
Mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufuu hordofee sirni ijaaramaa jiru bu’aa dargaggootaa waan ta’eef inisheetiviiwwan garagaraa bocuun fayyadamummaa dargaggootaa bakka maratti mirkaneessuuf kutannaan hojjetamaa tureera.
Bu’uuruma kanaan inisheetiiviiwwan fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf gadi bu’an keessaa misoomni qarqara lagaa ykn haraa isa tokko yoo ta’u; baasii qarshii hedduu itti baasuun misoomsuun dargaggoota 5000f carraan hojii uumameera.
Carraan hojii uumame kun dargaggoonni harka namaa ilaaluurraa gara miira ofitti amanamummaa horachuutti akka cehan isaan taasiseera.
Shamarree Zuuriyaashwarqi Girmaa jiraattuu Magaalaa Baatuuti. Kutaa 12ffaa xumurtee waan qabxiin hindhufneefiif mul’anni jireenyaa harkaa bade turuu kaasti.
Duubarra garuu inisheetiivii misooma qarqarri hara Danbal mootummaan misoome hordofuun balballi jireenyaa saaqamuufii eerti.
Dargaggoota kuma shan akka Magaalaa Baatuutti qarqara hara Danbalitti carraan hojii uumameef keessaa tokko kan taate shamarreen tun carraa kennameef kana akka waan lootariin baheefiitti lakkoofti.
Sababnisaas dargaggoonni hedduu kan baratee eebbifamee bahes ta’e kan addaan kute marti maatiifi biyyarratti ba’aa ta’uu yoo kaastu; inisheetiiviin bocamee gadi bu’e dargaggoota hedduu eeggattummaa jalaa kan baase; ofirra darbanii maatiisaaniif wabii akka ta’an kan taasiseedha.
Carraa gurmaa’uu argatte qarqara hara Danbaliitti qurxummii bilcheessuun hojii uummattee hojjetaa kan jirtu yoo ta’u; guyyaatti qarshii hanga 1000 argatti.
Baasii baastuufi galii argattu giddugaleeffattee yoo ilaaltu daran fayyadamaa ta’aa jiraachuu kaastee harri Danbal madda hirbaata guyyuu ta’uurra darbee carraa hojii dinagdeenshii itti bayyanatu waan uumeefiif daran gammaduu kaasti.
Kanaan dura carraan akkasii kun dhibuusaan dargaggoonni hedduu araada hinmalleef saaxilamaa kaan godaansaan biyyaa bahaa lubbuusaanii balaaf saaxilaa jiraachuu kaastee misooma qarqara harichaa marsaa jalqabaan ishee dabalatee dargaggoonni 5000 fayadamaa ta’an carraa qabeeyyii ta’uu himti.
Aadaan hojii uummachuu haala kanaan gabbataa deemuun dargaggoota keenya qaamaanis yaadaanis kan ijaaruudha jettee; warreen isa barataniin qofa hojii barbaacha jooran fuulasaanii gara hojii uummachuutti naannessuu akka qaban dhaamti.
Namni yunivarsitii ykn kolleejiirraa eebbifame tokko waajjira mootummaatti mindeeffamee osoo hojjetee mindaansaa ji’aa meeqa akka ta’e beekuun nama hindhibu. Haaluma kanaan galiin ofiikoo argachaa jiru waliin yoon walbira qabee ilaalu natu fayyadamtuudha.
Ani guyyaatti hanga qarshii kuma tokkoon argadha. Galiinkoo baasiikoo haguugee daran fayyadamaa kan nataasisu waan ta’eef hojii uummachuun filatamaa ta’uusaaf kun agarsiistuu guddaadha.
Qurxummiin nuyi waadnee maamila keenyaaf dhiyeessinu achuma, hara Danbal keessaa kan bahu yoo ta’u; gatii madaalawaan dargaggoota gurmaa’anii qurxummii dhiyeessanirraa fudhannee battaluma sanatti tajaajila nyaataaf oolchina.
Carraan gama kanaan akka Magaalaa Baatuutti uumame daran dargaggootatti abdii jireenyaa kan horu yoo ta’u; mindeeffamanii hojjechuurra aadaan hojii uummachuu akka gabbatuuf fakkeenyummaan kan ka’uudha.
Daragaggoonni hedduu maatiitti ba’aa ta’anii turan carraa hojii dinagdeen isaan cimsu argataa jiraachuu kan kaaste shamarreen tun; tarkaaanfii mootummaan gama kanaan fudhataa jiru daran jajjabeessaadha jetti.
Sirni ijaaramaa jiru bu’aa dargaggootaa waan ta’eef dargaggoonni keenya fayyadamaa ta’aa jiru jettee; inisheetiivoonni biroos kanaa olitti carraa hojii uumaa jiraachuu ibsiti. Jalqabbiin kun cimee ittifufnaan dargaggoota omishawoofi dinagdee guddaa sochoosuu danda’an horachuun fagoo akka hintaane kaasti.
Harri Danbal har’a madda hirbaata guyyuufi dinagdeen dargaggootaa itti ijaaramu ta’ee haa tajaajilu malee gama biraanimmoo araada yaraarraa deebi’ee bakka itti qalbiisaa bashannansiisu ta’ee tajaajilaa jira.
Dargaggoonni hedduu godinaalee Oromiyaa garagaraafi naannolee biroo keessaa babahan bashannanaaf garas dhufaniif soorqalbii ta’ee kan tajaajilu yoo ta’u; baasii madaalawaan of gammachiisanii akka galan kan taasisudha.
