“Mana jireenyaa argachuu keenyaan akka lammata dhalanneetti of ilaalla” -Jiraattota Magaalaa Shaggar

Finfinnee: Gidiraa yeroo dheeraa booda mana jireenyaa argachuusaanii akka lammata dhalachuutti akka of ilaalan lammiilee harkaqal’eeyyii Bulchiinsa Magaalaa Shaggariin manni kennameef ibsan.

Namoota halkaqal’eeyyii bulchiinsi magaalichaa torbee darbe mana jireenyaa baasii mataasaatiin ijaarsisee kenneef keessaa tokko jiraataa Kutaa Magaalaa Sabbataa kan ta’e Dargaggoo Roobalee Zawudeeti.

Dargaggoon kun rakkoo saalessa sammuu qabaachuu qofa osoo hintaane qaamnisaa marti qixa sirriin hinhojjetu. Bakkaa bakkatti socho’uufillee harkaafi miillisaa sadarkaa laamsha’uurra ga’eera.

Obboleettiinsaa Bariituu Zawudee akka jettutti, Dargaggoo Roobaleen rakkoo saalessa sammuu qofa osoo hintaane miidhama qaamaas qaba. Maatiinshee aara galfachiisuun Roobalee ofitti fuudhanii maatii horatte waliin jiraachisuu erga eegaltee waggaa torba guuteera. Dargaggoon kun deeggarsa nama biraa malee waan ofiisaa dalagatu tokkollee hinqabu.

Dargaggoon kun rakkoo hamaa keessa jiraachuun amanamee kana dura manni gandaa kennameef sababa misooma koriidariin diigamuu eertee; sana booda mana kiraatti isa waliin rakkoo ulfaataa dabarsaa turte.

Dargaggoon kun gargaarsa namaa malee mana fincaanii dhaquu waan hindandeenyeef mana fincaanii fayyadamuunuu yaaddoo guddaa ture. Amma garuu Bulchiinsi Magaalaa Shaggar mana jireenyaa meeshaalee mana keessaa waliin kennuufiin rakkoolee turan hunda waan ishee irraanfachiisuuf akka lammmata dhalachuutti akka ilaaltu ibsiteetti.

Haaluma walfakkaatuun Inispektara Olaantuu Maqdas Akliluu bara 1983 qabsootti makamuun olaantummaa seeraa kabachiisuurratti miidhama qaamaaf saaxilamte. Har’as osoo miidhama qaamaatiin hindaangeffamin mootummaafi hawaasa tajaajiluurratti argamti. Joormaa waggaa 34 booda Bulchiinsi Magaalaa Shaggar miidhaashee hubatee mana jireenyaa isheef kennuusaatti daran gammaduun, hoggansa magaalattii harkaqal’eeyyiifi miidhamtoota qaamaatti abdii jireenyaa horan hunda galateeffatteetti.

Kantiibaan Magaalaa Shaggar Doktar Tashoomaa Addunyaa barana pirojektota namarratti xiyyeeffatan dabalatee pirojektonni gaaffii ummataa bu’uureeffatan kuma sagalitti hiiqan bajata mootummaa, hirmaannaa hawaasaafi inisheetiviiwwan adda addaa qarshii biliyoona 37tti siquun hojjetamuu ibsanii; hojii misooma koriidarii, ijaarsa dhaabbilee tajaajila hawaasaa kanneen akka mana barumsaa, buufata fayyaa, giddugala teknolojiifi manneen jireenyaa pirojektota barana bal’inaan ijaaraman ta’uu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 28 Bara 2017

Recommended For You