
Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa torban darbe mataduree ‘Misooma aadaa ijaarsa biyyaaf’ jedhuun abbootii Gadaa, haadholii Siinqeefi jaarsolii Biyyaa waliin Magaalaa Adaamaatti mari’ateera.
Yunivarsitii Arsiitti Daariktara Inistiitiyuutii Qorannoo Oromoo Doktar Mohaammad Namoo waraqaa qorannoo mataduree ‘Gadaa: Safuufi safeeffannaa ummata Oromoo’ jedhu maricharratti dhiyeessaniiru.
Waraqaan qorannichaa dhimmoota maalummaa Gadaa, hariiroo Gadaafi safuu, maalummaa safuufi safeeffannaa, barbaachisummaa safuufi safeeffannaa, gosoota safuu, wantoota safeeffatamaniifi sababa safeeffannaa jedhurratti xiyyeeffachuun dhiyaateera.
Maalummaa Gadaa
Oromoon bara kuma ja’aafi 418 dura irraa eegalee Gadaadhaan bulaa akka ture dubbatama. Gadaan akka namoonni waa’eesaa gadifageenyaan hinhubatin jedhan ‘Sirna’ osoo hintaane heera ykn seera Waaqaati. Seertuun dhimmoota hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee ittiin to’achuuf ammoo heerarraa seera baasan. Kanaafuu, gadaan waahallee (waahundaa) ummata Oromoo kan to’atuufi kan qajeelchuudha.
Oromoon uumamasaatiin ummata eega. Ergaa rakkoon uumamee booda araaraaf fiigu osoo hintaane dursee rakkoon akka hinuumamne ittisuu filata. Haata’u malee, yoo haala humnaa ol ta’een waldhabdeen uumame ammoo osoo babal’atee lubbuufi qabeenya irraan balaa hingeessin akka dhaabbatu taasisa. Tooftaan inni rakkoo uumame ittiin to’achuun nagaan waaraan akka jiraatu ittiin taasisu keessaa tokko mana Murtii Aadaati. Kanaafuu Gadaan ‘DNA’ ummata Oromooti.
Heeraafi seera
Oromoon seera uumaa ykn heeraafi seera Waaqaa (Laws of God)fi seera namaa (Laws of Humankinds) qaba. Aadaa Oromoo keessatti seera Waaqaa kan jedhamu kallattiin safuudhaan walqabata.
Maalummaa safuu
Safuun daandii uumamni hundi irra bahee galuudha. Safuun haada (funyoo) uumama walitti hidhuun daandii uumaan baase irra akka bahanii galan taasisuudha. Safuun koompaasii uumamni hundinuu bakka niyyaa (manii) isaanii bira gahuuf hordofaniidha. Safuun seera ayyaanni uumamoota hundaa akka walitti hinbuuneef addaan eeguudha. Safuun ilaalcha Oromoon uumaafi uumamaaf qabuudha.
Yaadni safuu jedhu yaada qabatama hinqabne jechuu miti. Akka ilaalcha Oromootti yaada gocha dhalli namaa raawwatu mara wajjin kan walqabatu, daandii sirrii, kan karaa jireenya gaariitti nama geessuudha. Safuun duudhaa hawaasa eeguudha. Kunis hawaasaa keessatti iddoo olaanaa kan qabu yoo ta’u, safuun dhala namaa bineensota biroorraa adda kan taasisuudha.
‘Safuufi safeeffannaan’ dhimmootaafi qaamota adda addaa jidduu jiraniidha. Safuun haadhaafi intala jidduutti, abbaafi ilma jidduutti, namaafi uumama jidduutti, Waaqaafi lafa jidduu jira. Safuun jireenya namaa kan qajeelchudha. Walumaagalatti akkaataa ittiin uumamni waldanda’ee, walkabajee hanga danda’ametti bakka walii kennee waliin jiraatu safuu jedhama. Safuun addaa addummaa jiru beekanii nagaan waliin jiraachuudha.
Safuun seera Waaqaa lafaati. Safuun waan hedduu of keessaa qaba. Safuu eeguun seera. Garuu, seerri hundi safuu miti. Seerri namaan tumama, nijigas. Garuu safuun hintumamus, hinbadus. Safuun seera uumamaati. Safuu eeguun immoo dirqama jireenyati. Safuun seera Waaqaa lafaati. Safuun waan hedduu of keessaa qaba. Safuu eeguun seera. Garuu, seerri hundi safuu miti.
Safuun ilaalcha ummanni Oromoo dhimmotaa maraaf qabu kan agarsiisudha. Dhimma yaadaan jiru qofa osoo hintaane gocha ilma namaa mara kan ilaallatuudha. Daandii jireenya sirrii, amala gaariitti nama qajeelchuufi ittiin jiraataniidha. Safuu kan hinqabne kan hinsaalfanne, hangafaafi quxusuu kan hinkabajneedha.
