
Finfinnee: Sababa balaa tiraafikiitiin namootni hedduun lubbuusaanii dhabaniiru, gariin immoo miidhamoo qaamaa ta’anii gargaarsa namootaa eeggachuuf saaxilamaniiru.
Akka addunyaatti waggaa waggaan sababa balaa tiraafikiitiin lubbuun namoota miiliyoona 1.9 akka darbutu gabaafama. Namoonni miliyoona 20 hanga 50tti siqan miidhaa qaamaaf nisaaxilamu.
Akka biyya keenyaattis bara 2016 qofa namoonni kuma sadiifi 111 lubbuunsaanii darbeera. Namoonni kuma 10 ol immoo miidhaa qaamaaf saaxilamuun ni ibsama. Miidhaan qaamaa mudatu daa’immanii dargaggootaafi ga’eessota umriinsaanii waggaa 5-29 ta’an du’aaf saaxileera.
Biyya keenyatti sababni balaa tiraafikii garri caalu kan mudatu hanqina ga’umsaafi naamusaa konkolaachistootaafi rakkoon diizaayinii daandii isaan ijoodha. Balaan tiraafikii %92 biyyoota galii gadaanaafi jiddugaleessa qabanitti hammaata.
Rakkoo balaa tiraafikiitiin dhufu hir’isuuf qaamoleen hundi waliin ta’uun hojjachuun barbaachisaadha. Waxabajjii 26 bara 2017 Tajaajilli Nageenya Daandiifi Inshuraansii Itoophiyaa tibbana Finfinneetti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’ateera.
Maricharratti daarektarri tajaajilichaa Obbo Jamaal Abbaasoo balaa tiraafikii keessaa konkolaattonni dhaabbilee daldalaa sadarkaa 1ffaa; kan siviikii ammoo sadarkaa 2ffaa qabachuu dubbataniiru. Qaamoleen kunneen akkuma balaa tiraafikii keessatti shoora olaanaa qaban hir’isuufis shoorasaanii bahachuu qabu jedhaniiru.
Hubannoo hawaasaa gabbisuuf karaa dhaabbile daldalaafi waldaalee sivikiin hojjachuun akka danda’amus ibsanii; balaan tiraafikii bara 2017 kan bara 2016 caalaatti dabaluufi barana hanga ji’a saglaffatti qofa namoonni 2000 ol lubbuun darbuu himaniiru.
Akka ibsa Obbo Jamaalitti balaa tiraafikiif sababa guddaan konkolaachistoota. Hanga ji’a saglaffaatti namoota miiliyoona sagaliif hubannoon kennameera. Rakkoon manneen leenjii konkolaachistootaa keessa jirus guddaadha. Lana hundeerraa furuuf hojjetamaa jira. Balaan tiraafikii % 68 sababa rakkoo konkolaachistootaan, %14 immoo hanqina teeknikii konkolaattotaatiin ta’uus eeraniiru.
Maricharatti balaa tiraafikii maatiisaaniirra gaherratti ibsa kan kennan Artisti Dassaalanyi Hayiluu, balichaan akkoonsaanii waggoota hedduuf qaama miidhamtuu taa’anii manatti hafuu dubbatu.
Balaa tiraafikii sadarkaa yaaddessaarra jiru kana aartiidhaan hawaasa barsiisuun barbaachisaadha jedhanii; mootummaafi miidiyaaleenis gaheesaanii bahachuu akka qabu dhaamaniiru.
Tamaam Abdulleetiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 5 Bara 2017