Meeshaalee daggalaan nyaatamaa jiraniif furmaanni haa kennamu

Itoophiyaan biyya otoo qabduu dhabde, maraammartoo hiyyummaa garmaleefi gadadoo hamaatiin xaxamte ta’uun hawaasa biyyattiifi addunyaa biratti beekamti. Sababuma kanaan ummannishii barootaaf jireenya gadadoo, harkaa gara afaanii  geggeessuuf dirqameera. Hunda caalaa biyya keenya... Read more »

Dhaabatuma kunuunsuu…

Biyya keenyatti hojiilee tibba gannaa kana bal’inaan xinnaa guddaadhaan, dhuunfaafi dhaabbataan xiyyeeffannaa olaanaa argatanii raawwatamaa jiran keessaa tokko waa’ee dhaabiinsa  biqiltuuti. Dhimmi kun eddii Ministirri Muummeen barana guutummaa biyyaatti biqiltuuleen biliyoonni afur... Read more »

Xiyyeeffannaan dhaabiinsaaf kenname kunuunsaafis

Biyyiifi ummanni Itoophiyaa iftaan cidha guddaa tokko qabu; cidha nyaatanii dhugan otoo hintaane cidha lafa biqiltuun irraa ciramee golgolaa’e deebisanii magariisa gochuuf biqiltuu dhaabuudha. Biqiltuun dhala namaatiif waa hunda; eddii guddatee yeroo... Read more »

Imala waggaa 1fa kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee

Magaalaan Finfinnee bulchiinsa haaromsaatiin buluu eddii eegaltee Adoolessa 10 bara 2010 irraa kaasee waggaan tokko lakkaa’ameera. Yeroon hojii bulchiinsa magaalattii xumuramus haala nageenya biyyattii keessa tureen bara darbe filannoo geggeessuun waan hindanda’amneef... Read more »

Galaa boriitiif xiyyeeffannaadhaan haa hojjetamu

Qonni bu’uura guddina dinagdee Itoophiyaati. Ummatni biyyattii %85 hojii qonnaarratti bobba’ee jireenyasaa geggeeffata. Omishni qonna biyyattii roobarratti kan hirkate waan ta’eef omisha qonna gannaatiif xiyyeeffannaa olaanaa kennuun barbaachisaadha. Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf... Read more »

Finfinnee ormi itti roorrisu mootummaan obsus; qeerroon hincallisu

Biyya tanaaf  gabrummaa caalaa bilisummaatu ulfaata. Ummanni jaarraa hedduu gabrummaa baatee jiraachuun itti hinulfaanne, waggaa tokkittii qilleensi bilisummaa itti  bubbisuu eegale kana baachuu dadhabee yemmuu waliin gatantaru arguu caalaa wanti nama ajaa’ibu... Read more »

Hayyoonni jijjiiramicha gochaan haa utuban

Oromoon namni nama sadiif tola oole bu’aa guddaa argata; namni nama sadiif tola hinoolle ammoo faallaa saniiti jedha. Sadan tola oolan bu’aa guddaa argatan 1fa gamnaaf dubbiin yoo tumsite, 2fa gootaaf onneedhaan... Read more »

Seerri tiraafikaa ‘mirindaa’fi ‘ispiraayitii’n cabuun haa dhaabbatu

Yommuun kolleejjii baradhu, guyyaa tokko gara mana barumsaa deemuuf manaa ba’ee taaksii utuun eeggadhuu daa’imni waggaa saddeet hincaalle korojoo dugdatti baattu tokko fiigdee karaa qaxxaamuru yaadi. Aniifi namoonni muraasni naannawaa sana turre... Read more »

Tarkaanfii beekumsarratti hundaa’etti haa seenamu

Ummanni Itoophiyaa ummata olaantummaa seeraatti cimsee amanuufi duudhaasaa ittiin beekamuudha. Baroota bilisummaafi haqni cabeera jedhee amanettis duudhaadhumasaa kana eegee ummata irree tokkoon qabsaa’eedha. Fakkeenyaaf  Oromoo  biratti ‘adaraa seeraa’ yoo jedhame gochi hamaan... Read more »

Namni biyya eegu nama isa eeguun wareegame; WARRA HAFEEF MAAL DHAAME?

Qillensi torbee kanaa bitaa malee mirga bubbisuun akka gaaraatti waan itti ulfaate fakkaata. Oduu ijoon torbee kanaas waan gaarii liqimsee isa gadhee hafarsee ummata biyyattii mogolee buusee qalbii cabse. Waggoottan shanan darbanitti... Read more »