Walumaagalatti, kan Waaqayyo hinfeene, karaafi seera uumaa uumamaa Waaqayyoorraa kan jal’ate hundaaf ‘Safuu Waaqayyoof’ jedhama. ‘Safuun Waaqayyoo’ ulfina guddaadha. Kabajaafi sodaa Waaqayyoorraa seera uumaa uumamaa Waaqayyoof abboomamuurraa kan ka’e ‘Safuu Waaqayyoo’ jedhama. Namni kamuu safuu yoo hineegne rakkoo keessa gala.
Safuu jechuun gocha dhalli namaa raawwatu mara waliin kan walqabatu, daandii sirriifi qajeelaa, kan karaa jireenyaa gaariitti geessuudha. Safuun uumamni samiifi ardii keessaa hundi bakka mataasaanii qofa qabatanii akka sirnaan adeeman kan taasisuudha. Safuun sadarkaa caasaa hawaasaa keessatti akkaataa Oromoon uumaa, waliisaafi madaallii uumamaa ittiin qajeelchuudha.
Safuun seera namootaan hintumamne, kan Waaqni uumamaan nama keessa bulchuudha. Safuun seera hariiroo uumaafi uumama gidduutti gochoota ta’uu qabaniifi hinqabne adda baasuudha. Seerri kun caasaa hawaasaa keessatti, ofiifi nama biraa, angafaafi quxisuu, warra, gosaafi lammii, gidduu kabajnii akka jiraatu kan taasisuudha.
Safuun jireenya qabatamaa Oromoo qajeelchuu qofa osoo hintaane, akkaataa itti yaadu, itti dubbatu, akkaataa Waaqa waliin hariiroo itti qabaatu, ilaalcha falaasamaa, barsiifata lagannaafi amantaa hawaasichaa kallattii qabsiisa. “Iji fardaa luugama; iji namaa safuudha. Namni ofdhabe nama hinargu. Nama ofdhabe barbaachi hinargu.”
Maalummaa safeeffachuu
Safeeffachuu jechuun safuu eeggachuu ykn kabajuu jechuudha. Safeeffachuun dhalli namaa jiruufi jireenya isaa keessatti seeraa uumaa kabajanii jiraachuudha. Safeeffachuun daangaa seera uumaa ykn Waaqaa eeganii jiraachuu jechuudha. Safeeffachuun kan ulfinni maluuf hundaafuu ulfina kennuun hariiroo gaariin akka jiraatu taasisuudha.
Oromoon hariiroon gidduusaa jiru akka cimuuf walkabaja. Kana ibsuufis waantota heddu lagata. Gadaa keessatti wantoonni woyyuu ta’an hundi nilagatamu. Oromoon gaafa gammadus ta’ee na’u, Safuudha jedha. Safuun waan hunda (du’a, gammachuu, gadda, waaqeffannaa, sirba, jiruufi jireenya, horii, gaa’ila, nyaata, dhugaatii, uffannaa, koorniyaa, umuriifi kkf) keessa jira.
Oromoo biratti qabeenyi kan waloo waan ta’eef; hundi kunuunsuu qaba. Horii midhaan nyaatutti dhufanii dhiisanii bira darbuun safuudha. Horii iddoo hadiyyoo ta’etti arganii bira darbuun hindanda’amu. Horii badee qe’ee kee dhufe ol seensisanii bulchan malee hinari’an.
Namni safuu beekuufi eegu jalqaba ofsafeeffata. Kana jechuun safuun qaamaafi qalbiisaa eeggata. Namni safuu beeku qaamasaatiin waan safuu cabsu hinraawwatu. Walumaagalatti, qaamasaa guutuu waan seeraafi heera uumaa cabsanirraa eega.
Namni safuu eegu harkasaatiin waa hinballeessu, ijasaatiin waan hintaane hinilaalu, waan ijasaatiin arge hindhoksu, gurrasaatiin waan hintaane hindhageeffatu, yoo waaman osoo dhaga’u nama jalaa hindidu.
Safuu qalbii eegu yoo jedhamu; Oromoon keessa isaatti waan safuu cabsuu hinyaadu, dhokfatee nama hinjibbu, nama hinwaanyu, hindon’oomu, yaadaan woyyooma waan tokkoo hintuqu. Sababiinsaas, namni waan afaaniin hinlaganne gochaan hinlagatu waan ta’eefi. Kanaafuu, Oromoon ummata safuun bulu waan ta’eef; safuu yaadaa, jechaafi gochaa eeggatee jiraata.
Safuu yaadaa jechuun wanta yaadaan eeggachuu qabaniidha. Safuu jechaa dubbiin (arrabaan) eegu. “Arreedaa (fiigaa)
hamaan boollatti kufa, dubbataa hamaan safuutti kufa.” jechuun Oromoon yaada kana mammaaksaan ibsa. Safuun gochaa safuu harkaa, safuu miilaafi safuu qaama saalaa kan ilaallatuudha. Safuun kun raawwii waan harka ofiin raawwatamu, miilaan deemanii raawwatamuufi safuu qaama saalqunnamtii kan ilaallatuudha. Safuun seera, seera Waaqaati, safuun kabajaa uumaati, safuun seera Waaqayyoo dhalli namaa eeggatuudha.
