
Dhaabbiin biqilaa sagantaa ashaaraa magariisaa Waxabajjii 24 bara 2017 labsame hordofee guyyaa guyyaan ittifufiinsaan adeemsifamaa jira. Qaamoleen hawaasaas ashaaraasaanii waloofi dhuunfaan kaa’uun hojiin milkaa’ina caaluuf hojjetamaa jiru xiyyeeffannoo hundaa argateera.
Hojii waggoota jahan darbe hojjetameen gaarri bosona uffatee roobnis lafa seenee dachaan qoore jiidhee, burqaan goge deebi’aa jira. Akka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad jedhanittis, ashaaraan magariisaa faayidaalee damdaneessa kan qabuudha.
Kan baranaa dabalatee waggoota jijjiiramaa darbanitti biqiltuuleen biliyoona 47.5, yoo kan bara dhufuu itti ida’ame ammoo biliyoona 54 qaqqabuun nidanda’ama.
Itoophiyaanota, dippilomaatota Itoophiyaatti argaman, lammiilee biyya kamuu mul’ata kana utuban, sagantaa kanatti amanan, hirmaatan, harkasaanii dhoqqeen tuqee dhaaban, kunuunsan marti milkaa’ina argameen baga gammaddan jedhan.
Hawaasa diippilomaasii dabalatee kutaaleen hawaasaa marti agarsiistuu bayyanannaa Itoophiyaa kan ta’e sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa guyyaadhaan adeemsifamurratti haaluma eegalaniin hirmaannaasaanii cimsanii ittifufuu qabu.
Sagantaan ashaaraa magariisaa jijjiirama haala qilleensaatiif deebii gochaan deggarame kennuudhaan hojii biyya kamiifuu fakkeenya guddaa ta’e kanarratti lammiileen daangaa hanga daangaatti qooda fudhachuun irraa eegama.
Jijjiirama qilleensaa balaa olaanaa uumeefi tarkaanfii gochaan deggarame barbaachisu kana hunduu dhimma ofii taasifachuu qaba. Gama kanaan Itoophiyaan kaka’umsa ministira muummeeshiitiin deebii gochaan deggarameefi biyyoota kaaniif fakkeenya gaarii ta’u raawwataa jirti. Kunis mul’ataafi kutattummaa Itoophiyaa kan agarsisuudha.
Sagantaa ashaaraa magariisaa kana karaa saayinsaawaa ta’een adeemsisuufis sadarkaa biyyaalessaarraa eegalee hanga gandootaatti darbees namoota dhuunfaatti tattaaffii cimaan taasifamaa tureera, jiras. Kanaafis bu’aa qabatamaan omisha bunaaarratti argame ragaa guddaadha.
Itoophiyaan biyya biyyoofi qilleensa waantota hundaaf mijataa ta’e qabdu waan taateef sagantaan ashaaraa magariisaa eegumsa biyyoofi qabeenyaa uumamaa waarawaa gochuuf gumaacha olaanaa qaba. Sululawwan 12 Itoophiyaan qabdu keessaa keessumaa sulula Abbayyaatti sagantaan ashaaraa magariisaa bal’inaan raawwatamaa jiraachuun kan jechaa jirru kanaaf fakkeenya gaarii ta’a.
Biqiltuulee waggoota jahan darbanitti dhaabaman biliyoona 40 keessaa biliyoonni 11 kan dhaabaman sulula Abbayyaa keessa. Kunis kunuunsa hidha guddichaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba. Hojii xiyyeeffannaan sulula Abbayyaatti raawwatameen uwwisi biqiltuusaa harka 19 irraa gara 25tti guddachuun bu’aa qabeessumaa sagantaa ashaaraa magariisaa sirriitti kan agarsiisuudha.
Walumaagalatti dhaloonni ammaa seenaa hirkattummaa dinagdee Itoophiyaa jijjiiruun biyya gama hundaan bayyanatte dhaloota dhufuuf dabarsuuf ittigaafatama qabu hubatee gadi jechuun of kennee sagantaa ashaaraa magariisaa kanarrratti hirmaachuu qaba.
Ashaaraan magariisaa qaama ijaarsa biyyaa lammiileen garaagarummaa tokko malee irratti hirmaataniidha. Sagantichi ittifufiinsa dinagdee magariisaafis wabii murteessaa waan ta’eef yaadama dhaabuudhaan bayyanachuu haa dhugoomsinu.
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 5 Bara 2017