Shaampiyoonaa Atileetiksii Dargaggoota Afrikaatti hirmaannaan Itoophiyaa hir’ate

Dargaggoota Afrikaa dirree tokkorratti walitti kan fidu Shaampiyoonaan Atileetiksii Dargaggoota Afrikaa umrii 18fi 20 gadii waggaa lamatti al tokko biyyoota miseensota Konfedereeshinii Atileetiksii Afrikaatti adeemsifamaa tureera.

Shaampiyoonaa akkaakuuwwan ispoortii adda addaan dorgomtoonni ciccimoon filatamanii irratti hirmaatan kun yeroo gara yerootti miidhagina gonfatee gageeffamaa jira.

Shaampiyoonaan barana yeroo sadaffaaf Naayijeeriyaa, Magaalaa Abukaataatti adeemsifamaa jiru boru xumurama. Dorgommii guyyoota shaniif adeemsifamu kanarratti atileetonni 937 biyyoota 43 irraa walitti babba’an akkaakuuwwan ispoortii atileetiksii adda addaan irratti hirmaachaa jiru.

Qopheessituun shaampiyoonichaa Naayjeeriyaan atileetota 132n kan hirmaatte yoo ta’u, Afrikaan Kibbaa atileetoota 100n, Keeniyaan fiigicha dheeraafi gidduu galeessaan atileetota 69n dorgommicharratti hirmaachaa jiru.

Itoophiyaan ammoo jila atileetiksii 69 of keessatti hammateen dorgommicharratti hirmaachaa kan jirtu yoo ta’u, isaan keessaa atileetonni 28 ta’uun beekameera. Atileetota kunneen keessaa 20 dubartoota yoo ta’an, warri hafan saddeet ammoo dhiira. Shaampiyoonaa baranaa kanarratti atileetonni Itoophiyaa koorniyaawwan lamaaniin akaakuuwwan ispoortii atileetiksii utaalchaa ol ka’inaa, fiigicha meetira 100, meetira 400, kan kuma tokkoofi 500n, meetira kuma sadiifi meetira kuma kudhaniin hirmaachaa jiru.

Dorgommiiwwan hanga kaleessa sa’aatii boodaatti adeemsifameen dargaggoota umrii 18 gadiin dubaraan fiigicha meetira kuma tokkoofi 500n Atileet Elsaabeet Amaarech meetii, dhiiraan Dastaa Taaddasaa nahaasa argataniiru.

Fiigicha meetira kuma sadii dubartoota umrii 20 gadiin ammoo Atileet Tiraahaas Gabrahiwot meetii, fiigicha meetira kuma tokkoofi 500 dhiira umrii 18 gadiin Atileet Saamu’eel Gabramaariyaam nahaasa, fiigicha meetira kuma sadii dubaraa umrii 18 gadiin Dastaa Taaddalaa meetii, Birhaan Dastaa nahaasa argataniiru.

Dorgommiiwwan hanga kaleessa sa’aatii boodaatti adeemsifameen Itoophiyaan meedaaliyaa meetii sadiifi nahaasa sadii walumaagalatti meedaaliyaawwan jaha argatteetti.

Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Obbo Yohaannis Ingidaa wayita atileetonni gageeffaman Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, shaampiyoonicharratti hirmaannaan atileetota Itoophiyaa kanaan dura gaarii ta’us kan baranaa kanarratti gadi bu’eera jedhan.

Hirmaannaan atileetotaa shaampiyoonaa baranaa irratti akka gad bu’u kan taasise Shaampiyoonaa Atileetiksii Dargaggoota Itoophiyaa ji’a tokko dura Magaalaa Dirree Dhawaatti adeemsifametti calallii taasifameen atileetonni 88 mo’achusaanii himanii, isaan keessaa 60n umrii 20 ol ta’uun gulaalaa ala waan ta’aniifi jedhu.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa tarkaanfii kana fudhachuu kan danda’e dargaggoota gara fuula duraatti biyya bakka bu’uun hirmaatan umriisaanii calaluun kunuunsee guddisuun Shaampiyoonaa Atileetiksii Dargaggoota Afrikaarratti hirmaachuun maqaa gaarii biyyattiin ispoortii atileetiksiitiin kanaan dura addunyaarratti qabdu deebisuuf akka ta’es eeraniiru.

Itoophiyaan kanaan dura shaampiyoonicharratti dorgommiiwwan meetira kuma shaniifi kuma kudhaniin kan beekamtu ta’uu himanii, shaampiyoonaa baranaa kanarratti garuu qabxiin gadi bu’uu himaniiru.

Osoo shaampiyoonichi hinjalqabamin dura yaa’ii idilee 31ffaa Konfedereeshiniin Atileetiksii Afrikaa adeemsifamerratti miseensonni yaa’ichaa yaada kennaniin tarkaanfii Itoophiyaan fudhate kan jajjabeeffamu ta’uu kaasaniiru jedhu.

Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Dargaggoota Afrikaa umrii 18fi 20 gadiitiin koorniyaa lamaaniin atileetota ciccimoo horachushee himanii, kanneen akka Gonfaa Boonsaa dorgommii tarkaanfiitiin, fiigicha meetira 800n riikardii dargaggoota Afrikaa harkaa kan qabdu Zeeytuunaa Mahaammadiifi kan kana fakkaatan akka qabdus eeraniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 12 Bara 2017

Recommended For You