Barbaachisummaa safuu
Safuun seera hawaasni Oromoo ittiin walkabajee waliin jiraatu akkasumas uumama biroo waliin osoo miidhaa walirraan hingahiin waliin jiraatuudha. Safuun walitti dhufeenya waantotaati. Safuu namaafi uumamaa, uumamaafi uumamaa, waaqaafi lafaafi kkf ta’uu mala. Aadaa hawaasaa keessatti waantonni hunduu iddoo uumamaafi aadaan keessatti qabantu jira. Iddoo kun eegamee akka ittifufu seerri eegu jira. Seerri kun seera Waaqarraa kennameedha. Seerri kunis safuudha.
Namni safuu beeku waan arge hin nyaatu. Fakkeenyaaf, yaboo, galfata, amaanaa, qabeenya nama laafaa, horii bade ittigale, waan lafaa argeefi kkf. Gadaa keessatti aangoon meeshaa guddaa ummata ittiin tajaajilan malee kan ittiin ofsooromsan miti. Kana jechuun aangoon amaanaa ykn yaboo guddaadha. Kanarraa ka’uun Gadaa keessatti namni aangoo sadarkaalee adda addaarra jiru ofeeggannoon socho’a. Ittigaafatamummaansaa dhala namaatiif qofa osoo hintaane uumama hunda kanneen yaa’a inni bulchu keessatti argamaniifi.
Gadaa keessatti namni tokko angoo ummanni itti kennetti seeraan fayyadamuu yoo baate Waaqaafi ummataan walitti bu’uu danda’a. Kana irraa ka’uun aangoo isaa irraa buqqa’uufi waan balleessees seeraan itti gaafatamuu danda’a. Yeroo ammaa kana namni yaboo ykn amaanaa ummataa dagatee malaammaltummaa hojjachaa oola. Namni kan dagate guddaan ija namaa jalaa dhokatee yoo waan Uumaan hinjaalanne hojjateedha .Wanti inni dagate guddaan yoo jiraate ija Waaqaa jalaa miliquu akka hindandeenyeedha.
Namni safuu beeku jiruufi jireenya keessatti akka fedhe ta’uu hindanda’u. Fakkeenyaaf, qabeenyi inni kiyya jedhu kan Uumaan yeroof ofiis ittifayyadamee namoota biroos akka ittiin gargaaru bira kaa’e ta’uu beekuu qaba. Kanaafuu, qabeenya kanatti yoo fayyadamu safuu barbaachisu eegee ta’uu qaba. Fakkeenyaaf, ofoollessuu ykn qisaasuu dhabuu, namaa qooduu, marartee barbaachisu agarsiisuufi kkf dha.
Gadaa keessatti ulfoowwan ykn woyyuuwwan heddutu jira. Isaan keessaa kanneen ijoo ta’an muraasni: Waaqaafi lafti woyyuu ykn ulfoo guguddaadha. Kanaafuu, namni safuu beeku dachii irra taa’ee; Waaqa jala taa’ee waan hamaa hinraawwatu. Akkasumas, Oromoon yeroo dachii tanarra deemus safuu eeggatee deema malee akka fedhe hinta’u.
Kanarraa ka’uun Oromoon yoo eebbifatu, “Ilma sammuun Waaqaan lolte; kan koomeen lafaan lolte; ilma kal’oo faallaa; intala kal’oo faallaa, kan qoorara ruufaa…. nurraa qabi!” jedha. Woyyooma kanneen keessaa tokko dubartii (haadhaafi soddaa)dha.
Gadaa keessatti dubartii woyyuu/ulfoo waan taateef, kabajaa guddaa qabdi. Kanaafuu, namni akka tasaa karaatti itti dhufee yoo mil’ate ijaan lafa ilaalaa yeroo sadi marga kutee itti irreeffatee hofkoltii gaafata. Akkasumas, sirni dhiiraafi dubartiin waliin raawwatan yoo jiraate dursi ishiif kennama.
Dubartiin ittigaafatamummaa idiladdunyaa waan qabduuf; hawaasa keessatti dammaqinaan hirmaatti. Gadaa keessatti dubartoonni mirga sagalee sagaleen kuffisuu qabu. Kana jechuun murtii dhiirri %99 irratti waliigalan yoo kan namaafi sa’a dhiiba ta’e kuffisuu dandeetti.
Dubartiin yoo nama tokko himatte dhuga moo dhugoo qabda hinjedhamtu. Sababiinsaas dubartiin fakkeenya dhugaati jedhamee amanama. Akkasumas, dubartiin waan feete yoo kadhatte hindhabdu. Dubartiin amala idiladdunyaa waan qabduuf hawaasa keessatti dhimmi ishee hinilaallanne hinjiru. Oromoon dubartii waraanatti hinhirmaachisu; hayyamasaanii malee waraana hindeemu.
Dubartoonni hawaasa keessatti mirga murtii kenname haquu, murtii kennuu, ajajuu, tarkaanfii fudhachuu, dippilomaatii ta’uu, aktiivistii, ta’uu, gorsuufi kkf gochuu qabu. Kanarraa ka’uun Oromoon Waaqaa gaditti dubartiitti bulu jedha.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 28 Bara 2017