Aadaa Oromoo haaressuun maaliif barbaachise?

Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa tibbana mataduree ‘Misooma Aadaa ijaarsa biyyaaf’ jedhuun Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqeefi Jaarsolii Biyyaa waliin Magaalaa Adaamaatti mari’ateera. Maricharratti waraqaan qorannoo mataduree ‘Haaromsa Aadaa Oromoo’ jedhuun dhiyaatee hirmaattotaan marii bal’aan irratti adeemsifameera.

Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti Daariktara Misooma Sona Aadaafi Seenaa Obbo Olaanaa Tashoomaa waraqaa qorannoo dhiyeessaniin akka jedhanitti, haaromsa aadaa Oromoo jechuun duudhaa Oromoo ganamaatti deebi’uu jechuudha. Duudhaa ganamaatti deebi’uun rakkoo biyyaa beekumsa mandhaleen hiikuufi cabiinsa suphuuf akka gargaaru eeru.Mootummaan Naannoo Oromiyaas aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa deebisuuf tattaaffii cimaa taasisaa jira. Tattaaffii hanga ammaatti taasifameen Mana Murtii Aadaa, Tajaajila Lammummaa, Buusaa Gonofaafi Gaachana Sirnaa hundeessuun hojiileen fayyadamummaa waloo mirkaneessan hedduun raawwatamaa jiru. Manni Murtii Aadaa haqa waloo, Tajaajilli Lammummaa misooma waloo, Buusaan Gonofaa tumsa waloo, Gaachanni Sirnaa nageenya waloo mirkaneessuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiru.

Manni Murtii Aadaa Jalqabaa gandoota Oromiyaan qabdu kuma torbaafi 342 keessaa gandoota kuma ja’aafi 919 keessatti ijaaramee tajaajila haqaa kennaa jira. Manni Murtii Aadaa Oldabarfataa ammoo aanaalee Oromiyaa 372 hunda keessatti hundaa’ee tajaajila kennaa jira. Manni Murtii Aadaa haqa baasuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Bara 2017 Mana Murtii Aadaatti dhimmootni kuma 388fi 788 kan dhiyaatan yoo ta’u, mana murtii idileetti ammoo dhimmootni kuma 404fi 534 dhiyaataniiru. Mana Murtii Aadaafi idilee gidduu garaagarummaan dhimmoota kuma 15fi 746 jiraachuun fudhatamummaa Manni Murtii Aadaa ummata biratti qabu agarsiisa. Barana qofa tajaajila Manni Murtii Aadaa kennaa jiruun qarshiin biliyoona 1.6, bara 2014-217tti ammoo qarshiin biliyoona 4.6 qisaasamarra baraarameera.

Manni Murtii Aadaa heddummina hojii Mana Murtii Idilee irraa hir’isuu, diinummaa xiqqeessee firummaa guddisuu, ragaa sobaa xiqqeessuu, qisaasama yeroofi maallaqaa hir’isuu, haqa baasuu keessattis gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Maalummaa Aadaa

Aadaan dinagdee, siyaasa, beekumsa, amantii, ogummaa, aartii, safuu, seera, duudhaa, barsiifata jiruufi jireenya hawaasni tokko yeroo dheeraa keessatti horateedha. Aadaan amala jijjiiramuu qaba.

Akkuma yaadni haaraafi teknolojii haaraan kalaqamaa deemuun wajjin jijiiramaa deema. Aadaan hojiitti nama kakaasu, kalaqa jajjabeessu, ofitti amantummaa jajabeessu, akkasumas hammatummaa jajabeessu guddina biyyaatiif karaa saaqa.

Haaromsa Aadaa

Haaromsi Aadaa toora xiyyeeffannaa adda baafatanii naamusa cimaan hojjechuu gaafata. Dinagdee, barnoota, teknolojiifi sirna cimaa ijaaruun jiddugaleessa haaromsa aadaati. Haaromsa aadaa keessatti naamusa hojii eeguun, hojii kabajuun, gareen hojjechuun, xiiqa’uun, bu’aqabeessummaan, baadiyyaa ammayyeessuun, ogaartiiwwaniifi ogbarruu humneessuufi tokkummaa ummataa eeguun dhimmoota murteessoodha. Haaromsa aadaa fiduuf haala ofii beekuun barbaachisaadha.

Ka’umsa Haaromsa Aadaa Itoophiyaa

Mootummaan Dargii labsii doofummaafi boodatti hafummaa balleessuu Edgat bahibirat zamacha” labsuun barsiisota, barattoota uunivarsitii, loltootaafi barattoota sadarkaa 2ffaa kuma 60 ta’an baadiyyaa biyyattii deemanii akka barsiisan labsee ture.

Muuxannoo Haaromsa Aadaa Oromoo

Har’a ga’uu eenyummaa Oromootiif yeroon sadii murteessoodha. Isaanis Haaromsa Gadaa Oromoo Jaarraa 16ffaa, Hundeeffama Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 1983fi Tarkaanfilee Mootummaa Jijjiiramaa bara 2010 booda jiraniidha.

Hundeeffamni Mootummaa Naannoo Oromiyaa Oromoon kaabaa-kibbaa, bahaa-lixaa gaaddisa tokko jalatti akka walitti qabamu, Oromiyaan Caffee ofii qabaachuun akka ofiin of bulchu, daangaan Oromiyaa har’aa kun akka sararamu, Afaan Oromoo Afaan hojii, barnootaafi miidiyaa akka ta’u, misoomni aadaa, seenaafi aartii Oromoo akka babal’atan taasiseera.

