Tajaajilli lammummaa cimuun misooma barnootaaf bu’uura jedhame

Finfinnee: Jireenya dhala namaa keessatti hojiiwwan boqonnaa sammuufi tasgabbii hafuuraa namaaf kennan keessaa hojiin tola ooltummaa isa tokko.

Biyya keenyattis baroota dhiyoo asitti hojiiwwan danuu tajaajila lammummaatiin hojjetamaniin haadholiin hedduun bayyanatanii imimmaan isaan bara baraan dhangalaasaa turan irraa qooreera, daa’imman maatii harka qalleeyyiirraa dhalatanii kafana daaraniifi barumsa barachuu hindandeenye baay’een daara bahanii qubee lakkaa’uu eegalaniiru.

Hojiileen miidhamtoota qaamaa baay’eef haaragalfii ta’anis hojjetamanii fuullisaanii ifee arguun yaadannoo yeroo dhiyooti. Akkasumas maanguddoonni jireenya daandiirraatiif saaxilamanii turan hojii tajaajila lammummaatiin manni ijaarameefii yeroo eebba roobsanis argineerra.

Hojiin tajaajila lammummaa kallattii irratti xiyyeeffatu maraan bu’aawwan damdaneessa kan argamsiisaa jiru yoo ta’u; fayyaan, barnoonni, qulqullinni, geejibniifi hojiin hawaasummaa dameewwan akeeka olaanaadhaan irratti hojjetamaa jiran keessaa isaan muraasa.

Baranas hojiilee eebbaa baroota darbaniif raawwataman ka’umsa godhachuun hojiin tajaajila lammummaa ifatti Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Laga Xaafootti bakka hoggansi olaanaan Naannoo Oromiyaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqeefi dargaggoota dabalatee ummanni bal’aan argametti eegalameera.

Kallattii xiyyeeffannoo tajaajilichaa kan ta’e dameen barnootaa raawwii bara darbeefi karoora baranaa ilaalchisuudhaan Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Tajaajila lammummaa ganna kanaatiin manneen jireenyaa barsiisotaa 30,444 ijaaruu dabalatee hojiiwwan hedduu ganna kanatti hojjechuuf karoorfachuus ibsu.

Bu’uuruma kanaan hojiin tajaajila lammummaa ganna kanaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Laga Xaafootti akka eegalamu ta’uu kaasaniiru.

Hojii tajaajila lammummaatiin dhimmi barnootaa hedduun kan furmaata argateefi hawwiifi abdii hawaasni barnootaaf qabu dhugoomsaa akka jirus eeraniiru.

Tajaajilichaan manneen barumsaa bu’uura boruu 2,853fi manneen jireenyaa barsiisotaa 30,444 ijaaruu, ijaarsa paarkii dijitaalaa ykn ‘ICT Park’ 460 hundeessuu, mana barumsaa haaraa sadarkaa 1ffaa 170, manneen barnootaa kana dura turan keessatti daree dabalataa 1,577 ijaaruu akka hammatu yaadachiisaniiru

Gama biraatiin dhaabbilee barnootaa moodeela taasisuu ilaalchisee manneen barnootaa bu’uura boruu 361, mana barnootaa sadarkaa 1ffaa 722, sadarkaa 2ffaa 44fi kolleejjii barnootaa sadiif dhiyeessiilee barbaachisan hunda guutuun moodeela taasisuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Bara bajataa xumuramettis manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 777 kan ijaaraman yoo ta’u; kunis milkaa’ina %78 agarsiisuu yoo himan sadarkaa baadiyyaatti mana jireenyaa barsiisaa 9952 karoorfanne keessaa 10181 karooraa ol milkaa’uu kaasaniiru.

Kanamalees manneen barnootaa 3,882 istaandardii fooyya’aan ijaaramuun tajaajilaaf oolaniiru. Walumaagalatti hojiiwwan kenniinsa tajaajila lammummaa bara bajataa xumurameetiin hojiiwwan misooma barnootaa raawwataman maallaqaan yoo tilmaamamaman qarshii biiliyoona 45.6 ta’u baasii ittita’uu Doktar Tolaan ibsaniiru.

Karoora tajaajila lammummaa bara kanaatiinis hojiiwwan misooma barnootaaf qabaman qarshii biliyoona 66.4tti tilmaamaman hojjechuuf karoorfachuun ibsameera.

Milkaa’ina hojii tajaajila lammummaa kanaaf hawaasniifi dhimmamtoonni barnootaa humna guutuun deeggarsa isaanirraa eegamu akka taasisan Doktar Tolaan dhaamaniiru.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 5 Bara 2017

Recommended For You