Dargaggoo Malaakuu Iddeesaas kanneen hara Danbal qarqaratti gurmaa’uun carraan hojii uumameef keessaa tokko yoo ta’u; mana nyaataafi dhugaatii qabbanaa’aafi ho’aa dabalataan maamiltootaaf dhiyeessuun guyyaatti galii guddaa argataa jiraachuu kaasa.
Jalqaba qarqarri hara Danbal misoomee dargaggootaaf carraan hojii uumama wayita jedhamu dhugaa nutti hinfakkaanne kan jedhe dargaggoon kun; duubarra kan jechaan dhagahame gochaan arguun har’a bu’aasaa dhandhamaa jiraachuusaaf gammadaa ta’uu eera.
Eeggattummaatu seenaa ta’e. Ofirra darbuun namoota 15f carraa hojii uumuun dandahameera kan jedhe Dargaggoo Malaakuun; waldaansaanii namoota jahaan hundaa’uu kaasa.
Dargaggoonni isaan jalatti carraa hojii uummatan kunniin dhaabbiin kan mindeeffaman yoo ta’u; yeroo muraasa booda kan dhuunfaasaanii banachuuf kaka’umsa gaariirra jiraachuus himeera.
Mootummaan hudhaa dargaggoota duubatti harkisaa jiru rakkoo hojidhabdummaarratti xiyyeeffannoon hojjechuunsaa dargaggoonni eeggattummaa jalaa bahanii dinagdeen akka ofijaaran taasisaa jiraachuu eeree; isaan keessaas tokko ta’uu dubbata.
Yeroo ammaatti hojii daldala nyaata qurxummii itti jiran kana keessaa baasiisaanii cufanii kaappitaala qarshii miliyoona tokkoofi kuma dhibba shan olkeewwachuu danda’aniiru.
Daldalli nyaata qurxummii fayyadamaa nama taasisa kan jedhe dargaggoon kun; baasiisaanii waliin walbira qabanii gaafa ilaalan hojiif kan nama kakaasu ta’ee waan argameef jajjabeessaadha jechuun ibsa.
Dhiyeessii qurxummiin walqabatee dargaggoonni haricharratti gurmaahan akaakuuwwan qurxummii garagaraa gatii madaalawaan kan dhiyeessaniif yoo ta’u; fedhii maamiltootasaaniirratti hundaahuun qurxummii battaluma hara keessaa bahe ho’aasaa waaduun fayyadamtootaaf dhiyeessaa jiru.
Namoonni gara Magaalaa Baatuu dhufan marti qurxummii ho’aafi mi’aawaa nyaachuuf yoo fedhu kallattummaan gara keenya dhufa kan jedhe dargaggoon kun; yeroo ammaatti dargaggoonni naannoo biraafi Oromiyaa keessaa babahan bashannanaaf waan dhufaniif carraa dinagdeensaanii daran itti bayyanataa deemu bal’aa ta’uu ibsa.
Carra gama kanaan mootummaan jijjiiramaa uumaa jiru kan nama onnachiisu; kanamalees sirnichi bu’aa dargaggootaa ta’uusaa qabatamaan kan itti agarsiisaa jiru waan ta’eef jajjabeeffama.
Jalqabbiin isaan fayyadamaa taasise kun misooma qarqara hara Danbal marsaa 2ffaa keessatti dargaggoota kumaatama biroof carraa hojii uumuu akka dandahu kaasee; aadaan hojii uummachuu gabbachaa deemuun eeggattummaafi hiyyuma seenaa kan taasisuudha jedha.
Dargaggoonni keenya hafan fakkeenya nu taasifachuun miira hojii barbaaduu keessaa bahanii aadaa hojii uummachuu gabbifachuun barbaachisaadha.
Yoo kana hintaane waajjira mootummaa keessatti qofa mindeeffamanii hojjechuuf eebba booda bara lakkaa’uun miidhaa qorqalbiifi eeggattummaaf kan nama saaxiludha.
Kun akka hintaaneefimmoo humnaafi ogummaa qabnu walitti idaanee carraa mootummaan jijjiiramaa uumaa jiru kanatti fayyadamuun ofirra darbamee biyyaaf wabii ta’uun akka danda’amu hubachuun barbaachisaadha.
Akkuma biiftuu jirtuu suksuku jedhamu dargaggoonni keenya wayita humna qaban kanatti fiiganii hojjechuun egereefi dhaloota isaan duuba jiruuf waa olkaa’uun murteessaadha.
Yoo kun hintaane hojii barbaacha bara lakkaahuun hiyyuma waan nama nyaachisuuf gamanumaa warraaqsi dinagdee taasifamu hojii uummachuu kan giddugaleeffate ta’uu mala jedha daragaggoon kun.
Walumaagalatti inisheetiiviin misooma qarqara haroofi lagaa carraa hojii uumuu keessatti shoora olaanaa taphataa kan jiru ta’uu bu’aalee galmaa’aa jiranirraa hubachuun kan danda’amu yoo ta’u; misooma marsaa 2ffaa qarqara hara Danbal taasifamuun dargaggoonni kumaatamaan lakkaa’aman carraa hojii dabalataan kan itti uummataniidha jedhameera.
Bu’uuruma kanaan misoomni qarqara hara Danbal marsaa 2ffaan xiyyeeffannoon itti kennaamee kan hojjetamu ta’uu Kantiibaan Magaalaa Baatuu Obbo Ahimeddiin Ismaa’el eeranii; dargaggoonni barsiifata hojii barbaachaa keessaa bahanii hojii uummachuu gabbifachuu akka qaban dhaamaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 12 Bara 2017