Mootummaa Jijjiiramaa (Bara 2010) booda

Mootummaa jijjiiramaa booda falaasama “Idaa’amuu”tiin duudhaa ganamaatti deebi’uu, humnoota waloo ijaaruu, barnoota Sirna Gadaafi Safuu barachuun jalqabameera. Irreechi Hora Finfinnees akka deebi’u ta’eera. Mariin biyyaalessaas adeemsifamaa jira.

Dhimmoota Haaromsa Aadaa Oromoo geggeessuuf dirqisiisan

Aadaan siyaasaa keenya boodatti hafaa ta’uun, miira miidhamaafi fincilaa keessaa bahuu dadhabuun, gilobaalayizeeshiiniin eenyummaa haaraan uumamaa dhufuun, safuun Oromoo garmalee cabaa deemuun, aadaan hojii baay’ee dadhabaa dhufuun barnootni, kalaqiifi teknolojiin keenya boodatti hafaa ta’uu dhimmoota guguddoo Haaromsa Aadaa Oromoo geggeessuuf dirqamsiisaniidha.

Haaromsi Aadaa ummata faayidaasaarratti tokkoome, sirna cimaa ijaarratu, injifannoosaa tikfatu, aadaa hojii jijjiirrate, qaroominaaf dursa kennu, aadaafi dhuudhaasaa tikfatu, qaroomina hawaas dinagdee yeroo wajjin tarkaanfatuufi barnoota teknolojiifi kalaqaaf dursa kennu horachuuf gargaara.

Beekumsa omishuu, dinagdee ceesisuu, aartii Oromoo ammayyeessuufi aadaa Oromoo ceesisuun toora xiyyeeffannoo Haaromsa Aadaa Oromooti.

Beekumsa omishuun sirna barnootaa beekumsa xabboo bu’uureffate diriirsuu, barnoota kalaqaafi hojii uumuu bu’uureffate kennuu, hojmaata kalaqa jajjabeessu diriirsuu, sirna barnootaa jaarraa 21ffaa beekumsa, ogummaafi amalaan walsimu, barnoota yaaxxina bu’uureffate diriirsuu, ogummaa Oromoo ganamaa ceesisuu of keessatti hammata.

Dinagdee ceesisuun caaseffama dinagdee jijjiiruu, aadaa hojii, yeroofi qusannaa dhalootaa jijjiiruu, dinagdee dijitaalaa sirneessuu, dinagdee damdameessa mirkaneessuu, dhaloota omisha biyya keessaatti dammaqinaan hirmaatu horachuu of keessatti qabata.

Aartii ammayyeessuun ammoo aartii Oromoo teknolojii ammayyaa deggaruu, dhaabbilee industirii aartii (fiilmii, tiyaatira, muuziqaa) hundeessuun sirneessuu, aartii Oromoo birmadeessuu, aartii Oromoo dijitaalessuu, sirna qulqullina aartii Oromoo madaalu diriirsuu, qe’ee aartii Oromoo heddumminaan hundeessuu, arkitekchariin magaalotaa (Gamoo, daandii, qubsuma) karaa eenyummaafi kalaqa Oromoo calaqqisiisaniin hojjechuu, gaalariiwwan aartii babal’isuu, sirna qulqullina aartii Oromoo madaalu diriirsuufi bu’aa aartiiwwan Oromoo dhaabbilee biyyaalessaafi idil-addunyaatti beeksisuu of keessatti qabata.

Ce’umsi Aadaa ammoo aadaa, ilaalcha, jiruuf jireenya baadiyaa jijjiiruu, eegdota sirnaafi biyyaa haaromsuu, jaarmiyaalee Gadaa gabbisuun misooma hawaasaaf oolchuu, aadaa siyaasaa jijjiiruu, dhaloota gootummaafi jaalala biyyaa qabu baay’inaan horachuu, dhaabbilee hawaasaa faayidaa waloo tiksan humneessuu, dhaabbilee tajaajila magaalotaa guddummaa Oromootiin ijaaruu, aadaa sirna nyaataa jijjiiruu, sirna haqaa olaantummaa safuu bu’uureffate diriirsuu, aadaa itti fayyadama lafaafi qabeenya uumamaa jijjiiruu, hidhata magaalaafi baadiyaa jabeessuufi aadaa Oromoo tajaajila hawaasummaa magaalotaaf oolchuu irratti xiyyeeffata.

Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu maricharratti akka jedhanitti; haaromsa aadaa jechuun sirna aadaa, duudhaafi safuu Oromoo ganamaatti deebi’uudha. Haaromsi aadaa kun siyaasi Oromoo sadarkaa barbaadamurra akka ga’u kan taasisuu waan ta’eef hojii dhalootaa dhalootatti darbee hojjetamuu qaba.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa, duudhaafi safuu Oromoo laafee ture deebisee jabeessuufi sirna Oromoo fakkaatu ijaaruuf imaammataafi labsii baasee hojiirra oolchaa jira. Sirna Gadaa jabeessuun ammoo ijaarsa biyyaa keessatti gahee olaanaa qaba.

Mootummaan naannichaa hambaaleen aadaa Oromoo bifa ammayyaa’een akka eegamaniifi kunuunfamaniif hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Haaromsa aadaa Oromoo jechuun aadaa keenya ganamaatti deebi’uu jechuudha. Haaromsi aadaa kun aadaafi duudhaa Oromoo laafee ture jabeessuuf gargaara. Safuun qaroo aadaati. Safuu cabsuun aadaa cabsuudha. Safeeffannaan ammoo safuu eega jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 12 Bara 2017

Recommended For You