidhaan mudachuurraa kan ka’e akka lafa... Read more »

 Aadaan marii laafuun Oromoo gatii kaffalchiisaa jira

Finfinnee: “Dubbii mariin fixu aalbeen walfixu” makmaaksi jedhamu aadaa Oromoo miti, hinturres. Oromoon saba mariitti amanu, waldhaga’uufi sirna Gadaatiin walseerratuudha. Taateen waggoota shanii as sababa waldhaga’uufi waltuffachuun Oromiyaafi Oromoo gidduutti mudate gaaga’ama... Read more »

 “Misoomni koriidarii guddina turiizimii magaalotaa haalaan saffisiisa” – Aadde Lalisee Dhugaa

Finfinnee: Misoomni Koriidarii guddina turiizimii magaalotaa saffisiisuu keessatti shoora olaanaa waan qabuuf magaalota hunda keessatti babal’isuun barbaachisaa ta’uu Komishinarri Komishinii Turiizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaa ibsan. Aadde Laliseen ibsa torbee darbe Gaazexaa... Read more »

Qulqullina Barnootaaf shoora sosochii “Barnootni Dhalootaaf” jedhamuu

Finfinnee: Akka ragaan Ministeera Barnootaa agarsiisutti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaafi sadarkaa giddugaleessa Itoophiyaa keessaa harki 86 hanqinoota bu’uuraalee misoomaa qabu. Akkasumas manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa harki 71 hanqina bu’uuraalee misoomaa qabu. Hanqina... Read more »