Gaarummaan ofiifi

Maastar Abinnat Kabbadaa Naannoo Kibbaa, Godina Kambaataa Xambaarroo Magaalaa Duraamee akka yeroo ammaatti ammoo Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa, Aanaa Addaa Xambaarroo, Magaalaa Duraameetti dhalatee guddate. Dargaggoon kun hojii tola ooltummaafi agarsiisa doqdoqqee oofuutiin beekama.

Dargaggoon kun ijoollummaasaarraa kaasee hojii tola ooltummaarratti hirmaachuudhaan beekama. Hojii tola ooltummaa maatiisaarraa barachaa akka guddate kan himu dargaggoon kun, hojii tola ooltummaa kana qarshiidhaan utuu hintaane onnee isaatiin akka jalqabe dubbata.

Hojiin tola ooltummaa gaarummaa yaaduufi gochuuraa kana hafe ulaagaa biraa kan hinbarbaachifneefi nama hundaaf eyyamamaa ta’uu kan himu Maastar Abinnat, namootaaf kennuun gama biraan Waaqayyo harkaa fudhachuu waan ta’eef waan nutti hir’atu hinqabu jedha.

Dargaggoon kun galii dhuunfaan argatuufi namootaafi dhaabbilee gara garaa irraa argatuun keessumaa namoota rakkatanii nama isaan gargaaru dhabanii daandiirratti kufan, dhukkubsatanii mana isaanii keessa ciisan, balaa namtolcheefi uumamaaf saaxilaman gargaaruudhaanis daran beekama. Dargaggoon kun harka qalleeyyota mana keessa jiraatan hinqabne, waan nyaataniifi dhugan akkasumas waan uffatan hinqabne bakka isaan jiranitti barbaadee gargaaruun beekama.

Maastar Abinnat hojii tola ooltummaa kana galii dhuunfaa isaa qofaan utuu hintaane deggarsa namoonni biyya alaafi biyya keessa jiran taasisaniin hojjechaa akka jiru dubbata. Nama gargaaruuf ji’a tokko keessatti yoo xiqqaate qarshii miliyoona tokkoo ol baasaa akka jiruufi qarshii kana namoota tola oola ooltota ta’an irraa kan argatu ta’uu dubbata gaafdeebii kanaan dura ‘EBC’ waliin taasiseen.

Hojii tola ooltummaa hojjechuuf sooressa ta’uu utuu hintaane gaarummaatu barbaachisa kan jedhu Abinnat, nama gargaaruuf kan nama kakaasu gaarummaa yaaduudha. Hojii tola ooltummaarratti hojjechuun ulaagaa tokkoyyuu hinbarbaachisu. Hojii kana hojjechuuf onnee gaarummaa yaadu qabaachuufi nama nama ta’uu qofti gahaadha jedha.

Dargaggoon namoota daandiirratti kufan, dhukkubsatanii nama yaalchisu dhaban, beela’aniifi daaran gargaaruudhaan beekamu kun, ofiis bu’aa ba’ii jireenyaa hedduu akka dabarse dubbata. Miira beelaafi dheebuu, argachuufi dhabuu rakkinaafi gidiraa ofiisaatiis argee keessa kan darbe ta’uu dubbata.

Hojii tola ooltummaa kana ijoollummaa isaatii kaasee hojjechaa jiraachuu kan himu Maastar Abinnat, hojii kana qaamolee hojii gaarii hojjetan waliin qindoominaan hojjechaa jira. Galii dhuunfaasaatiin argatuun ammoo guyyaa guyyaan abbaa, haadha, ykn nama rakkate tokko gargaaraa akka jiru hima.

Waaqayyo karaa koo namoota biroo gargaaruuf jecha na uume. Namoonni biyya keessaafi biyya alaa taa’anii karaa koo qarshii erguudhaan hojii tola ooltummaa irratti hirmaachaa jiranis jiru. Namoota rakkatan gargaaruun kan qabanirraa hir’isanii kennuudha malee qarshiin nurraa hafuufi dhiisuun walhinqabatu jedha.

Ani namoota rakkataniifi qarshiidhaan namoota rakkatan gargaaran gidduutti riqicha ta’een tajaajilaa jira kan jedhu Maastar Abinnat, namoota rakkatan gargaaruun eebba argachuudha. Waan gaarii yoo hojjenne waan gaariitu nuuf ta’a. Waan gaarii yoo hojjennu kan nu gargaaru Waaqayyoodha jedha.

Namni hojii gaarii hojjetu lafarrattis Waaqarrattis ni eebbifama. Kanaafuu dargaggoonni biroonis fakkeenyummaa koo hordofuudhaan namoota naannawaasaaniitii rakkatanii jiran akka gargaaranan gorsa jedha.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 5 Bara 2017

Recommended For You