Qooda keenya bahataa haa ceenu

Dhahaa ykn kaalaandarii biyyi keenya hordoftuun bara 2011 guyyoota 362 dura simanneen moofaadha jennee geggeessuun bara 2012 akka haaraatti simachuuf guyyoota afur qofatu nu hafa. Akkuma ispoortessaan utaalchoo fegeessee utaaluuf duubatti deebi’ee... Read more »

Gara jaalala dhugaatti ce’uuf Qaam’ee akka riqichaatti

Yunivarsiitii tokko keessatti barsiistuun muummee xiinsammuu barattoota isheetiif hojmanee kennuu barbaaddee hundisaanii dinnicha qabatanii akka dhufan ajajje. Dinnichicharratti  maqaa namoota jibbanii barreessanii akka dhufan itti himte. Baay’inni dinnichaa fidanii dhufanii baay’ina namoota... Read more »

Shira qaala’ina gatiirratti mul’atuuf furmaata

“Faddaaltotatu faddaalaa wajjin walnuqunnamsiisa. Faddaalaatu qullubbii diimaa sadarkaa 1fa qarshii 21n, timaatimii qarshii saddeet (gatii oyiruurratti murameen) nu harkaa fuudha. Otuu faddaalaan jidduu hinseeniin kallattummaan fayyadamaa ta’uuf Finfinneetti dhiyeessuu yaallee hinmilkoofne”. “Faddaalaan... Read more »

Ayyaanota dinagdeefi hariiroof!

Kanneen indastirummaasaa mi’eeffatan hundi turizimii industirii aara hinqabne jedhanii waamu. Dhugaadhumatti kanneen turizimiin dinagdee, dinadgeen turizimiisaanii ta’eef akkana jedhanii yoo waaman nama hindinqu. Akka ragaaleen ibsanitti, biyyoota Kaaribiyaan,  Paasifikii Kibbaafi biyyoota odoola... Read more »

Ummatoota lamaan dinagdeedhaan walitti hidhuu

Ummatni Oromoofi Somaalee durirraa kaasee akka ummata tokkootti nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa turan, jiraachaas jiru. Gammachuufi gadda qaban walumaan qooddachaa jiraatu. Waggoota muraasa darban asitti garuu shira hattootaafi kontirobaandistootaatiin hariiroon  ummattoota obbolaa,... Read more »

Meeshaalee daggalaan nyaatamaa jiraniif furmaanni haa kennamu

Itoophiyaan biyya otoo qabduu dhabde, maraammartoo hiyyummaa garmaleefi gadadoo hamaatiin xaxamte ta’uun hawaasa biyyattiifi addunyaa biratti beekamti. Sababuma kanaan ummannishii barootaaf jireenya gadadoo, harkaa gara afaanii  geggeessuuf dirqameera. Hunda caalaa biyya keenya... Read more »

Xiyyeeffannaan dhaabiinsaaf kenname kunuunsaafis

Biyyiifi ummanni Itoophiyaa iftaan cidha guddaa tokko qabu; cidha nyaatanii dhugan otoo hintaane cidha lafa biqiltuun irraa ciramee golgolaa’e deebisanii magariisa gochuuf biqiltuu dhaabuudha. Biqiltuun dhala namaatiif waa hunda; eddii guddatee yeroo... Read more »

Galaa boriitiif xiyyeeffannaadhaan haa hojjetamu

Qonni bu’uura guddina dinagdee Itoophiyaati. Ummatni biyyattii %85 hojii qonnaarratti bobba’ee jireenyasaa geggeeffata. Omishni qonna biyyattii roobarratti kan hirkate waan ta’eef omisha qonna gannaatiif xiyyeeffannaa olaanaa kennuun barbaachisaadha. Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf... Read more »

Hayyoonni jijjiiramicha gochaan haa utuban

Oromoon namni nama sadiif tola oole bu’aa guddaa argata; namni nama sadiif tola hinoolle ammoo faallaa saniiti jedha. Sadan tola oolan bu’aa guddaa argatan 1fa gamnaaf dubbiin yoo tumsite, 2fa gootaaf onneedhaan... Read more »

Tarkaanfii beekumsarratti hundaa’etti haa seenamu

Ummanni Itoophiyaa ummata olaantummaa seeraatti cimsee amanuufi duudhaasaa ittiin beekamuudha. Baroota bilisummaafi haqni cabeera jedhee amanettis duudhaadhumasaa kana eegee ummata irree tokkoon qabsaa’eedha. Fakkeenyaaf  Oromoo  biratti ‘adaraa seeraa’ yoo jedhame gochi hamaan... Read more »