Bitooteessa 24fi imala aadaafi aartii Oromoo

Babal’inni giddugaloota aadaafi aartii sadarkaa godinaaleefi magaalota garaa garaa keessatti bifa hinbaramneen kan itti ijaaraman, gaaddisni ragaa sobaatiin haqa dabarsee hinkennine manni murtii aadaa kan itti deebi’ee hojiirra ooleefi guutuu Oromiyaatti walgahe,... Read more »

“Doolaara caalaa hawaasan keessaa bahe ogummaa kootiin tajaajiluun waan na gammachiisuufan fuula koo as deebise”- Injiinar Miiliyoon Baqqalaa

Dachee Oromiyaa, godinni Shawaa Kaabaa gootota akka Abbichuu, Jeneraal Taaddasaa Birruufi Agarii  Tulluufaan ala haadha hayyoota hedduu biqilchuun beekamtuudha yoo jenne arbeessuu hin ta’u. Jechi Jeneraal Taaddasaa Birruu ‘‘lammiin hinbaranne mirgasaaf hinfalmatu’’... Read more »

Fiichee Cambalaalaa: Ayyaana duudhaalee adda addaatiin badhaadhe

Sabaafi sablammiileen Itoophiyaa marti aadaa, duudhaa, afaaniifi eenyummaa mataasaanii kan qaban yoo ta’u, wallaalummaafi dhiibbaa sirnootaarraa kan ka’e gadi bahee akka hinmul’anne waan taasifameef yeroo dheeraaf galiin barbaadamus qaroominni ummatichaas gadi bahee... Read more »

“Namaaf osoo hintaane ofii jiraachuuf jecha nagaa kabajuufi kabachiisuu qabna” Sheeh Hajii Ibraahim Tufaa

Ayyaanni Id Alfaxirii kan bara 1446ffaa hordoftoota amantii Islaamaa biratti bor ykn iftaan kabajama. Nutis ayyaana kana sababeeffachuun Pirezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheeh Hajii Ibraahim Tufaa keessummaa keenya taasifanneerra;... Read more »

“Yunivarsitiin Bulee Horaa qorichoota aadaarratti bifa addaatiin hojjechaa jirra.- Doktar Abinnat Baqqalaa

Yunivarsitiiwwan Itoophiyaa keessa jiran keessaa barnoota Sirna Gadaatiin digrii tokkoffaa hanga sadaffaatti barsiisuu kan jalqabe Yunivarsitii Bulee Horaati. Yunivarsitiin kun bara 2012 Inistiitiyuutii Gadaafi Beekumsa Aadaa (Inistitute of Gada and Indigenous knowledge)... Read more »

“Magaalaan Gindhiir rakkoo bu’uuraalee misoomaarraa kan ka’e guddina umuriishee giturra hinjirtu” – Obbo Mahaammad Abdulqaadir Kantiibaa Magaalattii

Magaalaan Gindhiir magaalaa guddattuu Godina Baalee Bahaa kan teessumnishee jireenyaaf hawwataa taatedha. Magaalaan kun godina omishtummaa olaanaa qabuufi haala qilleensaan mijataa ta’e keessatti argamtus rakkoo bu’uuraalee misoomaarraa kan ka’e guddina umuriishee giturra... Read more »

 “Godinichi bonaafi gannaan qamadii biyyaafuu ga’u omishaa jira”- Obbo Hirphaa Dhaabaa, Bulchaa Ittaanaa Godina Arsii “Godinichi bonaafi gannaan qamadii biyyaafuu ga’u omishaa jira”- Obbo Hirphaa Dhaabaa, Bulchaa Ittaanaa Godina Arsii

Jijjiiramaa as wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun dhimmoota ijoo keessaa isa tokkoofi xiyyeeffannoo mootummaa jijjiiramaati. Sirnoota darban keessatti biyyi seenaa dheeraa, ummata guddaafi lafa bal’aa qabdu Itoophiyaan addunyaa biratti fakkeenya beelaafi hiyyummaan eeramaa... Read more »

Rakkoo waraabbiifi qabeenya kalaqa sammuu; hudhaa ijoo damee aadaafi aartii

Qabeenyota qabatamaafi qabatama hintaane, kan socha’aniifi kan hinsochoone jedhanii qooduun kan jalqabame seera Romaanotaatiin (‘Roman law’) akka ta’eefi adeemsaan seerota hariiroo hawaasaa keessattis madaqfamaa dhufuusaanii ragaaleen ni ibsu. Qoodiinsi akkanaa seera hariiroo... Read more »

 Waliso: Magaalaa waggaa 98 lakkoofsisteefi sochiilee misoomaashii

Magaalaan Walisoo Finfinneerraa kallattii kibba lixaatti kiilo meetira 114 fagaattee argamti. Magaalaan erga hundeeffamtee waggoota 98 lakkoofsiste tun gama misoomaatiin sadarkaa umriishii giturra hinjirtu. Magaalaan jiddugaleessa biyyaafi Finfinneetti dhiyaattee argamtu tun carraa... Read more »

 Oromoo Harargeefi hariiroo meeshaalee aadaa kan billawa /gojoba/ jidduu jiru

Meeshaaleen aadaa hawaasicha keessatti argaman lakkoofsaan hedduudha. Meeshaalee aadaa faffaca’anii jiraachuurraa kan ka’eefi namoota hunda biratti akka barbaadametti yookiin hanga yaadame argachuun rakkisaa ta’us, hawaasni addunyaa kanaa kamuu meeshaalee aadaa gara garaa... Read more »