Itiyoo Telekoom tajaajila ‘Telebirri’ mobaayilii fayyadamuun qarshii daddabarsuuf gargaaru hojiirra oolche

Finfinnee: Yeroo gara yerootti tajaajilasaa fooyyessaafi ammayyeessaa kan jiru Itiyoo Telekoom teknolojii ‘Telebirri’ jedhamuu kan mobaayilii fayyadamuudhaan qarshii daddabarsuufi bittaafi gurgurtaa raawwachuuf gargaaru Kibxata darbe Paarkii ‘Firendshiippiitti’ jalqabsiiseera. Raawwachiiftuun Hojii Itiyoo Telekoom... Read more »

“Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa faayidaalee guguddoo shan qaba” – Doktar Guutuu Teessoo

Finfinnee: Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa  xumursiisuun faayidaalee guguddoo akaakuuwwan shan kan qabu ta’uu dubbatu hayyuun dinagdee Doktar Guutuu Teessoo. Ijaarsa pirojektii hidha haaromsaa guddicha xumursiisuun faayidaalee guguddoo shan qaba kan jedhan... Read more »

Imala, badhaadhinaa, eegalame millkeessuuf abbootiin indastirii murteessitoota jedhame

 Finfinnee: Imala badhaadhinaa eegalame milkeessuuf hidhatni abbootii qabeenyaafi mootummaa murteessitoota ta’uu Hogganaan Biiroo Indastirii Magaalaa Finfinnee beeksisan. Hoggantichi Obbo Efreem Gizaawu barreeffama hudhaalee damee indastirii jedhurratti qopheessaniin haaromsaan dura hariiroon abbootii qabeenyaafi... Read more »

Warshaan Keenyaa tiraaktaroota 950 qonnaan bultootaaf dabarse

 Finfinnee: Magaalaa Shaashamanneetti kan argamu Warshaan Meeshaalee Qonnaa Ammayyaa Keenyaa kaleessa tiraaktaroota 950 qonnaan bultootaaf dabarse. Sirni walharkaa fuudhiinsaas qonnaan bultoota, dargaggoota waldaan gurmaa’aniifi dhaabbata Keenyaa gidduutti taasifameera. Sirnicharratti Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo... Read more »

Ayyaanni Fiichee Caambalaalaa kabajamaa jira

– Sababa weerara koronaatiin addababa’irratti hinkabajamu  Finfinnee: Ayyaanni bara haaraa Siidaamaa Fiichee Cambaalaalaa kaleessarraa eegalee kabajamaa jira. Ayyaanni baranaa sababa weerara Koviid-19n addababa’irratti akka hinkabajamne Pirezdaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo ibsa... Read more »

Hanga Kibxata darbeetti filattoonni miiliyoona 28 galmaa’an

Finfinnee: Hanga Kibxata darbeetti filattoonni miiliyoona 28fi kuma 731fi 935 filachuuf kaardii fudhachuusaanii Boordiin Filannoo Biyyooleessaa Itoophiyaa beeksise. Galmeessi filattootaas hanga Caamsaa 6 bara 2013tti dheerateera. Galmeessin filattootaa buufataalee filannoo kuma 41fi... Read more »

Imala waggoota 59 qamadii alaa galchuu dhaabuuf

 Finfinnee: Itoophiyaan biyya qabeenya uumaamaan badhate ta’uun ishee ni himamaaf. Ta’uus midhaan nyaataatiin of danda’u dadhabdee omishoota hedduu alaa galchuuf diqamteetti. Kanaanis waggaatti yoo xiqqaate dolaara biliyoona sadii akka baaftuudha ragaaleen kan... Read more »

“Misir hanga ilaalchashii hinjijjiirretti gara waliigalteetti dhufuu hindandeessu” – Ambaasaaddar Diinaa Muftii

 Finfinnee: Mariin Balal marsaa 4fa mataduree “Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaafi Kabaja Biyyaalessaa” jedhuun dheengadda Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti geggeeffameera. Maricharratti yaadni ka’umsa marii Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin kan... Read more »

Shororkeessummaan moggaasuu ABUTfi Shanee tarkaanfii yeroosaa eeggate

Finfinnee: Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaa’ii idilee 13fa dheengadda taa’een garee ABUTfi Shanee shoroorkessummaan akka moggaafamaniif yaada murtoo Mana Marii Ministirootaatiin dhiyaate sagalee guutuudhaan dheengadda raggaasisuunsaa ni yaadatama. Lubbuun darbuu lammiilee,... Read more »

Baadiyyaa Oromiyaa wiirtuu misoomaa gochuuf hojjetamaa jira

Finfinnee:  Mariin Gumii Balal marsaa sadaffaa Waajjira Pirezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin geggeffamuufi dhimma dinagdee naannichaafi biyyaa guddisuurratti xiyyeeffate dheengadda waajjira pirezidaantiitti geggeeffameera. Hayyoonni dinagdee yunivarsitiiwwan Finfinnee, Kotobe Metiropolotiyaaniifi Yunivarrsitii Naannoo Oromiyaarraa... Read more »